WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Jahaffaa
Taammanaa Bitimaa irraa | Fulbaana 22, 2012
Dubbiftoota mandhee tanaa jaalatamoo fi kabajamoo, durseen dhaamsa nagaa gara keessanitti dabarsa! Barreeffama kana kutaa shanaffaa keessatti kunoo akkana jedhameeti ture: “Kanaaf, isa hafeef kutaa jahaffaa irratti walitti dachaana. Isa keessatti haalli ammaan tana biyyii fi uummanni keenya keessatti argamu, maal maal faa fakkaata? Haala kana keessaa daran of-cimsineetoo bawuuf, maal maal faa gochuu qabna. Maal maal faatu ergama dhalawwan Oromooti. Maal maal faatummoo ergama isaanii miti. Eenyu eenyu faa waliin uummanni fi sabni Oromoo tumsa qabsoo ijaarrachuu qaba, kanneen jedhaman tokko tokkoon tarreeffamanii xiinxalamu. Egaa, WAAQNI fi Ayyaanni Oromoo mee achiin nu haa gawu!” Amma Waaqa asiin nu gayeef, “hoqubaa!” jechaa gara dubbii bulfannee saniitti ceena.
Egaayyis haallan amma biyya keenya, Oromiyaa fi dabrees impaayera Toopphiyaa keessatti argaman maal maal faa akka fakkaatan ibsuun daran barbaachisaa dha. Kunoo, erga MM (Muummichi Ministeerotaa) kan Toopphiyaa du’ee asii haalli impaayerittii keessaa tokko tokko jijjiiramaa deemaa jira. Kana ibsuuf, mee dursineetoo haaluma warra ammaan tana impaayerittii bitaa jiranii irraa haa kaanu! Jaarmaan “Adda Bilisummaa Uummata Tigraay – ABUT – TPLF“ jedhamu, waggaalee 21 Toopphiyaa dhuunfatee harkatti galfachuun bitaa jira. ABUT kana gochuuf, ganaa ennaa laggeen Tigraay keessaa mootummaaa Dargiitiin lolaa ture, sagantaa duraan qabu geeddarachuun Maqalee fi Adowaa faa bira kutee Finfinnee – Shaggar seenee koraa mootummaa Habashaa qabachuuf of-qoppheesse. Sagantaa ABUT isa ganamaa, ee kan “Tigraay bilisoomsuu” jedhamu duubatti dhiisuun, “Mootummaa Dargii gombifnee uummatoota Toopphiyaa bittaa warra abbaa irree jalaa baafna” kan jedhamu imaammata ofii godhate.
Kana fiixaan baafachuuf immoo wanneen sadii lafa kaawwate. a) Yaada sooshalizimii fi komunizimii kan duraan qabu dhiisee, yaada warra Lixaa kan dimokiraasii jedhamu duukaa-bu’uu! ABUT duraan duuka-butuu xurree warra Shiinaa, booda immoo isa dhiisuun kan warra Albaaniyaa hordofaa ture. Amma immoo gargaarsa Ameerikaa argachuuf jecha, halkan tokkoon rafee ku’uun “ijaarsa dimokiraatawaa” tahe. b) Qofaa ofii kana gochuun waan hin dandeenyeef, tumsa jaarmolee biroo, keessumaa jaarmolee addoota bilisummaa sabootaa wajjin ijaarrachuu! Isaan kun yaada isaa yoo fudhachuu baatan kanneen biroo ofumaan uumuu! Kanaaf, ABUT jaarmolee uummatoota, sablammeewwanii fi saboota Toopphiyaatiif akkuma indaanqootti (lukkuutti) hanqaaquutti (buupphaa buusuutti) ka’e. Ijaarsonni ABUT-iin hanqaaqaman kun hunduu maqaa baafameef keessaa: D (dimokiraatawaa) fi U (uummata) kan jedhamu qabu. Fakkeenyaaf: ”Ijaarsa Dimokiraatawaa Uummata Oromoo – Oromo People’s Democratic Organisation – (IDUO – OPDO)“. ABUT ijaarsa ofiitiif “L” jechuun “bilisummaa – liberation” kennee uummatoota, sablammiiwwanii fi saboota birootiif “D - dimokiraatawaa“ kan jedhu kenneefi. Isaan kanaaf, bilisummaan hin barbaachisu jechuu isaati. c) Maqaa beela oggas Tigraayi fi Toopphiyaa kaabaa keessatti bu’een, gargaarsa warra Lixaa keessumaa kan USA heddummiin argachuu fi kana keessaa gara daran irra-caalu, qabsoo hidhannoo adeemsisaa jiru irra oolchuu!
Mee kanneen biroo jechuun ijaarsota ABUT uummata Walaayitaatii, uummata Sidaamaatii fi uummata Haddiyyaa fayiif bibixxile dhiifnee gara isa kan keenyaatti, gara IDUO-tti haa ceenu! ABUT kun IDUO ijaaruuf, gandeenii fi godinoota Oromiyaa keessa labuu isa hin barbaachifne. Achuma dachee Tigraayi fi dachee Ertiraa irraa ilmaan Oromoo kanneen miseensota Waraana Toopphiyaa tahuun duulanii, booda immoo boojiyaman walitti funaanee IDUO ijaaruutu isaaf gayaa ture. Isaan kun akka uummanni Oromoo jedhutti karaa warra Wayyaaneetti agarsisuun, daangaa Oromiyaa cabsanii wajjin biyya keenya seenani. Boodas fakkaattota ofii walitti guuruun hanga Mootummaa Naannoo Oromiyaa jedhamuu dhaqabani. Gubbaa gubbaa nama ilaaluuf amma isaan kanatu Oromiyaa bulchaa jira. Garuu, nama itti-siqeetoo mildhateef: imaammanni, gorsii fi abboommiin warra Wayyaanee irraayyi kennamaafi.
Amma erga Mallas Zeenaa du’ee asii, haalli jaarmolee kanaa geeddaramuun isaa waan hin oolle. Mallas Zeenaa ijaarsota kanas, ijaarsa isaa ABUT keessaayyis warra inni hin barbaanne keessaa haramee, haramee olkaawuun yookaan achi darbachuun gurmee ofii dhaabbatee, ofiif abbaa irree tahuun gargaarsa warra USA fi warra Oroppaa sonaan argachuun turee of-tursiise. Amma erga inni du’ee asii waldiddaa lamatu jira. Inni tokko warruma Wayyaanii keessatti. Lammaffaan immoo jaarmolee innii fi jaalleewwan isaa uummatoota birootii ijaaran keessatti. Warri Wayyaanee, Barakat Sim’oon faa dubbiin tun akka duriitti itti-fufamuun waan isaaniif hin malleef, nama Walaayitaa akka MM-tti kooraa korsiisanii jiru. Garuu, inni akkuma mallattoo tokkootti achi taa’a malee, aangoon ammas warra duuba isaa jiru, Tigrootuma harkatti argama. Dabaleesoo Tigrootuma Mallas achi ofirraa qabee fi kanneen inni ofitti qabe jidduutti waldiddaan ni jirti. Kun marti walitti cuunfameetoo yoo ilaalamu, inni kun uummataa fi saboota hamma harraatti ukkaamfamanii bitamaa jiraaniif, qaawa xiqqoo wayiillee taatu haalli mijaawaan ni jirti. Ammoo dubbiin isaan kun haala kanatti dhimma-bawuun of-jabeessanii, gara fuulduraatti tarkaanfachuu dandayuu kan jedhamu.
Amma humnoota impaayerittii keessaa yoo ilaalle, bakka guguddaa sadiitti qoodamu. Isaanis: 1) Humnoota nafxanyoota moofaa. 2) Humnoota nafxanyoota haaraa. 3) Humnoota saboota fi sablammeewwan dagabaafamanii (koloneeffamanii). Egaa, isaan kun of-keessatti qoqqoodama xixiqqaa qabaachuu ni dandayu; qabusi. Mee amma armaan gaditti itti-siquun homnoota bakka sadiitti ramadaman kanneen haa ilaallu!
1) Humnoonni nafxanyoota moofaa jaarmolee garagaraa, kan karaa sabaatiin Amaara tahan of jalatti hammatee argama. Amala gita-bittee fi muummiyyeewwan (iliitota) Amaaraa taheeti, isaan bara Hayila-Sillaasee irraa kaasee hamma ammaatti jaarmaa yookaan gurmee (murana) wayii gaafa ijaarratan shaabbaa “Toopphiyaa” jedhamu itti-maxxanfatu. Dhugaa dha; bara Dargii kan akka “EPRP” fi “ME’ISON“ sabdanee “multi-ethnic” kan tahan ni turani. Eekaa, ni turani. “Turaniin” kun jarrillee harrumayyuu ni jiruu, garuu isaan keessa cobni (cophni) sabdanee wayiituu homaa waan hin jirreefi. Mirkana; isaan nama Oromoo tokko, nama Guraagee tokko yookaan kan biraa of-keessaa qabachuu dandayu. Haatahu malee, kun jaarmolee isaanii kana ijaarsota sabdanee hin jechisiisu. Maali Habta-Goorgis Dinagdee (Qusee Dinagdee) waan mootummaa Minilik keessa tureef, Yilmaa Dheeressaa waan mootummaa Hayila-Sillaasee keessa tureef, isaan kana mootummaa Amaaraa fi Oromoo hin taasisu. Ingilizoonni-llee mee koloniiwwan isaanii kanneen akka: Gaanaa, Naajeriyaa, Keeniyaa, Zaambiyaa fi Taanzaniyaa faa karaa muummichoota Afrikaatiin (“African Chiefs“) bitaa turani. As irratti nafxanyoota moofaas tahanii nafxanyoonni haaraan akka warra Ingilizii “indirect rule“-n (harka-wayaa jalaatiin) Oromiyaa, Ogaadeniyaa fi Biyya Sidaamaa faa bitaa jiru jechuu kiyyaa akka hin taane, qalbeeffachuun mishaa dha!
Silaallee akkuma barri geeddaramaa adeemu dhalli namaas geedddaraa, yaada badaa duratti qabu wayyeeffachaa, karaa teeknolojiitiin callaa otoo hin taane, karaa yaada sammuu faas wayyeeffachaa deema. Garuu, akka amma iliitoota Amaaraa kanneen unibarsiitota irraa “BA, MA” fi “Ph.D.”-tiin eebbifamanii bayan, karaa walqixxummaa fi bilisummaa sablammiiwwanii fi sabootaa bakkuma akaakayyuuwwan isaanii: Minilik, Raas Daargee fi Raas Birruun faa turanitti argamu. Raajii Waaqaa, safuu namaa! Baratu bakkuma duraan turetti dhaabatee hafe moo, jarreen kanatu bara duraan jiran keessatti dhaabatanii hafuu qofa otoo hin taane, bardhibbee 21-ffaa irraa gara bardhibbee 19 fi 20-ffaatti duubatti deemuun xallisaa jira?
Wanni kun as irratti kan kaafameef, seenaa jarreen kanaa ibsuuf otoo hin taane, waan Oromoota keenya keessaa gariin isaan waliin humna tumsaa “nuuf” dhaabuuf battisaa jiraniifi. Inni kunillee gara boodaatti baldhinaan itti-deebiyamee xiinxalamaa, mee amma gara nafxanyoota haaraatti haa ceenu!
2) Isaan kun warra amma biyya Toopphiyaa jedhamtu tana kan uummataa fi Biyya Tigree irraa hafe, dhiddhiitee bitaa jiru, warra Wayyaaneeti. Isaan karaa tokko tokkoon obbolaa isaanii warra nafxanyoota moofaa irraa addadda; karaa gaafii uummatoota koloneeffatamoo-tiin jechuu kiyya. Isaan ofii isaanitiifuu, yoo akka uummatoota Kibbaa fi Oromoo faa tahuullee baatan cunqursoo fi hacuuccaa warra Amaaraa jala turani. Kanaaf, gaafii uummatoota cunqurfamoo kaasuun amma tokko deebii kennuuf yaalani. Kaanillee gara hojiitti geeddarani; jechuun biyya federaala tahe faa ijaaruu, afaanonni uummatoota koloneeffamanii akka manneen barumsaatti kennaman faa gochuu. Haatahuu malee, isaan kan ofii isaanii irraa hafe, kan warra kaanii jaalataniitii miti. Gaafiiwwanii fi qabsoo uummatoota akka Oromoo fayiin dhiibamaniiti. Otoo ABO faa wajjin kana gochuu baataniiyyuu, akkuma dhufaniitti harroota isaanii offatanii Tigraayitti deebiyuu isaanii ture. Kanammoo akkamitti gochuu dandayu? Qabeenyi Oromiyaa inni lafa gubbaa fi inni lafa jalaa ijaa babaasee isaan ilaalaa turewoo! Akkamitti isaan aannanii fi damma Oromoo, murachiisaa dilbiiwwan Oromoo fi daadhii keessaa isa booka, sabbuu (warqii) fi buna Oromoo dhiisaniitoo baddaa Tigraay sanitti deebiyu? Eenyumtuu inni qawween biyya keenya cabseetoo gale, gaaf tokko qawween cabsamee nurraa ka’uun isaa gonkumaa waan hin oolle!
Warri Wayyaanee akkuma Oromiyaa seenanin dukkana uffatanii, ennaa hedduus ifumatti aduu qaqqaammachaa qabeenya uummataa fi saba Oromoo firoottan isaanii san wajjin haratanii oldabarsuutti ka’ani. Mukkeenillee muranii, mannee barumsaa keessaa minjaalotaa fi kursiiwwanillee gara biyya ofiitti dabarsani. Kun olola Oromoota barataniitiin kan oofamu wayii otoo hin taane, kan uummanni Oromoo gamnichii fi gara-laafessi sun ifumatti beeku. Boosettiin takka: “qayya kiyya; meerree qayyi kiyya?” jennaan, “nama si hin beekne bira deemitii waayee qayya keetii odeessi!“, jedheen abbaan warraa ishii jedha mammaaksi Oromoo tokko. Waayeen warra Wayyaanota “keenyaa” kunis akkanumaa, kan hafe booda itti-deebiyama.
3) Humnoonni kutaa sadaffaa kana jalatti ramadaman kun immoo ijaarsotaa fi gurmeewwan sablammiiwwanii fi saboota gabrummaa warra Habashaa jalatti kufani. Isaan keessaa hamma tokko maqaa dhawuuf: jaarmolee Oromoo kanneen addaddaa, adda bilisummaa Somaalota Ogaadeen, Adda Bilisummaa Sidaamaa, jaarmaa uummatoota Gambeellaa fi kan warra Benshaangul fayi. Isaan kun akkuma uummata Oromoo harqoota gabrummaa Habashaa jala waggaalee 130 ol kan jiraatani. Takka cimaa takka laafaa haa deemu malee, akkuma keenya dirree qabsoo keessatti argamu. Manneen hidhaa nafxanyoota moofaa fi nafxanyoota haaraa wajjin turani. Harras wajjumaan achi keessa jiru. Mana guddicha, ee Toopphiyaa mana hidhaa sablammiiwwanii fi sabootaa taate tanas, wajjumaan caccabsaniitoo keessaa bawu!
Haatahuutii, isa kanaa fi kanneen hafan mara kutaa torbaffaa keessatti walumaan ilaalla. Kutaa san keessatti: a) Haalli jaarmoolee Oromoo kanneen bilisummaaf dhaabatanis haa tahuu, kanneen empaayera Toopphiyaa dimokiraatessuuf deemanii ilaalama. b) Uummanni, sabnii fi Biyyi Oromoo, Oromiyaan waanjoo gabrummaa Habashaa jalaa akka bayaniif, maal maal faa gochuu qabna? c) Maal maal faatu jaramoolee bilisummaa Oromiyaa irraa eegama? d) Namtokkeewwan Oromoo irraawoo maal maal faatu eegama? e) Oromoonni bilisummaaf dhaabatan biyyattis, alattis eenyu, eenyu faa waliin tumsa qabsoo ijaarratu? f) Silaa kan dursinee irratti ijaajjinu qabeenya Oromoo fi kan Oromiyaatii, gargaarsa karaa alaatiin argamuwoo akkamitti horachuu dandeenya? — faa kanneen jedhaman kallachumatti kaafamuun tokko tokkoon xiinxalamuu, mee hammasitti nagaa fi nageenyaan naaf bubbulaa!
Itti-fufa —!
– Taammanaa Bitimaa gurree@web.de
Kutaa darban:
5. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Shanaffaa
4. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Afraffaa
3. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Sadaffaa
2. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Lammaffaa
1. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Tokkoffaa


Obbo Taammanaa,
Barreeffama dhiheessaa jirtuuf hedduu galatoomi. Kutaa itti aanu (kutaa torbaffaa) keessatti bal’inaan ibsuuf ykn xinxaluuf gaafiilee ciccimoo bulfatte. Gaafiileen kunis kan deebii bal’aa barbaadani fi rakkoolee keenyaafis furmaata kennuu danda’an waan fakkaataniif, xinxala gaariidhaan akka nutti deebitu abdiin qaba. Jabaadhu!
Barreeffama kee kana keessatti maqaaleen jaarmayoolee tokko tokkoo akka ati barreessite osoo hin taane akkana natti fakkaata:
Dhaaba Dimokiraatawaa Uummata Oromoo (DhDUO) – OPDO
Adda Bilisummaa Biyyoolessa Ogaadee (ABBO) – ONLF
Ob. Taamanaa,
I know that you do belong to one of the very integrative Oromo commentators, scholars and writers. You are neither DiGa nor FiGo. DiGa is simply Diina Gamna, a Woyane cadre, who is payed and doing his job of antagonizing the Oromo liberation camp for the sake of his own advantage, whereas FiGo is Fira Gowwaa, a fool Oromo, doing the same job of Woyane without any payment. When we look at the authors and commentators in the Oromo websites, we just do observe two groups of Oromo nationalists: the ANTAGONIZERS and the INTEGRATORS. The antagonizers do pray the mantra of polarizing the Oromo liberation forces presenting such Oromo nationals as if they are irreconcilable enemies being divided into two camps: pro-union and pro-independence. Usually the antagonizers cry as if the pro-union Oromo are collaborators to the Abyssinian camp. On the other hand, the integrators do see the two post-bilisummaa Oromo goals (independence/walabummaa and union/walfaanummaa) of the Oromo people as two sides of the same coin (two sides of bilisummaa). They try to assert that both the pro-independence and the pro-union Oromo nationalists are de facto pro-bilisummaa (freedom fighters), who do have two reconcilable alternative objectives. Interestingly Woyane foot soldiers do camouflage as pro-independent Oromo and curse the pro-union nationalists or vice versa just for the sake of sawing a discord in Oromo liberation camp. Their motive is clear: Oromo should be divided, antagonized and polarized in order to be kept weak and ruled. What is really pity here is that some of Oromo nationalists and scholars simply fall in this trap of the Woyane cadres and do bidding of the enemy without any payment. Actually Woyane has hired a lot of cadres doing the antagonizing job with the millions of dollars being invested on this project. May God open the eyes of our fool antagonizer Oromo nationalists, who are still doing the job of Woyane without payment!
Otherwise, to comprehend the political difference you wrote about, let us look at the four current political blocs in the empire:
- andinet hayiloch (unity forces): those forces, whom I can designate as Abyssinian Centralist Forces (ACF) are still trying to bring back the unitary empire as it had been before 1991, with the pretext of Ethiopian unity, still nostalgically longing for the empire, which was dominated by Amhara (old Nefxenyaa) and Amharinya. This group wants to re-achieve the past & obsolete ‘Oromian extinction within Amhara empire;’
- abiyotawi hayiloch (revolutionary forces): the current ruling fascist regime of Woyane’s (New Nefxenya’s) revolutionary democratic forces, which also can be named as Abyssinian Bantustanist Fronts (ABF) are striving to keep the evil status quo of the temporary ‘Oromian occupation within Tigrean empire’;
- abironet hayiloch (unionist forces): those federalists, who try to achieve both national autonomy for all oppressed nations and regional union for common benefit, be it in the name of Ethiopia or the Horn of Africa. This group includes the forces of some oppressed nations including Oromian Democratic Federalists (ODF), which want to realize a tactical ‘Oromian autonomy within Ethiopian union’ as a transitional solution;
- arinet hayiloch (independence forces): those oppressed nations fighting for an independence of their respective nations, like the Ogadenian and Oromian Liberation Forces (OLF) do, are freedom fighters, who are determined to push further for an ‘Oromian independence within African union’ as a lasting solution with more citizens’ liberty and national security.
Fact on the ground is that old-Nefxenya’s Ethiopia of andinet hayiloch belongs to the past; neo-Nefxenya’s Ethiopia of abiyotawi hayiloch is only temporary; a NEW oppressed Nations’ Ethiopia of abironet hayiloch will be transitional; and an Oromian independence of arinet hayiloch is the realistically anticipated future!
Integrator (Fayyis Oromia),
Your comment with the same content and message has now really been boring. What makes this comment boring is not only its message but that you post it everywhere under every article on all Oromo websites.
You are insulting the others who have different opinions on the contrary to yours by saying FiGo. Having different opinion is not gowwummaa. For me, gowwummaa is posting the same comment again and again and everywhere. Do you know the Oromo proverb: “Gowwaa fi waraqanni waan qaban tokko gadi hin lakkisan (gadi hin dhiisan)”? This applies to your comment. Stop singing the same song!
You say Oromian autonomy within Ethiopian union is a transitional solution. To achieve this goal you (Fayyis) used to write about the necessity of an All-Inclusive-Alliance which also includes Habesha democratic forces. Let me ask you some questions. Do you thin and believe that these Habesha forces and other forces of the empire you consider as unionist forces can buy your idea of transitional solution or you are fooling yourself? Is this not gowwummaa? Among these forces particularly the Habesha forces, which do you, think can support independent Oromia? For me the answer is NOBODY. If so, why are you fooling yourself and call the others FiGo. You are best example of FiGo not others.
“….The foes of the Oromo liberation movement, who are now trying to pour benzine on the conflict, do differ from the genuine Oromo nationalists in the ‘direction of their gun;’ they do direct their gun (verbal bullet) on Oromo nationalists, who do have different approaches towards bilisummaa Oromo and walabummaa Oromia, whereas the genuine Oromo nationalists, consequently and consciously, try to direct their gun unto the current tormenting enemy, unto the colonizers now ruling in Finfinne palace. Our foes do shoot continuously the Oromo nationalists, who do have different approach, whereas the genuine Oromo nationalists try to tolerate all Oromo political groups, which are having different tactics and strategies towards both bilisummaa and walabummaa. So, let all Oromo nationalists check the direction of our gun; we do have no problem with the different positions of our gut; we can love independence or union as some of us do claim, but just let’s wake up and see how many Oromo nationalists we sometimes mistakenly kill with our verbal bullet. Accordingly, both the pro-independence Oromo nationalists and the pro-union ones need to refrain from unnecessary orgy of throwing stones at each other, and to better concentrate on the feasible methods we can use to shoot in unison at the main current enemy, at the Woyane….”
Fira Gamna,
your tantrum against Ob. Integrator speaks a million about you! How can an Oromo national with sound mind be so irritated bexause of such a noble message from Ob. Integrator?
Integrator, Bilise Ajaayiba (most probably all three one person, the first two anyway)
Ajaayiba,
If you are Integrator or Bilise,
Don’t tell me that I am irritated but just answer my questions and secondly stop posting the same comment again and again! I am not against the message of the comment but find it boring because it has repeatedly been posted everywhere. That is why I said this is gowwummaa.
If you are not the same person I mentioned above,
Just read my message again. I am neither irritated nor against anybody. It is his/her right to express his/her opinion whether it is constructive or not. I only said don’t repeat the same comment everywhere and insult the others.
sa boo yaa jarana maaluma haasawutti jirtan??.nama rakkoo bakka jirtu hubateetu furmaata(deebisaa) laataa, mee dura ofumaafuu waliigalaa.ummanni oromoo erga nama isaa dhimmamu dhabe bulee oolee abdiillee kutatee jira, sababni isaas hundinuu(………)eenyuufii maalif akka dadhabaa jiran kan hubatan natti hin fakkaatu. Garuu akka dhiitetti waan haftuu guyyaa tokko numa bariiti.
“…The main two forces we do now see struggling in Oromia and/or Ethiopia in such sense of creating disunity or unity are the Abyssinian forces, who do everything under the sun to weaken Oromo’s power by using the divide-and-destroy method, and the Oromian forces, which try to fix this problem of discord in the Oromo national liberation movement with the purpose of strengthening the Oromo people. No question that to be liberated, the Oromo nation must be a force/humna. For this potentially great nation to be humna, it is fact that tokkummaa of the Oromo national liberation forces is necessary. The tokkummaa we need should not necessarily be structural unity so that all national liberation forces be in one stronger organization, as we used to dream and wish, but surely, the unity of purpose among all the Oromo national liberation organizations is mandatory and a must. The main principle used by the Abyssinian camp to hinder the Oromo nation from being such a humna is as mentioned above by sowing a discord and using the colonial method of divide-to-destroy.
To that effect, particularly, the Woyane cadres do apply the so called ‘AME principle’: the acronym standing for antagonize-moralize-emotionalize. Nowadays, they do try to antagonize the two goals envisioned by the OLF, even though we know that one of the goals will prevail based on the future decision of the Oromo public per referendum: ‘Oromian autonomy within Ethiopian union’ vs. ‘Oromian independence within African union.’ Furthermore, both kaayyoo’s are not antagonistic to each other for the fact that the first kaayyoo is a very good prelude to the second. The cadres go on and try to moralize (paint as if Oromian autonomy is bad like a devil, and Oromian independence is good like a divinity, or vice versa). After moralizing the two goals like this, they further try to emotionalize (try to manipulate the Oromo nationals, so that we do develop an immense hatred against an Oromian autonomy, and of course, have an enthusiastic love towards Oromian independence, or the reverse).
Regarding such move of the Woyane cadres to create division upon viewing order, the main areas of operation observed in the last 20 years of their rule are: the Amhara-Oromo divide, where they do try to make sure that these two camps never find a common denominator and forge a sort of alliance against their regime; the Amhara-Amhara conflict, where they try to hinder the andinet/unity of the Amhara camp, which can challenge their power in Finfinne palace; and the Oromo-Oromo discord, where they try to do everything under the sun to avoid any sort of tokkummaa in the Oromo national liberation camp, which, not only can take over power in Finfinne, but also liberate the whole Oromia from the Abyssinian domination forces. Oromo nationalists in particular, and all the anti-Woyane forces in general, should try to neutralize this malicious action of the Woyane by promoting the Oromo-Oromo tokkummaa, by not opposing the Amhara-Amhara andinet, and by being open for the possible Amhara-Oromo tibibbir/alliance/tumsa. It is clear that the forces, which want to create disorder/division/disunity upon viewing order, are doing their job in the Oromo national liberation camp continuously and untiredly. But, why do the forces of order/tokkummaa/unity not have such diligence and try their best to deal with these destructive forces of disorder?…”
Obbo Taammanaa,
Barrefama waamicha saba oromoo dhi’eesaa jirtuufi baayyee galata gudda argadhu. Barrefama isa itti aanutti gara uumaataa ykn jaarmolee, gara saba fi namtokkee (b fi e) ti yeroo deebiituu mee aarsaa (qoodaa) ijaarsonnii fi hawwasoonii arman gaditti argamani aarsuu qaban ykn. dandaani balisii nuuf ibsi.
Ijaarsa Hawwisoota (artist)
Ijaarsa dargagoota
Ijaarsa dubartoota
Hawwasnii Amantii marsa
kan Christanaa
kan Isilamaa
kan Waaqeefatta
Ijaarsaa baratoota (TBOA kkf)
Ijaarsaa beektota (OSA)
.
.
Kun hundii qabsoo keenyaafi karaa garaa garaa wirtu fi humna ta’uun baachuu fi galmeedhaan ga’uufi qoodaa gudda qabu.
Galatoomi
Why should we spend so much time analyzing the forces of the habashas when our own forces are so fragmented? By the way, all these so-called forces are paper-forces. They are non-existent. There is no bigger and stronger force than that of the Oromo if only we stop admiring the naftagnas (past and current) and look within ourselves.