Waamicha ABO Oromoota Miseensa ABO Turanii Kaayyoo Bilisummaa Oromoo Qabatanii fi Jaarmoolee Oromo walaba tahanii biilisumma Oromof dhaabatanif
Fulbaana 13, 2012
Waamicha ABO Jaarmoolee Oromo walaba tahanii biilisumma Oromof dhaabatanif
Ergii sabni Oromoo gabrummaa jalatti kufee kaasee Oromonni bifa adda addaa tin qabsoo blisummaa geggeessaa jiraachuun ni hubatama. Adeemsa kana keessa hireeleen adda addaa dhufanii dabranii jiru. Bu’aaleen xixiqqoon adda addaas argamanillee galii keenya maayyii hin geenye. Haala amma empire Ethiopia keessatti uumamaa jirurraa carraa argamuun malutti dhimma bahuun qabsoo teenya gara fuulduraatti furgaasuuf dhaaboonni Oromoo akkaataa amma qabsoo itti geggeessaa jiranirraa haala adda taheen hujii qabsoo qindeessuun barbaachisaa tahee mul’ata. Kanaaf ABO dhaabota Oromoof waamicha kana dabarsa.
Sabni Oromoo bara dhibba caalaa gabrummaa jala ture keessatti qabsoo adda addaa geeggeessaa ture. Yeroo tana keessatti diinni Oromoo adda qoqqoodee maqaa adda addaa itti kennuu dhaan eenyummaa isaayyuu if wallaalchisuuf hedduu carraaqe. Haa tahu malee Oromon sirna kana amanfatee hin fudhanne. Sadarkaa duraatti fincila qindoomina hin qabne naannoo naannoo dhan geggeessaa turee adeemsa keessa dhaaba biyya guutuu hammatutti geeddarate. Akka kanaanis tokkummaa sabichaa deebisee gadi dhaabee sabboonummaa dhas dagaagse.
–Guutuu Dokumenti kanaa – www.oromoliberationfront.org
Waamicha ABO Oromoota Miseensa ABO Turanii Kaayyoo Bilisummaa Oromoo Qabatanii Jiraniif
Miseensonni ABO hammi tokko yeroo adda addaatti sababoota gargaraatiif dhaaba kanarraa ala tahanii jiraachuun ni hubatama. Kana keessaa kanneen dogoggorfamanii dhaaba saanii jalatti qabsaawuu dhiisanii karaa biraatin tattaafatan ni jiru. Akkasma warri mufatanii harka maratanii taa’an fi warri sbaba adda addaa tin hifatanii qabsoorraa uf fageessanis ni jiru. Warri kaayyoo ganee mooraa diinatti gales akkasma jiru. Haa tahu malee qabsoon isaan ganama itti makaman san daran finiinaa jiraatullee galii abuurrate san hin geenye. Adeemsa kana keessa hireeleen adda addaa dhufanii dabranii jiru. Bu’aaleen xixiqqoon adda addaas argamaniiru. Haala amma empire Ethiopia keessatti uumamaa jirurraa carraa argamuun malutti dhimma bahuu dhaan qabsoo teenya gara fuulduraatti furgaasuun qooda-fudhannaa sabboontota Oromoo yoomiyyuu caalaa barbaada. Kanaaf ABO sabbontota Oromoo yeroo takkatti miseensa isaa turan kanneen kaayyoo bilisummaa saba ufiitti cichanii jiran hundumaaf dhaaba isaanii ABOtti deebi’anii qabsoo isaanii akka itti fufanif waamicha kana dabarsa.
Namni hunduu seenaa adda addaa ka dhaaba kanarraa ala itti taheen qaba. Kan himannaa qabu fi himatama qabus jiraachuun beekamaa dha. Haa tahu malee haalli amma uumamaa jiru dhimma waan taree kanarratti yeroo balleessuuf hiree nuuf hin kennu. Dhimmoota kana laaluu gaafa sabni keenya aanjaa waan akkasii keessummeessuu argateef dhiifnee saba keenya haala gadadoo gada gadaan irratti wal dabraa as gaye kana keessaa baasuurratti xiyyeeffachuun fardii taheera. Yeroo, qabeenya, beekumsa fi moyxanno qabnu hundumaa bilisummaa saba keenyaa tif oolchuun dirqama sabummaa ti jenna. Yaanni haarayni qabsoo tana if dura furgaasu yo jiraate marii bal’oo dhaabicha keessatti geggeessinuun wal fudhachiifnee tartiibaan hujiirra oolchuu wanni nu dhoowwaa tokkolleen hin jiraatu.



Wamichi kuni maaliif amma taye yaa lammii koo?Qabsoo sabaa gaggeessaa jirra moo Oromoo wal saamaa jirra?
Tole kaa Oromoofiis waaqayyootu jiraa.
Nageenyi haa dursu! Akkuma beekamu, ilmaan Oromoos tanee warri dhiiga Oromoo of keessaa hin qabne, rakkina ilmaan Oromoo irra qaqqabuuf dadhabinuma dhaaba ABO-ti komachaa jirra. Rakkinni dhalate rakkina kaayyoo ABO otoo hin taane, rakkina hooggantoota dhaaba kanaati. Dhaabni kun bakka heddutti qoodamuu kan danda’es dadhabbiifi ofee tawuu jaroota kanaa irraan kan ka’e. Fakkeenya fudhachuuf fagoo dhaquu hin barbaachisu. TPLF ilaalun ni danda’ama.
1. “Diinni Oromoo addadda qoodee —” jettu. Diinni Oromoo addadda hin qoodne. Hooggantoota ABO-tu ilmaan Oromoo addadda qooda.
2. “Misaansa ABO turanii —” jettu.
Jaroonni kun maalif MISEENSUMMAA isaanii dhiisani? Waan rakkoon hoogganoota bira jiruufi.
3. “Miseensa ABO turanii fi —” jettu. Dhaabni ABO kaayyoo bilisummaati. ‘Uummata Oromoo bilisa baasuf dhaabate (Taddessaa Birruu faa). Bu’aan dhaabni kun buuses salphaa miti. Garuu, warri hardha dhaaba kana, abdii bilisummaa ilmaan Oromoo, adaraa gootota Oromoo, dhaaba dhiiga ilmaan Oromoo (sabontoota Oromoo)hedduun hijaarame, dhaaba namni isaa jedhee lakkoofsi isaa hammana jedhamee hin tilmaamamne mana hidhaatti dararamee, qabeenya isaa saamamee, biyya abbaa isaatii dhiisee baqate, barattoonni mana barumsatii hariyamte, warri ardha hoogganan/ttan, ilmaan Oromoo tokko taasiftanii akka bilisa ba’an, akka biyya isaanitti, qe’ee isaanitti mirga isaanii kabajachiifatan gochuu dhiiftaniiti addadda qooddanii, dhaaba kanaa (ABO) maqaa balleesa jirtu. Dhaabni kun waan dhaaba maqaa ilmaan Oromoo ta’ef, abdii ilmaan Oromoo, dhaaba sabbontoota Oromoo waan tayeef hundi keessanuu maqaadhuma kanaan of muggaaftani. Nama burjaajessitani.
Fak. Ani Oromoodha. Waamicha kan nan fudhadha. Kun mirga kiyyas. Diqama kiyyas. Eenyutu na waame jedheen eenyu bira dhaqa? Lencoo, Daawut, Kamaal? Eenyu biran dhaqa? Jiddu galeessi (center) eessa jira? Gaaffin kun gaaffii ilmaan Oromoo hundaati.
Gaafa tokko namni dabballee ABO taye (ofiin jedhe)tokko, waayee rakkina uummataatifi kaayyoo ABO dubbatee, booda gaafii harmaan gadii gaafadhe.-
“ABO-n erga dhaabatee waggaa 40 tayeera. Rakkinni ilmaan Oromoo garuu itti fufeera. maalif hamma ammaatti bilisa baasuu dadhabe? Gara fuulduraattis akkamitti ‘uummata Oromoo bilisa baasa?” kan jedhu tere.
“Akka gadaatti, demokraasii irratti hundaayeti ‘uummata bilisa baasa.” jedheeti naa/ nuu deebise.
Mee isinumtuu ilaalaa! “Gadaa” fi “Adda bilisummaa (liberation front)” akkamitti wal faana deemuu dandawu?
“Gadaa”- akka seeratti mirga filamuu fi filuu irratti hundaayee, namni filatame sun yeroo filatame sanatti akka heerri sun hayyamuufitti hojjachuudha.
“Adda bilisa baasaa”- lolee, lolchiisee bilisa baasudha.
Garar bawummaan isaa gabaabinaan kana waan tayeefuu, bilisummaa karaa “demokraasii” tayeen arganna jedhanii amanuun seenaa siyaasaa qorachuu dhabuudha.
Bilisummaa eenyumtuu nama hin badhaasu. Karaa “demokraasitiinis” hin argamu.
(ABO yoo karaa demokraasiitin Oromoo bilisa baasuu barbaade, qawwee lafa kaayee, biyyatti galee harka kennatee, yoo waan hayyamaniif taye paartii isaa dhaabbatee, akka heera biyyaatti (Toophiyaatti) filmaata irratti dorgomee, yoo ‘uummanni filate parlamaa galee, yoo achi keessatti miseensi isaa baay’inaan warra kaan caalee, achi keessatti hoogganaa tayee, bulchaa biyyaa tayee yoo heera biyyatti jijjiruu danda’e qofa.)
Kana waan tayeefuu, ‘uummanni Oromoo hundinuu dhaaba ABO isa dhiiga ijoollee isaatitiin hijaarame gantuufi galtuu, warra maqa kana waamee jiraatu irraa eeggatee, wal gurmeessee bilisa bawuu qaba.
“Siyaasan tarsiimoo, toftaa, galii, olola, murtee, oduu, tarkaanfii,— malee bu’aa buusuu hin dandawu.”
‘Uummatni Oromoo amantiifi naannon, dhaaba siyaasaa addaddaatin hin qoodamu!
@Beekaa Biyyaa,
Gaafffii ati gaafatte kun yaada boodatti haafaafi isa waggaa 40 jennee haasofnu kana keessatti kan jijjirama hin finnne gaafachaa turredha. gaaffii sin gaafadha:
1. Yoo dhaabni si waame hin dhowwaattu yoo ta’e atimmoo maaliif waamuu hin yaaltu?
2. Ati amma dhugaatti gaaftook walga’ii Oromoo kan jedhamu hirmaattee ni beektaa? Ishee kana sammuukeef deebifta
Yoo dandeesse hirmaadhu kanaan achi gaaffii eessanuu nuun dhaqachuu hin dandeenye gaafachuunkee tarii akka ayyaantuu.com ilaaltu mul’isuuf yoo ta’e malee nuun(Oromoo hin fayyadu)
@Waaquma,
galatoom garuu ammayyuu oogganoota balaaleeffachaa deemuu hin dandeenyu. ABO warra ofiin jedhan kamiyyuu kan sitti tole deeggari,humnakee fi maallaqakees hin qusaatiin.
Gadaan seera, bilisummaan seera gadaa hojiirraa oolcha ni kabaja. Akka ati jette kana gamaafi gamana hin jiru. Lamaan isaaniyyuu wal deeggaranii saba tokko_saba Oromoo ijaaru
galatoom
waggaa 21 guuttu walgaifii waamichaa goochaa ooluun omaa bu’aa takkalee inqaabuu nuu dhissaa!!
Waaquma yaadaa bardeeda laafa keese galatoomi!!
Inn biraa waamichii akasi kun yeroo adda addaa godhama ture. waamichii Jaarmiyya oromoofis ta’e Miseensoota dhaaba sababaa addaa addaan dhaaba keesa bahaanif godhamu kun qamin tokkoo isanuma kessa bahee yoo waashookokkisu duwaadha.
Bara QC bara jijjirama waamicha walfakataa akkasituu godhamaa ture. garuu kan waamicha kana fudhatee oromoo hunesee waa achi siqsee hin agaree.
ammalee taannan sun ta’uf hin jiru.
Umman kan gaafataa jiruu Miseensoota dhaabaa dabalatee qabsoon oromoo sumooftee jirtti kootaa waaltajii walitti nufduu tokko nuf ummatti mada rakkoo keenyaa argnee qorchii waalin itti haa barbaanuu jechaa jirra.ammalee fuurtun achumma jirti dura suun deb’uu qabaan jedha.
akumma waamicharrati jedhame namu gaafa achi bahuu waan himate qabaa.waan namuu himatesun ammoo yoo isaafi qabsoo oromoo hin minee durumma keesa hin bahu ture. amma maaltuu jijjiramee ykn furme moo qabsootu laafin irra kara ciminatti jijjiramee waan himatu sana itti gabee waamichaa kana simataa?? tunu gaafidhaa,
Irree sabaa
@Waaquma,
dubbii babareedaa lafa keesee. Kun hundaa fi kan kana fakaataan rakkon hundi kun dura hiika argachuu qaba
Dhaloonni ammaa kuni hojii dadhabee oduutti galee? Kuni qaanii fi salphina guddaadha. ABOn rakkinna xaxaa keessa darbee asga’eera. Mee warrii ABO tti quba qabdu kunii rasaasa dhiisiiti wayyaaneetti dhagaa darbadheera yoo jetta taate asb’ii. Oduu dhageesee ofiikees laaquu dhiistee maaliif wan sirra eegamu hanga humna kee hinhojjettu. Rakkon nutti qabnuu namatti hirkachuu wan barreef yeroo hunduma nama irraa waa eegna malee hanga dandeenyu gumaachuu hinbarbaannu. Yeroo inni tokko hojjetu immoo oduudhan itti teenya malee jabaadhun hinjiru.Han bayye nama aja’ibu Siyyee Abirahhaa inni Mallasaatiin yeroo bayyee dararame warra du’a Mallassatti gamadaan sirriimitti jedhee akka amantana dhaariidhan mormaa jiru meeqan keenyattu beeka. Sababiin isaas yoo ofiif wal-dhaban illee faayyidaa saba isaanii irratti waligaluu.Meeqankeenyatu faayyidaa sabaa keenyaaf jennee waliigalla laata? Bayyeen keenyii dhageenyedhuma odeessina malee maal akka ta’e ille hinbeeknu. Rakkina kana keessaa ofiidhuma keenyaaf ba’uu qabanaa ykn immo baruma baraan qaama biratti quba qabaa umuriin keenya darba.
ball shit
ball shit ok good shit
Oromummaa adha nu barsiiftuu?
Namoonni qubaan lakkayaman, badii bara dheeraaf Oromoo irraan gahaa turan, ammas itti jiran, maqaa “Oromummaa” jedhu kanatti riiqatanii dandamachuuf kufanii ka’aa jiru.
“Waan gaadii fuudhaniif Saani hinwollaalu” jedha mammanni.
Asiif achi fiiguun isaanillee rakkoo mitii, maqaa Oromoo harkatti qabatanii daldaluun cubbuu daangaa hinqabane. Cubbuu guddoo hagana geettu Oromoon qajeelatti afoo dhaabachuu fi teedachuu qaba.
Innumti Oromoo madeessee, innumti Oromoo salphise, innumti Oromoo diina jalatti jilbiifachiise, ardha waan Oromummaa odeessuun tuffii saba Oromoo ti. Oromoo jaanjessuu isaa ammallee numatiin jira.
Wolgeettiin “Oromummaa” fuulatti haguggatee Washington DC keessati namoota hawwii qaban jaanjessuudhaan “Oromummaa” jalatti dhokatee boola ykn hallayyaa ufumaa qotatee itti uf awwaale keessaa bahuf wixxifachaa jiru kun, Qurxummii bishaan keessa baate ta’uu isaa amma itti mudhatta. Wolgeettiin godhame sunis wolgeettii ufunee(cliques) ti.
Wolgeettiin ufunee (Cliques) kun, kama ufunee (clique) san dandamachiisuuf godhame malee, akka dhama’aan gara oole fakkaatu kun qabxii 93% kenneef san onnee saba Oromoo ta dhawattu san tuqee miti.
“Xurqaayyeen ufumaa dhooftee ufumaa iyyitii” jedha mammaanni.
Oromummaan waan wolgeettiin ufunee (cliques) kun nu barsiisaa fi nutti himaa miti. Oromummaan dhiiga keenna kessa jirti. Dhiiga qulqulluu makaa hinqabne keessa jirti.
Potolikaa jaanjesuu yoo oofuu fedhe, adii bahee alalaasuu hindanda’a.
“Oromummaa” waan jedhu, yoo akkana “misused” ta’u, Oromoo hunda waan tuquuf jecha cadhisuun rakkisaadha. Keessattuu yoo akkana funyaan keenna jalatti godhamu.
Obboo Leencoo Lataa bara dheeraaf carraa gaarii argatee ture. Carraa jiruu isaa gabaabaa hafe kana kessatti lammata arguufi hinjiraanne itti taphate.
Wolabummaan haga ciqilee harkaa itti dhihaattee turte. Gurmuu namaa tiifi qabeenna diinaggeellee wolitti tuulee akka jabbii loonii keessa handaraqaa ture.
Uduu saba Oromoo imimmaan irraa dhiquu fedhii fi dandeettii qabaate silaa gaafa san ture.
Boola ufumaa qotee itti gale keessaa baafachuuf wixxifachuun, ganda keessa gulufaa “Oromummaa!! Oromummaa!!” lallabuun uf sobuu yoo taate malee carraa akka loon dhala gahee dorrobee foolatuu san argamsiisuuf, fedhiillee, dandeettillee waan qabdu hinfakkattu – Muxxanno bara dheeraa Oromoo wolficcisiiftu irraa yoo xiinxallaa godhamu jechuu kiyya.
Fakkeennaaf, Oromoo salphisuuniif diina jalatti kuffisuun, WBO moonatti rartee Tigiree funyaan itti butuun kee akkuma jirutti ta’ee, dhaaba ati hoogganaa turte keessaa fottoqee fottoqee dhaaba hagamtu as bahe?
Kuni hooggana cimaa tahuu kee mudhisaa? Dalagaan kee kun, akka ati ilaaltutti namoota akka Jonas Savimbi, fi John Garang faa tartiiba sigalchaa?
Oromoon damma keessi summii erga addaan baasee baree bubullee jira.
Oromoon Oromummaan isaa osoo worri sidhalche hindhalatin, gaafa sanyiin namaa lafa irratti daraartee jalqabee ittiin bulaa ture, ammas itti jira, duranaafis itti jiraata.
Gaafiin Oromoo birmadumma Biyya isaati – Oromiyaa Wolabaa. Gaafiin kun, gaafii mariin ykn jaarsummaan jijjiiruu miti. Gaafii rakkof jecha jijjiiramuu miti. Gaafii Tigireen Oromoo ajjeechaan hubdeef jijjiiramaa miti. Gaafii hayyoonni Oromoo jijjiiruu danda’anii miti. Gaafii daddafanii duroomuuf diinaan woliigalanii hambisanii miti. Gaafii worri adiin jaalateef jibbeef hafuu miti. Gaafii dhaabni Oromoo tokkollee jijjiiruu ykn woyyeessuu mirga irraa hinqabne. Gaafii deebisaa isaa, uduu irraa hinqoshoramin argachuu qabu.
Oromiyaa Wolaboomsuun, hooggana waan sabni isaa fedhu beeku gaafata malee, hooggana waan sabni fedhu san akka ittiin milkeessu beeku gaafata malee, hooggana waan godhu beeku gaafata malee, hooggana saba Oromoo addaan hinqoonne gaafata malee, hooggana lolee lolchiisu gaafata malee, hooggana karabaataafi kophee malee WBO woliin beelawee dheebotu gaafata malee, hooggana goota gaafata malee, hooggana Oromoo irraa dhalate gaafata malee, hooggana hoogganummaa baallii dabarsuu beeku gaafata malee, Oromiyaa Wolaboomsuun hindanda’ama! Oromiyaa Wolaboomsuu danda’amuu qofa osoo hintaane, hedduu laafa’a.
Gadaa Barii
Gbarii@gmail.com
Gadaa Barii wagaa 20 ol kanuma oloolaa batee
amma oromoon dhugaa dhukatee hubatee jira.dubdiin WBO moorati galchuu jedhu dhima kana ilaalichise Gaafi fi debii hogganoon ABO obbo Dawwudi Obbo Dhugaasaa fi Obbo Leeencoon midiyaa adda addaa irrati godhaan caqasii.garuu haagaa yoonati ittin oloolle jira nura dhisii. dubin”ullen gamas kuruupheen gamanna” dhisii sunsi ni olti nibulti male dhugaan numa baati.amma rakoon haarkaa nuqabduu yaadaa Obbo Waaquman asi oolti kahee dubsi
safuu dhaa
Obboloonni keenya waamicha ABO dhura dhaabachaa jirtan waan tokkon isin kadhadha. Yoo isiniif hin taane tahe dubbiftanii maliif mataa of dhukkubsitu hin dubbisiinaa dhiisaa.
Ani garuu miseensa ABO gameessa dhiisee keessaa ala taa’u keessaa isa tokko. Kan keessaa na baases bara 2008 gargar fottoquu ABO tahetu dhugaan gara kam akka jirtu na wallaalchisee keessaa bahee akkan irraa ala taa’u na godhe. Amma garuu dhugaan garam akka jirtu akka aduu saafaa natti ifee jira. Kanaafuu waamicha dhaaba koo kabajee itti deebhaan jira. Warri kaanis akkanuma kan itti deebihaa jiran baay’eetu jira. Kanaafuu warri isiniif hin taane yoo jiraattan itti hin rakkatiinaa dhiisaa. As teenyee yoo wal arrabsaa oolle bu’aa maal buusuu dandeenya ? Garuu kabajaa dhaan yoo wal gorsine yookii wal komanne wal amansiisuullee ni dandeenya. Kana waan taheef adaraa keessan yaa obboloota kiyya wal otoo hin arrabsiin kabajaa dhaan walitti haa dubbannu.
Galatoomaa
When we do observe the authors and commentators in the Oromo websites, we just do see two groups of Oromo nationalists and scholars: the ANTAGONIZERS and the INTEGRATORS. The antagonizers do pray the mantra of polarizing the Oromo liberation forces presenting them as if they are irreconcilable enemies being divided into two Oromo camps: pro-union and pro-independence. Usually the antagonizers cry as if the pro-union Oromo are collaborators to the Abyssinian camp. On the other hand, the integrators do look at the two post-bilisummaa Oromo goals (independence/walabummaa vs union/walfaanummaa) of the Oromo as two sides of the same coin (two sides of bilisummaa); they try to assert that both the pro-independence and the pro-union Oromo nationalists are de facto pro-bilisummaa (freedom fighters), who do have two reconcilable alternative objectives. Interestingly Woyane foot soldiers try to camouflage as pro-independent Oromo and curse the pro-union nationalists or the vice versa just for the sake of sawing a discord in Oromo liberation camp.Ttheir motive is clear: Oromo should be divided, antagonized and polarized in order to be kept weak and ruled. What is pity here is that some of our nationalists and scholars simply fall in this trap of the Woyane cadres and do the bidding of our enemy without any payment. Actually Woyane has hired a lot of cadres doing the antagonizing job with the millions of dollars being invested on this project. May God open the eyes of our fool antagonizer Oromo nationalists, who are still doing the job of Woyane without payment!
Gaafilee banaa 12 gara Qondaalota Oromoo hundaaf(Lencoo) Lataa
by Jajjaboo Sabaa on Wednesday, August 29, 2012 at 5:35pm
Amajjii 1 bara 2012 irraa egaluun odeefannoon marsaalee internet irratti hogganoota siyaasa qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) fi haayyolii oromiyaa barresaa jiran fi akkasumas raadiyoo fi televisiyonaan ibsi kennaman akka gaafile 12 armaan gadii gara injineera Yohaanis Lataa erguuf na dirqaniru.
1. Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) hundeesu kessatti qoodi Elemoo Qilxuu, Mullis Abbaa Gadaa, Jaarraa Abbaa Gadaa, jeneraal Taaddasaa Birruu, fi Magarsaa Barii hangam ture? Jechuun, qoodi hogganoota kanaa warra jaarmaa ABO bu`reesine jettanii ofi himtaniin gadii, wali-qixa, yookis daran?
2. ABO isin bu`reesitan dhugumaan ummata Oromoo bilisomsuuf yookis jaarmolee siyaasa Habashaa (Amaara + Tigiree) kanneen akka AESM, EPRP, fi kkf mormuun jiraachuuf?
3. Dr. Baaroo Tumsaa fi Badhoo Dachaasaa yeroo tokkotti bakkuma tokkotti galaafatamuun isaanii akkamiin raawatame? Wali-ajjesanii, ofi-ajjesanii, yookis ni ajjefaman?
4. Sababiin ABO kessaa gartuun Adda Bilisummaa Islaama Oromoo (ABIO) dhalchee maaliree? Garaa-garummaa ilaalcha siyaasa QBO yookis galaafatamu Dr. Baaroo fi Badhoo irraan oloola maqa-walixurresii irraa walishakuu fi waliyakkuu kessaan dhalate?
5. Miltolee ABO kanneen turan Shaabiyaa (EPLF) fi Wayaane (TPLF) dirree waranaa irratti Oromoo motummaa Darguuf lolaa turan yeroo boojiyan maalif boojiyamtoota waranaa gara ABO hin dabarsine?
6. Tarsimoon ABO cinaan jaarmaa gantotaa, dhaabbata dimokirasii ummata Oromoo (OPDO) ijaaruu enyuun karoorfamee fi raawatame?
7. Hogganaan waraana Wayyanee, gabiromfatichi Hayaloom Lagasaa bara 1992 kessa miseensa koree gidduu ABO fi hoggana Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan ture Gammachiis Dhaabaa (kitaaba Gotoota Oromiyaa: fuula 89 – 95) gara waajjira Wayaanee (TPLF) dirree Ngalee Boranaatti waamee haxummaan akka ajjeesuuf enyuu kan ajaja dhoksaan dabarse? Isaayaas + Malasaa yookis Malasaa + Lencoo yookis Lencoo + Daawuud?
8. Gammachiis Dhaabaa gotummaan hidhanoo kiyya hin hikkadhu jechuun ergii wareegameen bodaa fi yeroo qondaaloti ABO bakka maratti loltuu Wayyaneen dorsifamaa turan maaliif murteen WBO gara moraatti galchuu karoorfamee fi raawatame?
9. Ergii WBO moraa galfamee dinaan marfamee, rukutamee, ajjefamee, boojiyamee, fi facaween booda hogganni ABO sadarkaa olii nagumaan xiyyaara koruun gara biyya alagaatti baqatuun sun ummata Oromo hin qaaneesine fi yelloon kun hogganummaa ABO qulqulina hin dhorkuu?
10. Bara 1993 irraa egaluun walidhibdee jarmaa ABO kessatti babalate irraa dhalachuu gartulee Qaama Ce`umsaa ABO, Jijjirama ABO, fi Waltajjii Marii Oromoof (WMO/ODF) sababiin maali? Garaa-garummaa ilaalcha siyaasa QBO, Hayyu-durumaan ABO hogganuuf dorgomuu, yookis malaa-maltummaa hogganummaa?
11. Beekaa yookin osoo hin beekin dogongorri hogganummaa moraa ABO kessatti raawatamaa turee fi jiru kun hojii QBO laamshesera; garuu badiilee kanaaf sadarkaan gaafatamummaa Yohaanis (Lencoo) Lataa, Yohaanis Bantii (Galasaa Dilboo), fi Firewu Ayyaana (Daawud Ibsaa) wali ni gitaa? Yakkoota hojii QBO irratti raawatamaniif mana murtii senaa irratti kan himatamuu qabu jarmaa ABO yookis hogganoota ABO waliin mariyatuun qajeelfama dogongore karoorsun gara hojiitti hikuun umurii motummaa gabiromfataa dheresaniidha?
12. Dogongorri tarsimoo waraanaa karaa jeneraala Gobanaa Daacee raawatame sun Itophiyaa ilaalcha Amaarummaan dhunfatamtee turte hundeesuf akkuma senaa jarraa tokkoo kessatti qooda sadarkaa olii qabatee jiraate sana: dogongorri tarsimoo siyaasa QBO karaa injineera Yohaanis Lataa hogganamaa jiru kun,Itophiyaa ilaalcha Tigirummaan dhunfatamte hundeesu fi tiksuuf qooda sadarkaa olii qabatee jira mitii?
Mullis Abbaa Gadaa fi ilmaan Oromoo haqaaf wareegaman maraaf!
miseensaa ta’uuf akkamiin danda’a ?
Hundumaarra caalaa, nagaan Waaqayyoo isiniif haa baay’atu. Ani kanan gaddu Oromoo ta’uu koof osoo hin taane, Oromoon tokkummaa dhabuu keenyaafii. Haa ta’uu, isa darbe dhiifnee gara fuula duraatti socho’uuf, ammas tokkummaan nu barbaachisa. Nama hoogganaa ta’e tokko gorsuu fi yaada tumsu kennuufiirraa kan hafe, as deebinee- hamachuu, qeequu, yaadaan gargar ba’uu fi kan koo maaf fudhachuu dide jennee isa hoogganummaarra keenyarraa yaadaan gargar ba’uun nama hubataa fi sammuu nagaa qabu biraa kan eegamu miti. Yoo kana goona ta’es, yoomiyyuu milkaawuu akka hin dandeenye hubachuu qabna. Waaqayyo nu haa fayyisu!!!
Waarri ABO hoogganuuf aboonii fi adaraan isinitti kennamemmoo, waan sabni keessan isiniin jedhan dhaggeeffachuu fi ummatni maal jedhaa jira isa jedhu beekuun isinirraa eegama. Kana malees, nama hundumaa gammachiisuuf awaan hin danda’amneef, ‘garri caalu maal jedha?’ isa jedhu ilaalaa jechuu kooti. Lammaffaa nama kaayyoo ta’aa. Kunis, wareegama malee milkaayinni jira jennee yaaduun gowwummaa dha. kanaaf, ‘Gurella fghters, who are devoted to the level of self secrification’ qabaachuu qabdu. Hundumaarraa caalaa, qabsaa’ota ABO warra turanii fi ammas garee mormituu ta’anii, dhugaatti bilisummaa saba keenyaa ‘abbaa biyyummaa Oromiyaa’ kan deggeran hunda waliin, ifaanis ta’e harka wayyaa jalaatiin hariiroo uummachuun keessan daran nama gammachiisaa itti fufaa.
Garuu, akka yaadaatti kanan isiniif kaasuu barbaadu (yoo isin fayyade ni fudhattuu), Olaantumma bulchiinsaa Oromoon Oromiiyaa keessatti daangaa tokko malee akka qabaatuuf tattaafachuun bayeessa. Kaayyoo ofii hunda hin ibsan. Isa namoota baay’ee walii galchuu danda’uu fi diina baay’ee namaaf hin horre filatanii deemuun ammoo gamnummaa natti fakkaata. “kan keessa ofii, ofuma keessatti qabatanii, daandii itti diina Oromoo kan taate wayyaanee itti cabsuu dandeenyu qofarratti oso xiyyeeffannee daran gaarii dha akka kootti. Kanaaf, mormitoota kamii wajjin hariiroo uummattanii, diina hundee jabeeffattee ummata keenya doodessaa fi gadachaa jirtu kana nurraa calaasuuf keessaa fi alaa harka wal qabachuun daran barbaachisaa dha.
Dirree Qabsoo irraa
“Gaalli yoom bade Jennaan, gaafa morma dheerate” jedhan. Gaafni dhaabni Abo diigame gaafa hoggantummaan nama dantaa isaatiif yaadutti kennamte. Jechuun Dhaaba siyaasaa gara giddu galeessa diinagdee/dollar.