WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Lammaffaa

Taammanaa Bitimaa irraa | Hagayyaa 16, 2012

Dubbiftoota mandhee tanaa jaalatamoo fi kabajamoo, mee nagaan obbolummaa fi Oromummaa haa dursu! Barreeffama kana kutaa isa tokkoffaa keessatti akkana jedhamee ture: “Qabsoon sabaa fi uummata keenyaa kun kufaa-ka’aa bara 1970-mootaa fi bara 1980-mootaa keessa qaxxaamuruun, bara 1990 irraa dhaqqabe. Barreeffamni kun kutaan inni lammaffaan, bara kana irraa ka’uun itti-fufamaa, mee ammasitti nagaa fi nageenyi qeyee keessan irraa hin dhabamini!”

Egaa, amma akkuma jedhame san itti-fumaatii yoo yeroo fi wanneen biroo isiniif hayyaman, mee na dukaa bu’aa-kaa! Mootummaan Dargii inni lafaa fi wanneen biroollee mootummaa Hayila-Sillaasee irraa dhaale sun, waggaalee 17 guutuu namoota kumaatamaan lakkaawaman hidhaa, garafaa, waadaa, ajjeesaa ture. Mootummoonni Habashaa walduraa duubaan dhufaniitoo Oromiyaa fi uummatota obbolaa fi olloota isaa tahan, gara-jabeessummaa fi gara-bineensummaan bitaa turani. Kana ammallee warri Wayyaanee kun ittuma jiru. Wanneen mootummaan Dargii uummatoota keenya irra dhaqqabsiise keessaa, wanneen sadii mee akka fakkeenyaatti haa kaafnu! Warri Dargii kun ijoollee dargaggoo fi shamarraan faa kan ajjeesse, fidee ganda, qeyee fi mana warreen isaanii fuulduratti darbachuu; xiyyiittii nama ittiin ajjeese deebifachuuf, reeffa namaa manfayyaa (hospitaala) keessatti gurgurachuu; gandeeni fi manneen humna waraanatiin buqqisiisee qute-bulaa keenya bakka tokkotti walitti hareetoo qubachiisuu fayi. Kaan immoo biyyoota Abashaa irraa fideetoo uummata keenya irra qubachiisuu faa dabalata.

Mootummaan Habashaa kan Darguu jedhamu kun, biyyoota fatansaa (“Super Powers“) keessaa isa tokkotti, jechuun (Tokkummaa Sobiyeetitti) hirkachuun waggaalee 17 guutuu biyya unkuraa ture. Uummata Eritraa kan bilisummaa ofiif qabsaawaa ture, doguugee lafarraa fixuuf: “nuti lafa Eritraa, Galaana Diimaa malee, uummaticha hin barbaannu” jechuun uummata kana lafa irraa duguuguuf aggaame. Uummata Habashaa keessaa kan isa tokko tahe, uummata Tigraay: “wanni isaani irraa argamu shookii takkallee nuuf bituu hin dandayu” jechuun, isa eeboon isaan madeesse caalaa arraba isaa addaggee saniin madeesse.

Gandeeni fi manneen Oromoo buqqisee, buqqisiisee onsun uummata keenya barabaraan koloneeffateetoo bituuf dhaadate. Galmoota Waaqeffannaa kaan buqqisee, kaan gubee: caaccuu fi kallacha, siiqqee fi bokkuu dhoowwee, dhoowwisiisee, dabreyyuu caccabseetoo gubuun, uummata Oroomoo aada-maleessa, saba  Oromoo biyya-maleessa taasisuuf olka’eetoo aggaame. Doofummaa fi bisaambummaan “barbarity and savagery” kun cufti, gara-jabeessummaa fi bineensummaan kun marti uummanni Oromoos, uummanni Ertiraas, uummatoonni Toopphiyaa kaanis akka harka-kennatan isaan hin goone. Matumaa qabsoon karaa garagaraatiin akka itti-fufamu isaan taasise. Qabsoon saboota gabroomfamanii fi uummatoota cunqurfamanii kun, akka Dargiin miseensota isaa erguun magaalaa Londonitti jaarmolee bilisa-baaftuu saboota waliin haasawu isaa dirqisiise.

Jaarmolee Lonodon irratti akka “Mootummaan Ceyumsaa kan Toopphiyaa” ijaaramu, waliigalteen mallateessan keessa Addi Bilisummaa Oromoo isa tokko. San booda bantiin mootummaa gorraatuu sanii, Mangistuu Hayila-Maaramii fi jaalleewwan isaa : kan “nama dhiisitii qilleensa fi shulayyuu (bubbeeyyuu) towannoo keenya jala galchina“, jedhaniitoo guyyuu bokkisaa turan amma yeroon geenyan: “yaa miila keenya  nu baasi!”, jechuun dheenfa dabooroo itti-kutuun biyyarraa baqatani.

San booda jaarmaan warra Tigree, Addi Bilisummaa Uummata Tigraay (“TPLF“) otoo ABO faa wajjin waan tokkollee walii hin galin, daangaa Oromiyaa cabsuun biyya keenya humnaan seenee qabate. Harroota isaa ooffatee, kilaashoo fafannifatee daangaa keenya cabseetoo seenullee, uummanni keenya eeboo fi shimalaan dura goruun isaa hin oolle. Keessumaa uummanni naannoo Sadan Liiban: Iluu-Galaan, Calliya, Torban Kuttaayee, Afran Walisoo keessaa inni Kuttaayeen waldaangessu loltuu warra Habashaa kana dura dhaabachuun biyyaa fi ofirraa ittise. Dura-dhaabannoon uummata keenyaa kun hamma ammattuu, warra Wayyaaneetii godaannisa naqarsaa yoo tahu, uummata Oromootii-mmoo boonsisaa dabalamaa tahee argama. Ee, Mallas Zeenaa otoo Ambo abjuunillee itti-dhufee isa naasisuu kunoo gara addunyaa biraa, deemuu isaati.

Paarlamaa fi Mootummaa Ceyumsaa kan Toopphiyaa kana keessatti ABO fi jaarmoleen Oromoo afur qooda fudhatanii jiru. Jaarmolee Oromoo oggaa san jiran keessaa ijaarsa tokko callaatu, jechuun IBSO-tu otoo “loltuun Wayyaanee Oromiyaa gadi-lakkisee hin bayin, ani qooda keessatti hin fuddhu jechuun hafe. Haatahu malee, bu’aaleen uummataa fi saba Oromootii ABO waggaa tokkicha kana keessatti argamsiise, kan raajeffatamu, kan Oromoo hundaas boonsisu! As irratti bu’aalee argamanii fi daddhabbiiwwan turanillee itti-siqneetoo yoo xiinxalle, isa harra deemnuuf nu gargaara jedheen yaada.

ABO Finfinnee-Shaggar seenee, otoo baatii takkallee hin tahin, Oromiyaa guutuu keessatti uummata Oromootiin eebbifamee hammatame. “Raajii Waaqaa! Uummanni kun dur eessa tureeti amma akkanatti mandiyee, hangayee kan olka’e“?, Jechuun namoonni malaaleffachuun gaafatanillee ni jiru. Garuu, nama uummata Oromoo san keessatti dhalatee guddateef, raajiin kun akka gaaf tokko dhalatu ni beekama. Waggaalee 140 kanneen keessa takkaa: “gaaf tokko Sidaamni nurraa ka’ee, birmadummaan keenya deebiyuun isaa hin oolu!“, jechaa ture uummanni Oromoo guddichi. Kanaaf, bakka walgayeetoo sirbu maratti: “kaawoon deebitewoo, deebitewoo! “, Jedhee sirbuu hin dhiifne; hin irraanfanne. Madaa fi godaannisa harqoota gabrummaa Habashaa fi abdii inni bilisummaaf qabu sanitu, akkanatti sochoosee isa kaase malee, qorricha jaalleewwan ABO isa obaasan wayii miti!

Oggaa ABO qeyee seena-qabeessicha Shaggar keessaa Gullalleetti, yaa’ii waamu lafa baldhoo sanitu dhipphata. “Ennaa nuti walgayii jara keenyaa dhaquuf yaanu, mataan konkolaatota walitti maxxanii yaa’anii yoo Gullallee gawu, fagaarri konkolaatota kaanii ganaa Piyaassaa, Mijjirii Dagool cinaa jira.”, jedha namni Oromoo tokko kan yeroo san Finfinnee keessa jiraatu*. Yoom kana irratti dhaabate? Gaafa jagnichi keenya kan amma lubbuun jiru, jaallee Galaasaa Dilboo bosona Oromiyaa isa bara dheeraa mana ofii taasifate san, caakkaa Barentuu (“Harargee“) keessaa bayeetoo Shaggar seenuun, haasawa uummataaf godhe bakki yaa’ii kan jararaan: “Mijjirii Qabsoo – Abiyoot Addabaabaay“, jedhamu dhipphatee ture. Yommuu Mangistuun faa qabalee qabaleen abboomanii uummanni akka addabayii kanatti argamu godhan sanillee, uummanni akkasitti buqqayee buwuun isa hin dhaggeeffanneeyyu.

Dabaleesoo, erga warri ABO mootummaa Cewumsaa gadi-lakkisanii bayanii immoo, oggaa obboo Leencoo Lataa goota biyya keenyaa, obboo Ibsaa Guutamaa kan jarri qabanii mana hidhaatti galchan gaddhiisisuuf, gara Shaggar deeme san Oromoonni Shaggarii fi Oromoonni Shaggar marsaniitoo jiratan, kumaataman yaa’anii: “akka obboo Ibsaan gallakkifamu, akka obboo Leencoo irras waa hin geenye“, sagalee ofii dhageessisani. Ee, kotteen sangaa fardaa kan: Meettaa, Bacho Badii, Aabbuu, Sulultaa, Galaan, Eekkaa fi Gullallee faa gaaf san yaa’ee Shaggar qote, hamma harraattuu uummata keenyaan hin irraanfatamne. Kun hunduu dammaqiinsa sabaa kan Oromoo yoo agarsiisu, kana irratti qoonne ABO daran cimaa dha. Warri Wayyaanee dureewwan isaanii irraa hanga dabballeewwan isaanii kanneen gandeen Oromiyaa keessa deddeemanii cufti, yoo shimbirroon bar-jette, yoo baalli shokokse: ABO-tu dhufe jechuun kan wareeraa jiraatan waa malee miti. Isaan keessaa-llee inni tokko: “manni hidhaa Afaan Oromoo dubbata“, jedhee mitii?

Amma kanaa gaditti bu’aleen ABO waggaa tokko keessatti argamsisee fi daddhabbiiwwan karaa kanaan muldhatanillee, tokko tokkoon tarreeffamanii xiinxalamu. Daddhabbiiwwan oggaa san turanii fi gariin kan hamma harraattillee jiran xiinxaluun, namoota keenya tokko tokko mufachiisuu dandaya. Garuu, erga qabsoo irra jiraannee, wanneen akkanaa dhiyeessuun abaluu faa gammachiisuuf yookaan mufachiisuuf otoo hin taane, waan qobsaawotaa fi sabboontota Oromoo irraa eegamu. Haatahuu malee, inni kun kutaa sadaffaa irratti waan dhiyaatuuf, mee hammasitti nagaan naa jiraaddhaa!

Itti-fufa —!

==========    Hubachiisa Miiljalee    ==========

* Waayee akkanaa kana ani uummatuma kiyya san irraan dhagayee, qalbeeffaddhe. Ani bara 1992 gannaa fi birraa keessa biyyuma Gadaa keessan ture. Bara 1994 irra hamma bara 2000-tti immoo qorannoo wayii: aadaa, afaani fi seenaa Oromoo irratti adeemsisuufan karaa unibarsitiin Afaan Oromoo keessatti barsiisutiin
Oromiyaatti deddeebiyaa ture. Ennaan biyya koo dhaqe, gara ji’a afurii faan turaayyu. Kunis godinoota
Oromiyaa mara keessatti ture. Biyya Oromoon koo nan qaba jedheetoo ittiin boonu san, Raayyaa-Asibuu fi
Goojjam Wambaraa malee, kan miilli kiyya irra hin ijjanne hin jiru. Oggaan dammaqiinsa sabni Oromoo irra gaye, isiniif ibsu kanan qorannoon bira dhaqqabe malee, lafumaa ka’een miti!

________________________     //     ___________

Kutaa darban:
1. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Tokkoffaa