WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Jahaffaa

Taammanaa Bitimaa irraa   | Fulbaana 22, 2012            

Dubbiftoota mandhee tanaa jaalatamoo fi kabajamoo, durseen dhaamsa nagaa gara keessanitti dabarsa! Barreeffama kana kutaa shanaffaa keessatti kunoo akkana jedhameeti ture: “Kanaaf, isa hafeef kutaa jahaffaa irratti walitti dachaana. Isa keessatti haalli ammaan tana biyyii fi uummanni keenya keessatti argamu, maal maal faa fakkaata? Haala kana keessaa daran of-cimsineetoo bawuuf, maal maal faa gochuu qabna. Maal maal faatu ergama dhalawwan Oromooti. Maal maal faatummoo ergama isaanii miti. Eenyu eenyu faa waliin uummanni fi sabni Oromoo tumsa qabsoo ijaarrachuu qaba, kanneen jedhaman tokko tokkoon tarreeffamanii xiinxalamu. Egaa, WAAQNI fi Ayyaanni Oromoo mee achiin nu haa gawu!” Amma Waaqa asiin nu gayeef, “hoqubaa!” jechaa gara dubbii bulfannee saniitti ceena. 

Egaayyis haallan amma biyya keenya, Oromiyaa fi dabrees impaayera Toopphiyaa keessatti argaman maal maal faa akka fakkaatan ibsuun daran barbaachisaa dha. Kunoo, erga MM (Muummichi Ministeerotaa) kan Toopphiyaa du’ee asii haalli impaayerittii keessaa tokko tokko jijjiiramaa deemaa jira. Kana ibsuuf, mee dursineetoo haaluma warra ammaan tana impaayerittii bitaa jiranii irraa haa kaanu! Jaarmaan “Adda Bilisummaa Uummata Tigraay – ABUT – TPLF” jedhamu, waggaalee 21 Toopphiyaa dhuunfatee harkatti galfachuun bitaa jira. ABUT kana gochuuf, ganaa ennaa laggeen Tigraay keessaa mootummaaa Dargiitiin lolaa ture, sagantaa duraan qabu geeddarachuun Maqalee fi Adowaa faa bira kutee Finfinnee – Shaggar seenee koraa mootummaa Habashaa qabachuuf of-qoppheesse. Sagantaa ABUT isa ganamaa, ee kan “Tigraay bilisoomsuu” jedhamu duubatti dhiisuun, “Mootummaa Dargii gombifnee uummatoota Toopphiyaa bittaa warra abbaa irree jalaa baafna” kan jedhamu imaammata ofii godhate.

Kana fiixaan baafachuuf immoo wanneen sadii lafa kaawwate. a) Yaada sooshalizimii fi komunizimii kan duraan qabu dhiisee, yaada warra Lixaa kan dimokiraasii jedhamu duukaa-bu’uu! ABUT duraan duuka-butuu xurree warra Shiinaa, booda immoo isa dhiisuun kan warra Albaaniyaa hordofaa ture. Amma immoo gargaarsa Ameerikaa argachuuf jecha, halkan tokkoon rafee ku’uun “ijaarsa dimokiraatawaa” tahe. b) Qofaa ofii kana gochuun waan hin dandeenyeef, tumsa jaarmolee biroo, keessumaa jaarmolee addoota bilisummaa sabootaa wajjin ijaarrachuu! Isaan kun yaada isaa yoo fudhachuu baatan kanneen biroo ofumaan uumuu! Kanaaf, ABUT jaarmolee uummatoota, sablammeewwanii fi saboota Toopphiyaatiif akkuma indaanqootti (lukkuutti) hanqaaquutti (buupphaa buusuutti) ka’e. Ijaarsonni ABUT-iin hanqaaqaman kun hunduu maqaa baafameef keessaa: (dimokiraatawaa) fi U (uummata) kan jedhamu qabu. Fakkeenyaaf: “Ijaarsa Dimokiraatawaa Uummata Oromoo – Oromo People’s Democratic Organisation – (IDUO – OPDO)“. ABUT ijaarsa ofiitiif “L” jechuun “bilisummaa – liberation” kennee uummatoota, sablammiiwwanii fi saboota birootiif “D - dimokiraatawaa” kan jedhu kenneefi. Isaan kanaaf, bilisummaan hin barbaachisu jechuu isaati. c) Maqaa beela oggas Tigraayi fi Toopphiyaa kaabaa keessatti bu’een, gargaarsa warra Lixaa keessumaa kan USA heddummiin argachuu fi kana keessaa gara daran irra-caalu, qabsoo hidhannoo adeemsisaa jiru irra oolchuu!

Mee kanneen biroo jechuun ijaarsota ABUT uummata Walaayitaatii, uummata Sidaamaatii fi uummata Haddiyyaa fayiif bibixxile dhiifnee gara isa kan keenyaatti, gara IDUO-tti haa ceenu! ABUT kun IDUO ijaaruuf, gandeenii fi godinoota Oromiyaa keessa labuu isa hin barbaachifne. Achuma dachee Tigraayi fi dachee Ertiraa irraa ilmaan Oromoo kanneen miseensota Waraana Toopphiyaa tahuun duulanii, booda immoo boojiyaman walitti funaanee IDUO ijaaruutu isaaf gayaa ture. Isaan kun akka uummanni Oromoo jedhutti karaa warra Wayyaaneetti agarsisuun, daangaa Oromiyaa cabsanii wajjin biyya keenya seenani. Boodas fakkaattota ofii walitti guuruun hanga Mootummaa Naannoo Oromiyaa jedhamuu dhaqabani. Gubbaa gubbaa nama ilaaluuf amma isaan kanatu Oromiyaa bulchaa jira. Garuu, nama itti-siqeetoo mildhateef: imaammanni, gorsii fi abboommiin warra Wayyaanee irraayyi kennamaafi.

Amma erga Mallas Zeenaa du’ee asii, haalli jaarmolee kanaa geeddaramuun isaa waan hin oolle. Mallas Zeenaa ijaarsota kanas, ijaarsa isaa ABUT keessaayyis warra inni hin barbaanne keessaa haramee, haramee olkaawuun yookaan achi darbachuun gurmee ofii dhaabbatee, ofiif abbaa irree tahuun gargaarsa warra USA fi warra Oroppaa sonaan argachuun turee of-tursiise. Amma erga inni du’ee asii waldiddaa lamatu jira. Inni tokko warruma Wayyaanii keessatti. Lammaffaan immoo jaarmolee innii fi jaalleewwan isaa uummatoota birootii ijaaran keessatti. Warri Wayyaanee, Barakat Sim’oon faa dubbiin tun akka duriitti itti-fufamuun waan isaaniif hin malleef, nama Walaayitaa akka MM-tti kooraa korsiisanii jiru. Garuu, inni akkuma mallattoo tokkootti achi taa’a malee, aangoon ammas warra duuba isaa jiru, Tigrootuma harkatti argama. Dabaleesoo Tigrootuma Mallas achi ofirraa qabee fi kanneen inni ofitti qabe jidduutti waldiddaan ni jirti. Kun marti walitti cuunfameetoo yoo ilaalamu, inni kun uummataa fi saboota hamma harraatti ukkaamfamanii bitamaa jiraaniif, qaawa xiqqoo wayiillee taatu haalli mijaawaan ni jirti. Ammoo dubbiin isaan kun haala kanatti dhimma-bawuun of-jabeessanii, gara fuulduraatti tarkaanfachuu dandayuu kan jedhamu.

Amma humnoota impaayerittii keessaa yoo ilaalle, bakka guguddaa sadiitti qoodamu. Isaanis: 1) Humnoota nafxanyoota moofaa. 2) Humnoota nafxanyoota haaraa. 3) Humnoota saboota fi sablammeewwan dagabaafamanii (koloneeffamanii). Egaa, isaan kun of-keessatti qoqqoodama xixiqqaa qabaachuu ni dandayu; qabusi. Mee amma armaan gaditti itti-siquun homnoota bakka sadiitti ramadaman kanneen haa ilaallu!

1) Humnoonni nafxanyoota moofaa jaarmolee garagaraa, kan karaa sabaatiin Amaara tahan of jalatti hammatee argama. Amala gita-bittee fi muummiyyeewwan (iliitota) Amaaraa taheeti, isaan bara Hayila-Sillaasee irraa kaasee hamma ammaatti jaarmaa yookaan gurmee (murana) wayii gaafa ijaarratan shaabbaa “Toopphiyaa” jedhamu itti-maxxanfatu. Dhugaa dha; bara Dargii kan akka “EPRP” fi “ME’ISON”  sabdanee “multi-ethnic” kan tahan ni turani. Eekaa, ni turani. “Turaniin” kun jarrillee harrumayyuu ni jiruu, garuu isaan keessa cobni (cophni) sabdanee wayiituu homaa waan hin jirreefi. Mirkana; isaan nama Oromoo tokko, nama Guraagee tokko yookaan kan biraa of-keessaa qabachuu dandayu. Haatahu malee, kun jaarmolee isaanii kana ijaarsota sabdanee hin jechisiisu. Maali Habta-Goorgis Dinagdee (Qusee Dinagdee) waan mootummaa Minilik keessa tureef, Yilmaa Dheeressaa waan mootummaa Hayila-Sillaasee keessa tureef, isaan kana mootummaa Amaaraa fi Oromoo hin taasisu. Ingilizoonni-llee mee koloniiwwan isaanii kanneen akka: Gaanaa, Naajeriyaa, Keeniyaa, Zaambiyaa fi Taanzaniyaa faa karaa muummichoota Afrikaatiin (“African Chiefs“) bitaa turani. As irratti nafxanyoota moofaas tahanii nafxanyoonni haaraan akka warra Ingilizii “indirect rule“-n (harka-wayaa jalaatiin) Oromiyaa, Ogaadeniyaa fi Biyya Sidaamaa faa bitaa jiru jechuu kiyyaa akka hin taane, qalbeeffachuun mishaa dha!

Silaallee akkuma barri geeddaramaa adeemu dhalli namaas geedddaraa, yaada badaa duratti qabu wayyeeffachaa, karaa teeknolojiitiin callaa otoo hin taane, karaa yaada sammuu faas wayyeeffachaa deema. Garuu, akka amma iliitoota Amaaraa kanneen unibarsiitota irraa “BA, MA” fi “Ph.D.”-tiin eebbifamanii bayan, karaa walqixxummaa fi bilisummaa sablammiiwwanii fi sabootaa bakkuma akaakayyuuwwan isaanii: Minilik, Raas Daargee fi Raas Birruun faa turanitti argamu. Raajii Waaqaa, safuu namaa! Baratu bakkuma duraan turetti dhaabatee hafe moo, jarreen kanatu bara duraan jiran keessatti dhaabatanii hafuu qofa otoo hin taane, bardhibbee 21-ffaa irraa gara bardhibbee 19 fi 20-ffaatti duubatti deemuun xallisaa jira?

Wanni kun as irratti kan kaafameef, seenaa jarreen kanaa ibsuuf otoo hin taane, waan Oromoota keenya keessaa gariin isaan waliin humna tumsaa “nuuf” dhaabuuf battisaa jiraniifi. Inni kunillee gara boodaatti baldhinaan itti-deebiyamee xiinxalamaa, mee amma gara nafxanyoota haaraatti haa ceenu!

2) Isaan kun warra amma biyya Toopphiyaa jedhamtu tana kan uummataa fi Biyya Tigree irraa hafe, dhiddhiitee bitaa jiru, warra Wayyaaneeti. Isaan karaa tokko tokkoon obbolaa isaanii warra nafxanyoota moofaa irraa addadda; karaa gaafii uummatoota koloneeffatamoo-tiin jechuu kiyya. Isaan ofii isaanitiifuu, yoo akka uummatoota Kibbaa fi Oromoo faa tahuullee baatan cunqursoo fi hacuuccaa warra Amaaraa jala turani. Kanaaf, gaafii uummatoota cunqurfamoo kaasuun amma tokko deebii kennuuf yaalani. Kaanillee gara hojiitti geeddarani; jechuun biyya federaala tahe faa ijaaruu, afaanonni uummatoota koloneeffamanii akka manneen barumsaatti kennaman faa gochuu. Haatahuu malee, isaan kan ofii isaanii irraa hafe, kan warra kaanii jaalataniitii miti. Gaafiiwwanii fi qabsoo uummatoota akka Oromoo fayiin dhiibamaniiti. Otoo ABO faa wajjin kana gochuu baataniiyyuu, akkuma dhufaniitti harroota isaanii offatanii Tigraayitti deebiyuu isaanii ture. Kanammoo akkamitti gochuu dandayu? Qabeenyi Oromiyaa inni lafa gubbaa fi inni lafa jalaa ijaa babaasee isaan ilaalaa turewoo! Akkamitti isaan aannanii fi damma Oromoo, murachiisaa dilbiiwwan Oromoo fi daadhii keessaa isa booka, sabbuu (warqii) fi buna Oromoo dhiisaniitoo baddaa Tigraay sanitti deebiyu? Eenyumtuu inni qawween biyya keenya cabseetoo gale, gaaf tokko qawween cabsamee nurraa ka’uun isaa gonkumaa waan hin oolle!

Warri Wayyaanee akkuma Oromiyaa seenanin dukkana uffatanii, ennaa hedduus ifumatti aduu qaqqaammachaa qabeenya uummataa fi saba Oromoo firoottan isaanii san wajjin haratanii oldabarsuutti ka’ani. Mukkeenillee muranii, mannee barumsaa keessaa minjaalotaa fi kursiiwwanillee gara biyya ofiitti dabarsani. Kun olola Oromoota barataniitiin kan oofamu wayii otoo hin taane, kan uummanni Oromoo gamnichii fi gara-laafessi sun ifumatti beeku. Boosettiin takka: “qayya kiyya; meerree qayyi kiyya?” jennaan, “nama si hin beekne bira deemitii waayee qayya keetii odeessi!“,  jedheen abbaan warraa ishii jedha mammaaksi Oromoo tokko. Waayeen warra Wayyaanota “keenyaa” kunis akkanumaa, kan hafe booda itti-deebiyama.

3) Humnoonni kutaa sadaffaa kana jalatti ramadaman kun immoo ijaarsotaa fi gurmeewwan sablammiiwwanii fi saboota gabrummaa warra Habashaa jalatti kufani. Isaan keessaa hamma tokko maqaa dhawuuf: jaarmolee Oromoo kanneen addaddaa, adda bilisummaa Somaalota Ogaadeen, Adda Bilisummaa Sidaamaa, jaarmaa uummatoota Gambeellaa fi kan warra Benshaangul fayi. Isaan kun akkuma uummata Oromoo harqoota gabrummaa Habashaa jala waggaalee 130 ol kan jiraatani. Takka cimaa takka laafaa haa deemu malee, akkuma keenya dirree qabsoo keessatti argamu. Manneen hidhaa nafxanyoota moofaa fi nafxanyoota haaraa wajjin turani. Harras wajjumaan achi keessa jiru. Mana guddicha, ee Toopphiyaa mana hidhaa sablammiiwwanii fi sabootaa taate tanas, wajjumaan caccabsaniitoo keessaa bawu!

Haatahuutii, isa kanaa fi kanneen hafan mara kutaa torbaffaa keessatti walumaan ilaalla. Kutaa san keessatti: a) Haalli jaarmoolee Oromoo kanneen bilisummaaf dhaabatanis haa tahuu, kanneen empaayera Toopphiyaa dimokiraatessuuf deemanii ilaalama. b) Uummanni, sabnii fi Biyyi Oromoo, Oromiyaan waanjoo gabrummaa Habashaa jalaa akka bayaniif, maal maal faa gochuu qabna? c) Maal maal faatu jaramoolee bilisummaa Oromiyaa irraa eegama? d) Namtokkeewwan Oromoo irraawoo maal maal faatu eegama? e) Oromoonni bilisummaaf dhaabatan biyyattis, alattis eenyu, eenyu faa waliin tumsa qabsoo ijaarratu? f) Silaa kan dursinee irratti ijaajjinu qabeenya Oromoo fi kan Oromiyaatii, gargaarsa karaa alaatiin argamuwoo akkamitti horachuu dandeenya? — faa kanneen jedhaman kallachumatti kaafamuun tokko tokkoon xiinxalamuu, mee hammasitti nagaa fi nageenyaan naaf bubbulaa!

Itti-fufa —!