WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Afraffaa

Taammanaa Bitimaa irraa | Fulbaana 8, 2012

Dubbiftoota mandhee tanaa jaalatamoo fi kabajamoo, durseen nagaa fi nageenya isiniif hawwa! Barreeffama kana kutaa isa lammaffaa keessatti kunoo akkana jedhamee ture: “Amma kanaa gaditti bu’aleen ABO waggaa tokko keessatti argamsisee fi daddhabbiiwwan karaa kanaan muldhatanillee, tokko tokkoon tarreeffamanii xiinxalamu. Daddhabbiiwwan oggaa san turanii fi gariin kan hamma harraattillee jiran xiinxaluun, namoota keenya tokko tokko mufachiisuu dandaya. Garuu, erga qabsoo irra jiraannee, wanneen akkanaa dhiyeessuun abaluu faa gammachiisuuf yookaan mufachiisuuf otoo hin taane, waan qobsaawotaa fi sabboontota Oromoo irraa eegamu. Haatahuu malee, inni kun kutaa sadaffaa irratti waan dhiyaatuuf, mee hammasitti nagaan naa jiraaddhaa!”

Tahus akka jedhame sanitti kutaa sadaffaa itti-fufuun hin dandayamne. Waan jidduutti waayeen du’a Muummicha Ministeerota Toopphiyaa, Mallas Zeenaa ka’eef isa irratti yaanni karaa kiyyaan jiru isiniif dhiyaate. Egaa, amma akkuma kanaa olitti addeeffametti itti-fufamaa, yoo yeroon isiniif hayyame mee duukaa-bu’aa!

1) ABO ennaa waliigaltee London booda warri bosona keessa tures, warri biyyoota ambaa keessa tures, mootummaa fi caffee cewumsaa san keessatti qooda-fudhachuuf Shaggar seenu, akkasitti uummanni Oromoo kumaa-kitilaan yaa’etoo isa simata jedhee namni yaade waan jiru natti hin fakkaatu. ABO yeroo gabaabduu keessatti uummataa fi saba Oromootiin eebbifamee hammatame. Kun kan tahuu dandaye, waan ijaarsi kun miidiyaalee addaddaa fi jajjaboo wayii akka warra Wayyaanee isaan miidiyaalee ciccimoo Dargii irraa dhaaluun ololaan guyyuu lafa raasan sanii miti. ABO keenya akka Wayyaanee loltuuwwan kuma danuun lakkaawaman, tuullaawwan meeshaa waraanaa fi mootummaa fatansaa (“superpower” USA) isa cinaa dhaabate hin qabu ture. Kan inni qabuuyyu uummata Oromoo miliyoona 33-iin lakkaawamuu fi Oromoota kumaa-kitilaan lakkaawaman, kanneen Oromiyaaf jecha lubbuu ofii kennuuf qopphaawoo tahan ture. Kunimmoo xayyaara waraanaa fi taankii, tuullaa kilaashoo fi M1 kan caalu.

Ilaamee:

Bunni Jimmaa amma daraaree
Yeroon geessee galii
Garbuun Jiddaa amma daraaree
Yeroon geessee galii
Jimaan Harar amma daraaree
Yeroon geessee galii
Qamadiin Arsii amma daraaree
Yeroon geessee galii
Oromiyafan makkaraaree
Yeroon geessee galii
!”

Jechaa uummanni Shaggar guddichaa fi naannoo sanii oggaa miilaan dachee sochoosaa gara teessoo ABO, gara Gullalleetti xuruuru, uummanni Oromoo: “guyyaan diinni nurraa ka’u, ni tura malee ni dhufa” jechaa inni dhaloota irraa dhalootatti dabarsaa ture sun “amma geesse” jechuu isaati. Uummanni Oromoo erga Minilik isa mootummoota guguddoo kan Oroppaa (Biritaaniyaa Guddoo, Faransaa, Itaaliyaa fi Rusiyaa) oggaa saniitiin gargaarameen dirree waraanaatti moyamuun biyyi isaa irraa-fudhatamee kaasee, takkaa waayee bilisummaa ofii irraanfatee hin beeku. Maal godhee irraanfata warri Habashaatuu akka inni hin irraanfanne isa godhuwoo? Guyyam guyyaan sansalata gabrummaa itti-jabeessuwoo?

2) Egaa dammaqiinsi saba Oromoo fi walitti dhufeenyi Oromoota kutaalee bittaa warra Habashaa kanneen garagaraa keessatti argamanii daran cime. Oromoon walqunnamee, walsimatee, walitti booyee wal-hammate. Madaa yeroo ammaa fi godaannisa waggaalee dhibbaa olii walitti agarsisee, himee walitti himsiisee, dukkanaa gabrummaa isa hamaa san keessa hulluuqee harra walarguu isaatti gammadee, walgammachiise. Lammata eenyumtuu akka isa gargar-baasuu hin dandeenye, eenyumtuu karaa bilisummaa irraa isa deebisuu akka hin dandeenye: afaan, garaa, onnee fi qalbiin walitti agarsiisee wadaa waliif gale.

3) Akka hawwamee fi akka barbaadametti tahuu baatullee, Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) naannolee addaddaatti ijaaramee ture. Keessummaa WBO inni naannoo Barentuu (“Harargee“) waraana cimaa diina ollachisu tureeyyu. Kan biraa hafee dameen WBO inni Tuulamaa-Macca (“Shawaa“) keessa fuunyaan warra Wayyaanee jala, Gindabaratii fi Jaldutti argamuuyyuu kan laayyoo hin turre.

4) Yaanni warra Amaaraa inni: “biyya tokko, amantii tokko, afaan tokko” faa jedhamu ifumatti mataan isaa dhawamee, Toopphiyaan biyya federaalaa tahuun seera mootummaa keessatti galuun kennaa warra Wayyaanee otoo hin taane, gumoo fi gumaa qabsoon saba Oromoo fi saboota hacuucamoo kennee birootu argamsiise.

5) Oromiyaan akka hoolaa tiksee hin qabneetti asii fi achiin cicciramtullee garri sonaan irra caalu, OROMIYAA jedhamtee balaqqeessatti (“officially“) beekamuun, kaartaa addunyaa irratti dhiiga jagnoota Oromoo kan lakkoofsi isaanii danuu taheen barreeffamtee jirti.

6) Uummanni Oromoo baldhichii fi sabni Oromoo guddichi qubee ofii isaatiin dhiibbaa tokko malee, filateen afaan isaa akka barreeffachuu dandayu balaqqeessatti beekamee labsame. Kana gochuuf dursee ABO walgayii fi seminaara guddaa Unibarsitii Finfinnee keessatti kurfeessee ture. Kana irratti hayyoonni, gamnoonni, maladhooftuuwwanii fi dureewwan Oromoo argamanii, sagalee tokkoon Qubeen Afaan Oromoo akka fudhatamu murteessani. Murtii hunde-buqqisaa fi seena-qabeessa tahe kana ifumatti baasuun impaayera Toopphiyaa, Gaafa Afrikaa fi addunyaa beeksisani. Qubeen teenya, ee bareedduun akka qubee qubaa, ishiin waggaalee 20 guutuu dirree Oromiyaa kan bilisoome, Oromoota fi jaarmolee Oromoo kanneen biyyambaa (“Diaspora“) jiranii fi qabsaawota Oromoo Oromiyaa keessa lafa-jalaan ittiin dhimma bayaa turan amma gadbawuun of-beeksifte.

Qubeen Oromoo tun bara 1972 keessa hayyoota Oromoo Dr. Hayilee Fidaatiin durfamaniin qindooftee gadi-baateyyu. Dabalees bara 1978 keessa ABO-n fudhatamtee, bara 1979 keessa immoo ABO barruulee xiqqashoo, deemtuu akka goraa gormee takka keessatti akkamitti qubee qubeeffachuun akka dandayamu ifa baase. Diimtuu seena-qabeetti tana booda ABO, jaarmoleen barattoota Oromoo marti, waldaan dubartoota Oromoo fi hawaasonni Oromoo cufti ittiin-hojjachuu jalqabani. ABO dirree bilisaa baase fi Sudaan, Jabuutii fi Somaaliyaatti Oromoota kuma hedduun lakkaawaman qubeen barsiisee dukkana doofummaa keessaa baase. Kana bira kutuun barroolee (kitaabota) hedduu kanneen ijoollee fi namni guddaan ittiin-baratu baase. Jaalleewwan ABO barroolee kana baasan, ee barroolee dhaabbanni Unibarsitii tokko hayyoota fi hojjattoota meeqaa meeqaa itti-bobbaasee bara dheeraa qoratee gadi-baasuun kan walmorku kana baasan harra eessa jiru? Eebbi Oromoo fi gammachuun keenya, hunda caala WAAQNI tokkichi homaayyuu hin daddhabne umurii akkaan dheeraa, jiruu fi jireenya gammachuu isaanii haa kennu!

7) Oromiyaa guutuu keessatti akka manneen barumsaa kutaalee tokko irraa hamma kudhaniitti Afaan Oromootiin kennamu, ABO irratti hojjachuun mootummaa Wayyaanee fudhachiise. Hayyoonni Oromoo fi gargaartonni isaanii ji’a saddeet keessatti, barroolee barumsa garagaraa irratti xiyyeeffate qoppheessuun, dhugaa yoo raajiin addunyaa tana irra jiraate, raajii dinqisiisaaa hojjatani.

Ani qorannoon bara 1992 irraa kaasuun Oromiyaatti adeemsise irraa akkan hubaddhetti, hayyoota fi gamnoota Oromoo baay’eetu qooda ABO karaa kanaan qabu keessatti, maqaa obboo Ibsaa Guutamaa raajeffannoon kaasu. Ani as irratti jaalala, mararfannoo fi eebba Oromoon obboo keenya kanaaf qabu ibsuun na dhiba. Dhugaa maqaan jagnicha keenyaa kun, akkuma maqaa isaa ibsaa tahuun Oromiyaa fi Biyya Oromoo maratti ifaa jiraata. Fakkeenyi ABO inni karaa qubee fi karaa barumsa afaan ofiitiin barachuu kun, uummatoota Kuushii hedduun ennasuma fudhatame. Harra uummatoonni: Sidaamaa, Hadiyyaa, Gede’oo, Walaayitaa fi Kafichoo faa qubee irratti hundaawuun akka isaanii mijaawutti afaanota isaanii barreeffachaa jiru. Kun gammachuu Oromoo fi gammachuu uummatoota obbolaa isaa kanaati.

Egaa, isaan kanaa olitti tarreeffaman bu’aalee ABO waggaa tokkicha caffee fi mootummaa Toopphiyaa keessa ture san, argamsiise keessaa ciccimoo kanneen tahan callaa dha. Bu’aaleen uummanni keenya argachuun dhamdhamate kun akka laayyootti ilaalamuu hin qabani. Isaan qabsoo keenyaan arganne kana qarriffootti qabannee cimsachaa, kanneen hafaniif harka walqabanneetoo tarkaanfanna. Isaan kun Oromiyaa walaboomtee fi bilisoomte ijaarrachuuf, Repulka Gadaa Oromoo deebifachuuf daran nu gargaaru. Kunoo, akkuma amma argaa jirru Dhaloonni Qubee, qubee qubeeffachaa, afaan ofiitiin barreeffachaa walabummaa Oromiyaa isa akka du’aa hin oolle saniif sochowaa jira. Dhaloonni Qubees, dhaloonni qubee duraas sochowee walsochoosee, tokkoomee waltokkoomsee, karaa maraan hidhatee wal-hidhachiisee, Waamicha Saba Oromoo dukaa-bu’ee harqoota gabrummaa Habashaa caccabseetoo achi darbachuun Oromiyaa walaboomte akka hundeeffatu abdii jabaan qaba!

Ammammoo daddhabbii karaa ijaarsa sabaa kanaatiin, ABO-tiin muldhatantu kanaa gaditti tarreeffamanii xiinxalamu. Kutaan inni kun dheeratee akka yeroo keessan hin dhuunfanneef, achumaanillee akka isin hin nuffisiifneef jecha: “haa bultu dubbiin” jedhamaatii nagaa fi nageenyaan mee naaf bubbulaa!

Itti-fufa —!

==============    //    ==============

Kutaa darban:

3. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Sadaffaa
2. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Lammaffaa
1. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Tokkoffaa