WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Sadaffaa
Taammanaa Bitimaa irraa | Hagayya 28, 2012
Dubbiftoota mandhee tanaa jaalatamoo fi kabajamoo, mee nagaan obbolummaa fi Oromummaa haa dursu! Erga barreeffamni kun kutaan inni Lammaffaan isiniif dhiyaatee asii, oduun san dura waayee du’uu muumicha ministeerota Toopphiyaa, Mallas Zeenaa ususamaa ture, kunoo torban dabre keessa balaqqeessatti gadi-bayee jira. Du’a Mallas Zeenaa irratti ministeeronni waayee alaa kan biyyoota Oroppaa tokko tokkoo fi kan USA isa jajaniitoo samii dhaqqabsiisuun nuu dhiyeessanii jiru. Haatahu malee, hunduu fidhii biyyoota ofii (keessummaa warri Ameerikaa) irraa ka’anii ti. Mallas Zeenaa ergamtuu USA tahuun warra shororkeessituu jedhamaniin bakka isaanii bu’ee lolee, lolchiisee jira. Daangaa Biyya Somaalee humnaan cabsee galuun uummata obbolaa fi ollaa keenyaa Somaalota gorraasisee jira. Kana bira kutuun yeroo duraaf waraana USA kan meeshaa “drone missile” qabu,Toopphiyaa kibbaa, naannoo “Arbaa-Miinci” jedhamu qubachiisuun akka isaan achi irra ka’aniitoo Somaalota naannoo Maqadishoo rukutan taasisee jira. Kanaaf, Hillary Clinton fi Susan Rice faa yoo gadoodanii isaa booyan waan nama dhinqisiisuu miti.
Karaa biraatiin gaazexeessitoota fi namoota tokko tokkoon waayeen Mallas Zeenaa uummatota impaayerittii keessaa irratti raawwachaa ture ifa bayee jira. Kanneen keessaa tokkoo isaa callaan akka fakkeenyaatti isiniif dhiyeessa:
“S&D Euro MPs call for the release of human rights activists in Ethiopia
Aug 23, 2012
After the death of Ethiopian prime minister Meles Zenawi, S&D Group spokeswoman for foreign affairs Ana Gomes today made the following statement:
“Meles Zenawi was a dictator. His rhetoric on development, democracy and combatting terrorism only convinced those in the EU and the USA who wanted to be fooled. His words were clearly at odds with the cruel repression of his people and his actions in banning human rights and development organisations and jailing opposition members and journalists – Ethiopian and foreign.
“Two Swedish journalists are today still languishing in Meles Zenawi’s prisons, together with hundreds of brave Ethiopians who dared to work for freedom and democracy for their people, including Pen Prize winner Eskinder Nega.
“The EU must immediately demand the Ethiopian caretaker authorities ensure their prompt release. It must call for an immediate and inclusive dialogue involving all opposition parties – including the armed groups – to ensure a peaceful transition until democratic elections can be organised to determine the future of governance in Ethiopia.”
Eekaa, dhugaan awwaalamullee gadi-bawuun isaa hin hafuu, aaddeen, ee aaddeen aango-qabeeyyii warra Tokkummaa Oroppaa (“EU“) tahan keessaa takka taate, tan lammummaan nama Ispaanyaa taate tun, ifumatti baatee dhugaa jiru waan dubbatteef, onnee fi qalbii saboota fi uummatoota Toopphiyaa kanneen gabroomfamanii fi cinqurfaamanii keessa barabaraan jiraatti!
Gara warra biyyoota alaa irraa gara lammiiwwan Oromiyaatti yoo deebinu, akkanuma garagarummaa wayii agarra. Ammoo, Oromoota yaada ofii karaa mandheewwan Oromoo isaan addaddaatiin dhiyeessan keessaa, garri sonaan irra caalan silaa diinni ofiis gaafa du’e, garaan ofii gammadullee afaan namaatu nama didaa “baga du’e” hin jedhamuu, safuu fi safeeffata Oromootu nama dhoowwaa, ” gaddineef” jedhanii waa hin barreessine; yoo namoota akkaan bicuu wayii tahe malee. Kanaa achi Mallas Zeenaa waggaalee 20 guutuu uummataa fi saba Oromootti duulee, gandeen gubsiisee, bosonallee barbadeessisee, Oromiyaa manneen hidhaatti geeddaree, dhalawwan Oromoo gorraasisee, garafsiisee, waadee waxalchiisee, akka garraan irratti ajjeefamanii reeffa isaanii waraabessi nyaatu taasise jira. Oromoo lafa fi qeyee isaa irraa buqqisuun gaadduu fi saamtuu baargamaatti lafa Oromoo fi warra Gambellaa gurguratee argama.
Ollaawwan dur Oromoon nagaa fi nageenyaan walcinaa jiraatu, asii fi achiin hidhachiisee itti-kaasee, waan cubbuu fi yakka humni isaa dandayee mara irratti adeemsisee jira. Oromoo fi Oromiyaan Mallas Zeenaa akkuma Minilik faatti, akkuma Raas Daargee faatti yaadachaa jiraatu. Yaadannoon kun yaadannoo madaa fi yaadannoo godaannisaa waan taheef, akka gaaf tokkollee akkuma Aannolee faa, Calanqoo faa, Gullallee fi Gaara Suufii faa hin irraanfanne nu taasisa. Kanneen irraanfachuu dhiisuu keenyatu, nuti tokkoomnee waltokkoomsinee, karaa maraan hindhannee walhidhachiifnee akka kaayyoo keenya ishii ganamaa saniif, bilisummaa fi walabummaa keenyaaf harka walqabannee garum fuulduraatti tarkaanfannu nu taasisa.
Ee, booree dha; xiiqii dha! Booree fi xiiqii haadholii fi abbootiin keenya nutti dabasaniitoo dabranii sanii ti. Booree fi xiiqiin kun kan bara durii hafee, warra bara 1960 irraa kaasuun Oromiyaaf jecha lubbuu ofii kennanii ti. Maarree, akka gaaf tokkollee koloneeffatoota keenyaaf hin jilbeeffanne ekeraan: Elemoo Qilxuu fi Muldhis Abbaa-Gadaa, Waaqoo Guutuu fi Adam Saaddoo, Guutamaa Awaasii fi Nadhii Gammadaa, Taaddasaa Birruu fi Hayila-Maaram Gammadaa, Agaree Tulluu fi Zawugaa Booji’aa, Maammoo Mazammirii fi Baaroo Tumsaa, Sisaay Ibsaa fi Roobalee Turee, Saartuu fi Jaatanii faa sagalee olkaaftee nutti iyyachaa jirti! Kanaafi-kaa hamma Oromoon walaboomee Republikni Oromiyaa hin hundeeffamneetti kan gara duubaatti hin deebineefi! Kanaaf, jaarmoleen Oromoo yaada kanatti amanan cufti haalduree tokko malee, dafanii walgawuun waayee tokkummaa biyya gadaa irratti haasawuu qabu!
Itti-fufa —!
============== // ==============
Kutaa darban:
2. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Lammaffaa
1. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Tokkoffaa



the OLF factioned group did nothing what is needed in timely actions and all of them propagandist and please try to defunct .
If you lobve your people open the fire now. and great shame.
all OLF factioned group you are not a possy to liberate oromo people from TPLF regime and please it is a time that to fight agaisnt and depose.
Waan yeroon gaafatu dalagatti hin jirtan yoomi yoomii?
Propaganda is not solutioon for oromoo at this time and bring in to exercise.
bush and bullet
Yoo miga oromoo ha’a kana kabachiisu hin dandeeye and I hope so you will never bring anything for oromo people.
Karaa duuba OLF corruped waan jedhamuu dhugaa fakkeessa kana martii keessan kiilo irra jirtu .
Firaa fi halagaan isin laala jira.
Obbo T. Bittima akkasumas Obbo A. Boruu fi obbo Ibsaa Guutamaa!!
Waa’ee siyaasaa oromoo ilalchisee kan sammuun keesaan yaaduuu afaan keenyaan dhimma ba’uun ilmaan oromoo fi dabarsuun keesaan bilisumma fi walabumma ba’umsaa isa duraa hojjii irra nu oolchuu keesaan fi akkasumaas ulfina saba oromoo fi afaan oromoo fi qabdaan nutti agarsiissa.
Sadaan keesaan guudaa galatooma.
Waa’ee du’a nama nyaataa Meles Zenawi ilalchisee ibsooni ijaarsaa oromoo irra bahaan ofi isaani eenyuu akka ta’aan waan of ibsaaniifi hubannodhaan duukaa bu’u barbachisa.
‘Muka jige qottootu itti baay’ata jedhu”
Kabajamtootaa, dhugaa dubbachuuf yoo taye, “miidiyaa” Abashootas tayee “Ayyaantuu” hundaratti namni heddu du’a Mallasitti gammadeera. Du’a namaatti gammaduun kun heddu na gaddisiisa. Obboo Mallas ‘uummata isaa (Tigree) bilisa baasuu qofa otoo hin taane, ilmaan Oromoo lakkoofsi ishii miliyoona 45 tawu akka tokko hin taane godhee qabeenya ishii irraa fudhatee kenneefi. Oromootuma mana hidhaatti naqeeti, ishii kaan ajjeeseti uummata isaa badhaase. Oromoo lafa ishiirraa kaassete gurgurate. Biyyoota bayaafi lixaa garanaa garas fakkaateti amansiisee, uummata Tigreefi Itoophiyaa bira darbeeti Afrikaa bakka bu’ee waan heddu hojjachaa ture. Otoo ilmaan Oromoon dhiira taatee akkuma inni lolee yookaan Ameerikaafi Ingilizi irraa gargaarsa argatee biyya qabate lolanii isa qabanii bakka seeratti diyeessanii yookaa dirree lolaatti ajjeesanii diina kiyya, isa uummata kiyya darare, mana hidhaatti fixe, — mu’adhe jedhanii gammaduun ni danda’ama ture. garuu namni tokko dhukkubsatee yookaa summiin ajjeefameef gammaduun hojii dabooroti. Mallas akkamitti akka lammii ofii jaalachuun namarra jiru harka lafa jalaatin Oromoota barsiisera. Isa irraa barachuu nu barbaachisa.
“Dadhabduun sababii hin dhabdu.” yoon jedhe waanan doggore natti hin fakkaatu.
Du’a goota Tigreetti gammaduu mannaa daboorummaafi wal ganummaa ilmaan Oromootti gadduu wayya.
He is paying the wayaanees bills and adventure to every nations and nationalities business.. since the defeats of Mangistu..Tigres have never faced the true battle. Our people have waited for a right time with patience. As Oromian citizen…I believe it looks like Yugoslavia of 90s where’s the empire was disintegrated in to Sarbia…Tigria, Croatian…Amharas and Bosinia Herzegovina…Oromia with less protection from gangsters.
How many Oromos leaves in Abyssinian ( Tigrey or Gonder)?
I think we (Oromos) will be the winner of our destiny.
Dear sir
This is an evil thinking,the Ethiopian problem is not Amhara,Oromo,Tigre and other people rather the deep rooted dictator leadership.