WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Saddeettaffaa

Taammanaa Bitimaa irraa | Onkoloolessa 13, 2012

Dubbiftoota mandhee tanaa jaalatamoo fi kabajamoo, durseen xiqqoo isin jalaa turuu kiyyaaf dhiifaman isin gaafaddha!

Ilaamee, isa harraa kana waayee torban dabre, Irreecha hara Harsadii irratti Oromoota keenya irra gayeenin jalqaba! Xalayaa dhaabni “OSGA” jedhamu, gaafa 10. 10. 12 waajjira: “United Nations High Commissioner for Human Rights“-f erge keessaa kunoo akka armaan gadii jedha:

The Oromia Support Group Australia (OSGA) expresses its deep concern, and appeal to your office for your urgent intervention in relation to the arbitrary arrest of Oromo civilians on 30th September 2012, by Ethiopian armed forces, during celebration of ‘Irrechaa’ Festival – Thanks Giving Day – in Oromia region.So far, OSGA has confirmed that Fifty two (52) civilians were unjustly imprisoned because the government authorities charged them with wearing unapproved clothing, including the wrong colour of clothes.

Yaa Oromoo argituu, dhageessuu kun mee roorroo roorroo caaluu! Habashoonni biyya keenya humna meeshaa waraanatiin of-harkatti galfatan kun, jedhanii jedhanii kanateeraa fi muntaantaa nuti uffannullee nuuf murteessuutti gattaa’ani. Kun mulqii mirga namoomaa keessaa isa hamaa dha. Ani otoon humna qabaaddhee, mana murtii addunyaa isa magaalaa “The Hague” keessa jiru sanittan isaan dhiyeessee seeraan adabsiisayyu.

Walaloo tokko kanan bara warri Wayyaanee “Mootummaa Naannoo Oromiyaa“, Shaggar handhuura fi handhuuraa Oromoo irraa gara Adaamaatti hariyan san, waa walaleesse keessaan isiniif tuqa. Waan amma isaan Irreecha irratti namoota keenya irraan gayan, isiniif addeessa jedheen yaadaa, mee konoo:

“—
Biyya abbaa gadaa
Qabatee cagadaa
Dachee abbaa muudaa
Dhiiga keenyan dhuubaa
Biyya haadha ateetee
Jarri laayyoo seetee?

Yaa roorrisaa in maraattee
Gadameessa haayyoo dhaantee?
Odaa murtee caccabsitaa?
Intifaada-dha hawwitaa?

Saammattee
Raammattee
Otoo bultee siin wayyuu
Madaan harmee bar hin fayyuu
Daangaa biyyummaawoo dur dabartee
Amma kunoo kan namummaatti olkaate!

Gola keenya seentee
Diinqa keenya teessee
Okkotee as kaayaa
Eelee-faa gama kaayaa
Jettee afaan qawweetinoo
Nu abboomtaa
Kunoo rabboomsiteetoo
Of shosshoomtaa!

Bar alagaan golan seenuu
Iyyaafaddhu beekaa beenuu
Diinqi Oromoo qulqulluu-dhaa
Yoo xureessan cubbuu-dhaa!

Wayyuu kana beeki
Oromoon mandiisaa
Ka’ee kakakkisaa
Nafxuu kana beeki
Sabnikoo kanniisaa
Tuqamnaan yoom dhiisaa?

Gaagurri kanniisaa hin horfamuu
Boongoon qeerransootaa hin marfamuu
Nu dhiisaa goleetti
Ammas nun dhiibinaa
Nus ilmoo namaatii
Akkas nun miidhinaa
Adurreenillee ishiin nagaa qabdu
Yoo goleetti dhiiban ciniinuun daddhabdu!

Magan kun kakuudha
Magan kun laguudha
Biyyi ofii haadhaa
Lakkiin gurguramuu
Shaggar keenya abbaadhaa
Qabdii hin kennamu!”

Jedheetoo itti-fufa walaloon mataduree : “Odaa Murtee Caccabsitaa” jedhamuu fi kan fuuleewwan jaha qabu suni. Ilaamee:

Dubbiitu dubbii kaasaa
Diinatu nama dhamaasaa
Kanaaf qeerransi daggala raasaa
Yeeyyii qabeewoo albaasaa!

Waayee IRREECHA baranaa irrattan waa jedhaa, “mataduree kaateef gallakkifte” naan hin jedhinaa:

Malkaan IRREECHAA qulqulluu-dhaa
Qawween keessa yaa’uun cubbuu-dhaa
Yaa Wayyaanee kan dur caala maraattee
Irreessa wajjin nama kan dhaante?

Irreessi lubbuu-dhaa hin gubamuu
Asxaa jireenyatii hin hubamuu
Kiristaana ofiin jechaa
Irreessa isa akka taabotaa salphiftee
Bineensa tahuun namummaarraa of-hanqifte!

Egaa erga qawween Irreechatti dhuftee
Qawwumaan Irreecharraa deebitaa
Gaaf Oromoon Irreechaa fi irreen olka’e
Eessuma keetti jaalaa dhiinsitaa?

Gaafa galaanni Abbayyaa kun
Iyyee iyya dabarse
Gaafa Raayyaa irraa
Hamma Booranaatti si marse
Egaa maal baatta, maal nyaatta
Afaar keessas, Wallo keessas
Hin dabartuu maalum taata?

Maaf kana faa sana faa uffattan
Maaf haadha-warraa teessan dhuggattan
Jettee Irreecharratti
Safuu Irreechaa cabsuun
Ija addunyaa duratti
Dhugaa Waaqaa dabsuun
Kunoo, INTIFAADAA ofitti waamtee
Lafa awwaallaa-llee gurgurachuun
Reeffa Oromoollee ofitti kaafte!

Ilaa, kun laguu-dhaa
Ilaa, kun kakuu-dhaa
Malkaan Irreechaa hin xureeffamuu
Lafeen qawween hin bulleeffamu!

Magan, kun laguu-dha
Magan, kun kakuu-dha
Qabsoorraan deebinu
Walirraan dheensinu
Oromiyaa diinatti hin kenninu
Kuushiyaas gabrummaatti hin dhiifnu
Otoon bilisoomin
Otoon walaboomin
Gaaf tokkolee gadi hin ciifnu!

Dhaloonni qubees
Dhaloonni duriis
Dhiiraa-dubartiin
Jaarsaa-xiqqattiin
Muslimnii fi Waaqeffataan
Kiristaanii fi sooshaleeffataan
Harka walqabannee
WAAQ-tokkicha abdannee
Irreechaaf gadi-babbaana
Irree keenyan gabrummaa achaana!

Egaa, amma kallachumatti gara wiirtuu kutaa saddeettaffaa kanaatti seenna. Kutaa dabre san keessatti: “Haalli jaarmoolee Oromoo kanneen bilisummaaf dhaabatanis haa tahuu, kanneen empaayera Toopphiyaa dimokiraatessuuf deemanii“, ilaalamee ture. Amma kan waliin ilaaluu qabnu: “Uummanni, sabnii fi Biyyi Oromoo, Oromiyaan waanjoo gabrummaa Habashaa jalaa akka bayaniif, maal maal faa gochuu qabna?” Kan jedhamu taha.

Waan hundumaa dursee jaarmoleen bilisummaa Oromiyaa isaan addaddaa, waltahuun tumsaa fi koodee (tiruu, haadhoo) waliif tahuu qabu. “Tahuu qabuun” kun waan filmaata hin qabne, bilisummaaf jecha, qabsoo waggaalee 40 itti-dhamayameef jecha, ekeraa fi lafeewwan jagnoota fi gamnoota qabsoof wareegamaniif jecha, uummata Oromoo isa qabeenya isaa, dhalawwan isaa, lubbuu isaallee qabsoof kenne saniif jecha, Oromoota manneen hidhaatti garafamanii fi waxalamaniif jecha, Oromoota bineensummaa gita-bittee Habashaa jalaa baqachuuf adaala (“desert“) biyyoota alagaa keessatti biyyee cirrachaatiin awwaalamanii hafanii fi isaan Calba Adan keessatti irbaata qurxummii nama nyaatu sanii, kan shaarkii tahanii hafan saniif jecha, waltahuun tokkummaa Oromoo fi Oromiyaa ijaarrachuu qabu!

Dureewwan Oromoo isaan ijaarsota Oromoo kamiyyuu hogganan, rafanii ka’anii, buna dhuganii qalbii ofitti deebisuun of-gamaaggamuu fi qabsoo isaaniin gaggeeffamu sanis xiinxaluu qabani. Bakka jiran maratti uummata ofii keessa seenanii, isarraa barachuun deebisanii isa barsiisuutu isaan irra jira. Moggaa moggaa deddeemuu dhiisanii, uummata Oromoo baldhichaa fi gamnicha san keessa lixanii, akka bullukkootti isa oolgachuutu karaa bilisummaa isa ganamaan ka’anii, bara dheeraa dhamayaniif san galmaan gaya! Dureewwan kunii fi dabballeewwan isaanii, Oromoota of-ijaaraniifis, isaan of hin ijaarreefis fakkeenya tahuutu isaan irraa eegama.

Uummanni Oromoo alaa-manaa, baddaa fi gammoojjii irraa, magaalaa fi baadiyaa keessaa, bahaa-lixaa, kaabaa-kibbaa akka barbaachisaa tahetti, akka haalli nagaa fi nageenyaa isaaf hayyametti ifaa fi dhoksaan ijaaramee wal-ijaaruu qaba. Harra galanni guddaan dureewwanii fi dabballeewwan Oromoo, kanneen du’anii fi jiraniif haa tahuu, dammaqiinsi saba Oromoo hedduu gammachiisaa dha. Erga akkana tahee, kan amma hunda dursee Oromoo fi Oromiyaa barbaachisu IJAARSA, ee ammas IJAARSA, yeroo shantamii shan IJAARSA! Hayyee of-ijaaruu! Ammas of-ijaaruu! Of-ijaaranii wal-ijaarutu wanna cufa dursa. Uummata akka gaariitti of-ijaare, of-ijaarees karaa hundaan of-qoppheesse, karaa hundaanis hidhate: waaqaa (samii) gaditti lafaa olitti namni isa cabsu hin argamu! Erga, waayeen ijaarsaa kun sonaan harriqametoo addeeffamee, mee amma isuma dhimshaashaan jala-buufame kana, qalbiin itti-hiiqnee walumaan haa gabbifannu!

1) Jaarmoleen Oromoo kanneen bilisummaaf dhaabatan danuu dhaa, akkuma kanaa olitti ibsame waldandayanii tokkummaa biyyaa ijaarrachuu qabu. Kanneen karaa maraan walitti dhiyaatanillee dandayamnaan walitti baquun sirriidhuma. Kaaniis adda tokko jalatti walitti dhufuu qabu. Kun lamaanuu daddhabamnaan, akka jaaramolee obbolaatti wal-ilaaluun tumsa waliif tahuutu karaa nama baasu taha. Fakkeenyaaf: ABO-Gumii, ABO-QC fi ABO yaada isaan kana lamaanii deeggaranii fi THBO (ULFO) daddafanii waltahuutu isaanis, Oromiyaas baasa! Otoo sagantaa bilisummaa irratti walii galanuu, xiqqaa-guddaaf walitti mufatanii addaan cecceyuun kun eessumaanuu nama hin gawu. “Tokkummaa, tokkummaa, ammas tokkummaa“, jedha waamichi saba Oromoo!

2) Akkuma kanaa olitti ibsame Oromoonni alaa-manaa ijaaramuun wal-ijaaruu qabu. Dubartoonni Oromoo kan ammaa caala bakkaa bakkatti ijaaramuutu isaan irraa eegama. Isaan bakkaa bakkatti of-ijaaran kunis, jaarmaa jaarmolee dubartoota Oromoo kan addunyaa ijaarrachuun sirrii dha. Qoonni dubartoonni Oromoo qabsoo bilisummaa keessatti qaban, gadi xiqqeeffamee ilaalamuu hin qabu. Galmeewwan seenaa Oromoo isa bara Minilik biyya keenya qabatee san, gaggaragalchinee qooda dubartoota Oromoo qalbeeffachuu qabna.

Bara waraanni Minilik qawwee ibiddaatiin biyya Oromoo isa Shaggar irraa gara kaabaa jiru, namaa-sa’a gubaa naannoo Kurnan Gullallee gaye, Oromoon Gullallee akkamitti ofirraa deebisaa akka ture galmeeffamee jira. Booda immoo erga deebiyee waraana Oromoo Gullallee moyee, loltuuwwan isaa mana manatti hiree, dhiironni loltuu qawwee boraafatee diinqa isaa cisu arguun mataa gadi-qabatan san, akkamitti dubartoonni Oromoo Gullallee akka isaan kakaaftee, hundumtuu waltahuun diina ofirraa kaasan anumtuu waa barreesseen ture. Ammas, dubartoonni teenya akkuma tiirawwan (dubartoota gootolii)Oromoo Gullallee san, siiqqee ofii qabatanii gandeen Oromiyaa keessa labuun nu kakaasuu qabu. Aboo nuti diroo (qaccee) Warqituu-tii, diroo Biiftuu Amoosaa Tuqaa-tii, diroo Saartuu fayii diinatti harka hin kenninu!

3) Dargaggoo fi shamarran Oromoos bakkaa bakkatti of-ijaaruu fi wal-ijaaruu qabu. Isaan of-ijaaran kunis akkuma isa kan dubartootaa, isa kanaa olitti kaayametti kan addunyaa gurmeeffachuutu karaa qajeelaa taha.

4) Oromoonni bakka jiran maratti waldaalee hawaasaa ijaarrachuutu isaan irraa daran eegama. Waldaan hawaasaa hundee waan hundaati. Hundeen Oromummaas, hundeen tokkummaas, hundeen misoomaas, hundeen mararfannoo fi wal-jaalalaas achi irraayyi madda. Jaarmoleen Oromoos, namtokkeewwan Oromoos shoora (qooda) waldaaleen hawaasaa qaban, gadi-xixiqqeessuun isaan irra hin jiru. Waldaaleen magaalaa magaalaa keessatti ijaaraman, sadarkaa biyyoota keessa jiran saniitti of-ijaaruu qabu. Kanneen biyyoota biyyootaa kunis ardii keessa jiranitti of-gurmeessuu qabani. Isaan ardiiwwan saniis addunyaa irratti walitti dhufuun, jabeenya fi sagalee isaanii, dabrees sagalee Oromoo fi Oromiyaa addunyaa irratti cimsee dhageessisa.

Waldaaleen hawaasaa kun jaarmolee bilismmaa Oromoo kamiyyuu irraa walaba tahuu qabu. Yoo walaba tahan qofa kan jaarmoleen kunillee gaafa karaa bilisummaa irraa maqan, kan qeeqannoo uummataa fi sagalee uummataa dhageessisuu dandayani. Biyya kamittiyyuu waldaaleen hawaasaa jarmolee taliigaa irraa walaba. Kan keenya kun haaraa tahuu hin qabu. Hojii fi dirqama waldaalee hawaasaa keessaa inni sonaan cimaa tahe: biyyoota alaa fi magaalaawwan Oromiyaa, isaan mootummaan Wayyaanee Oromiyaa irraa walaba isaan taasise, kanneen akka: Finfinnee-Shaggar, Dirre Dhawaa faatti ijoollee Oromoo Afaan Oromoo barsiisuu dha! Kan nama dhibu, fakkeenyaaf mootummoonni biyyoota Oroppaa Lixaa fi Kaabaa, Kanadaa fi Awustiraaliyaa faa waldaalee biyyoota alagaa irraa dhufuun, biyyoota isaanii keessa jiraataniif gargaarsa isaan ijoollee ofii, afaanota isaanii ittiin barsiisan ni kennu. Barsiiftota Oromoollee kanneen Afaan Oromoo, ijoollee Oromoo barsiisaniif gaafatamnaan ni kennu. Fakkeenyaaf, Falastiinonni Biyya Jarmanii keessa jiraatan, gargaarsa kanaan dhalawwan ofii barsiifachaa jiru. Yaa Oromoo koo, nutu ofiin of-laaffisee moo, ala teenyee waan akkanaatiif mootummaa koloneeffataa san sababeeffanna! Amma gayeen gayee-dhaa, Afaan Oromoo hunda caala hundee OROMUMMAA-tii afaan keenya ijoollee teenya haa barsiifannu!

Kanatti dabalee dubbiin afaanii kun, kan waldaalee hawaasaa callaatti kennamee hafuu miti. Dursee haadha fi abbaan ijoollee ofii wajjin, afaan ofii dubbachuun murteessaa dha! Shaggar irraa kaasee hamma Ameerikaa Kaabaatti warreen ijoollee ofii wajjin, afaan alagaatiin haasawuun isaan irra hin jiru. Namoota Shaggarii fi magaalaawwan guguddoo Oromiyaa keessa jiraatan, gariin isaanii kan ammallee gadaantummaa nafxanyoonni Amaaraa itti-nannaqan san keessaa kanneen hin baane ni jiru. Kan nama dhibu, warruma Oromummaa leellisan tokko kokko keessas kun ni jira. Nafxanyaan Amaaraa inni afaan ofiituu guddifachuu daddhabee, bara dheeraa hamma Ormoonni dhufaniitoo isaaf guddisaniitti eegaa ture sun, afaan keenyaan “afaan shimbirroo” jedha.

Bara gara naannoo 1969 keessa, addunyaa tana irratti dursaniitoo obbolaan keenya, warri Somaalee Maqadishootti raadiyoo Afaan Oromootiin dubbatu banani. Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Oromiyaa Bahaa keessa, kan magaalaa Dirre Dhawaa keessa jiruu, kan maqaan isaa ilma mootichaa isa “Li’ul Makonnin” jedhamuun waamamu keessatti, ijoolleen nafxanyootaa isaan raadiyoo Afaan Oromootiin dabarfamu dhagayan aarii fi tuffiin: “akkamitti akkana tahe? Aaffi ammaa Afaan Qottuu raadiyoo tana caccabsa” jedhani. Isaan uummata keenya isa Oromiyaa Bahaa, boonaa fi boonsisaa kanaan “Qottuu“, damee Afaan Oromoo isa naannoo saniitiin immoo “Afaan Qottuu” jedhuuni. Kun akkuma: “Gaallaa, Walaamoo, Gudeellaa, Shaanqillaa” isaan nuu fi obbolaa keenyaaf babbaasan saniiti. Warri ammallee Afaan Oromoo akka afaan daddhabaa wayiitti, Afaan Amaaraa immoo akka afaan karaa saayinsii fi teeknolojiitiin afaanota akka Jarmanii, Ingilizii fi Faransaa fayiin morkuutti ilaalan Oromoonni tokko tokko hin dhabamne. Dhugaa dubbii yoo tahe, badhaadhinni, baldhinnii, tujuba-qabeessummaa fi mi’aawni Afaan Oromoo qabu, Afaan Amaaraa isa nuti Oromoonni danuun guddifneef san caala. Kun dhugaa ija banatee lafa ciisu malee, gonkumaa waan biraa miti. Namni afaanota lachuu gola isaanii keessa soqee akka gaariitti beeku, naqaashii taheetoo isa jedhame kanaa ragaa bawuuf tarree gallee dhaabata.

Gara ijoolleetti yoo deebinu, kan ijoollee ofii qaree Afaan Oromootiin qarsiisu warruma ijoollee saniiti. Ammoo, guddisa ijoollee irratti ollaa fi hawaasni qooda guddaa qaba. Amma dhiyoo waggaa tokko duraa Hawaasa Oromoo Barliinitu kurfii foon-waaddii qaba. Aduun bonaa Oromiyaa waan jirru fakkaata. Ijoollen teenya ililliiwwanii fi ijawwan teenya silaa ennaa walargan akka wayiitti gammaduu, dirree keessa oliigadi fiffiganii taphatu. Ennaa Oromtichi tokko mucayyoo takka waliin Afaan Jarmanii-tiin haasawuu argeen: “maaloo maaf Afaan Oromootiin itti hin haasofnen” jedheeni. “Kan warri itti hin haasofne ani maalan godharee?“, naan jedhe. Akkan qalbeeffaddhetti bakka tokko tokkotti warrumatu dida. Bakka kaanitti immoo ollaatu dida. Yaa Oromoo kiyya yaa isaan Shaggar jirtaniis, isaan Ameerikaa jirtaniis gariin keessan yommuu ijoollee teessanitti afaan alagaatiin haasoftan, ijoolleen teessan sun alagaa isinitti hin fakkaattuu? Gayeen gayee dhaa, naqarsa gadaantummaa kana buqqisaatii of-keessaa baasaa!

5) Artistoonni, barreessitoonni fi gaazexeessitoonni Oromoos of-ijaaruun dhaabilee ofii ijaarrachuun waan isaan irraa eeggamu. Harra ardiiwwan mara keessa hayyoonni fi barateeyyiin (“educated“) Oromoo baay’atanii argamu. Kana tahee otoo jiruu amma gaazexaan takkallee, kitaabeen takkallee, barruuleen takkallee biyyotambaa kana keessa hin jirani. Kun gaddisiisaa fi qaanessaa dha. Akka warra biyya jiruu, ulee fi garaftuun mootummaa Habashaa nu duubaa fi nu fuuldura hin jiranoo kun maali yaa Oromoo koo! Darsa qaanii kana jalaa bawuuf, daddafnee jalqabaaf gaazexaa takka tan baatii sadii sadiin baatu haa qoppheeffanu. Kunoo, ani ammumayyuu “tole-kaa” jechaan harka-baasaa jira.

6) Yaa Oromoo kiyya, yaa tiruu fi lubbuu tiyya: anis, atis, innis (ishiinis), nuti marti akka amma jirru kanatti itti-fuufuu hin qabnu. Of-geeddarree walis geeddaruu dha qabna! Akkuman kanaa olitti dureewwan Oromootiif jedhe sani dubbiin. Of-geeddarree ofiifis, dhalawwan keenyaafis, uummataa fi biyya keenyaafis miila lamaan dhaabachuu qabna. Innin kanaa olitti jaarmolee bilisummaatii, waldaalee uummataa fayiif jedhe marti, nu namtokkee irratti dhaabata. Namtokkee mallee of-kennuun, namtokkee mallee waltummaan hin jiru. Namtokkeewwantu ijaarsallee ijaarsa cimaa, hawaasa biyyaallee hawaasa cimaa taasisa. Kanaaf, bakka jirru maratti cimnee wal haa cimsinu! Nuti mata mataan keenya lamii Oromiyaa (ambaasaaddara) akka taanellee qalbeeffachuun sirrii dha.

Egaa, jaarmolee Oromoo isaan bilisummaa fi walabummaa Oromiyaatii gixaanaa (laffa’aa) jiran: horiidhaan, humnaan, beekumsaan, muuxannoo-dhaan, gorsaa fi qeeqannoo ijaaraa-dhaan cinaa haa dhaabannu! Wal-mararfachuu fi walgargaaruu uummata keenya baldhaa san irraa haa barannu!

7) Nuti warri biyyoota alaa kana jirru, lammiiwwan biyyoota keessa jirruutti siquun waayee biyya keenyaa haa beeksifannu. a) Isaan waliin waldaalee gargaarsa Oromoo haa hundeeffannu! Akkuma warra Awustiraaliyaa fi Biritaaniyaa Guddoo jiranii saniitti jechuu kiyya. b) Nuti Oromoonni immoo dhaaba bilisummaa fi walabummaa Oromiyaa karaa horii fi kaaniin deeggaru kan maqaa: “Oromoota Deeggartuu Bilisummaa – Oromos for Liberation” jedhamu haa bu’ureeffannu!

8) Gaafa jaarmoleen Oromoo jabaatanii karaa maraanuu gabroomfataa haleelluutti ka’an, Oromoonni biyyoota alaa keessa jirru marti, ji’a ji’aan akkuma buusii yookaan qaraxa mootummaa tokkoof galuutti kan fedhii keenyaan, “hammana” jenneetoo murteeffanne, haa kenninu! Kunis waajjira waltajjii tokko yoo qabaate, qajeelaa tahaa deema.

9) Hayyoota fi barateeyyii hedduu kanneen barumsa addaddaa-tiin jifaaraman danuu qabna. Garuu, Oromoota biyya alaa tokko keessa jiran akkanumaan, afaanumaan jenna malee, lakkaawwachuun istaatistika wayiituu of-hakaa hin qabnu. Haalli kun jijjiiramuu qaba. Kun waan hammana nama rakkisuu waayii miti. Fakkeenyyaaf: nuti warri Barliin Oromoota dira (“metropolis“) kana keessa jiran ni beekna. Kunis kanneen ammallee, qeyee warra Difaabbaachaw fi Gizaachawu keessa deddeeman dabalachuu qaba. Dubbiin tun akka laayyootti ilaalamuu hin qabdu.

10) Waldaan Gargaarsa Oromoo (ORA)-n akka duriitti deebiyee cimuu qaba. Isa deebisanii cimsuun, Oromoo fi Oromiyaa cimsuu wajjin sirriitti walqabata.

11) Waldaan Namoomaa kan jiru cimuu, kan hin jirree immoo hundeeffamuun barbaachisaa dha. Isa maqaa Gaafa Afrikaatiin of-ijaare sanis deeggaruun sirriidhuma.

12) Biyyatti bartuuwwanii fi barattuuwwan Oromoo alaabaa Afaan Oromoo kan ammaa caala olkaasuu qabu! Isaan ammaan tana wareegama jagnoota fi gamnoota Oromootiin kan argame, qubee Oromoo fi Afaan Oromootiin barachaa jiru. Kun eebba fi gonfama sonaan cimaa tahe. Kanaaf, isaan isa qabsoo Oromootiin argame kana qarriffootti qabatanii isa hin argamneef, harka walqabatanii sochowuu qabu. Oromiyaa harraas tahee Oromiyaa boruu, ishii walaboomte keessa abbaan fedhe hojjatee jiraachuu dandaya. Garuu, seerri ittiin-bulu seera biyyaa, seera Oromiyaa tahuutu irra jira. Afaan biyyaa, Afaan Oromoo, afaan hojii fi afaan walqunnamtii, jechuun afaan balaqqeessa (“official language“) waan taheef, tahuuf jiraattonni Oromiyaa marti barachuu fi dubbachuu qabu. Kuni kan ilaalu imaltootaa (turistoota) fi nama yeroo gabaabaa achi jiraatuu otoo hin taane, warra achitti dhalatanii guddatan, warra yeroo dheeraa achi jiraatanii fi achi jiraachuuf sagantaa qaban kan ilaalu. Kun seera biyyoota biyyalfaa hundaa waan taheef, Oromiyaan kana irraa ala tahuu hin qabdu. Kana irratti idayamee warri tuuta guddaa tahanii bakka tokko jiraatan, Afaan Oromoo erga baratanii kan ofiis yoo baratan, manneen sagadaa kan ofii yoo ijaarratan, aadaa ofii duukaa yoo bu’an Oromiyaan dura hin dhaabattu.

Kanaaf, ammuma irraa kaasee ijoolleen Oromoo dirqiin Afaan Amaaraa isa macuma Afaan Oromoo irra bargaafatee taa’u kana barachuu hin qabani. Sadarkaa tokkoffaattis, sadarkaa lammaffaattis yoo sadaffaan jiraates isa barachuus, isaan barachuus dhaabuutu karaa bilisummaa Oromoo sisirreessaa deema. Sababnii fi fayidaan tokkollee, kan akka isaan afaan qawween biyya gadaa seene kana barataniif hin jiru. Bara 1969 keessa ijoolleen Oromoo kan mana barumsaa sadarkaa lammaffaa keessa jiran, magaalaa seena-qabeettii Dirre Dhawaa keessatti, silaa oggaa san kutaa torba irraa kaasee, afaan barumsaa Afaan Ingiliziitii, Afaan Amaaraa isa akka barumsa tokkoo callaatti kennamu hin barannu jechuun, oggaa barsiisaan Afaan Amaaraa olseenu, isaan immoo gadi yaa’uu jalqabani. Barumsa Afaan Amaaraa dhaaban (“boycott godhan”) jechaa dha.

Bara Dargii keessa, bara warri Dargii nama ajjeesanii reeffa karaa irratti baasanii gatan san, bara dhiigni namaa karaa irra dhangalawu san keessa magaalaa boontuu fi boonsiftuu, Ambo keessaa ijoolleen Oromoo isaan mana barumsaa sadarkaa lammaffaa jiran, Afaan Amaaraa barachuu diduun dhaabani. Ibiddi qabsoo kun otoo hin bulin, otoo hin turin magaalaa Walisoo dhaqqabee, achittis Afaan Amaaraa barachuun dhaabame. Magaalaawwan lachuuttuu yeroof, hamma Dargiin korbeessa re’ee iyyisiisaa, taankii fi qawwee ibiddaatiin hin dhufinitti jechaa dha. Dhaloonni qubee dhaloota bar sanii isaan Dirre Dhawaa, Amboo fi Walisoo gadi tahuu hin qabani! Ijoolleen teenya kanneen bara sanii, dukkana gabroomfattoota Habashaa isa hamaa san keessattuu gocha seena-qabeessa adeemsisanii jiru. Harra Oromoon alattis, biyyattis humna cimaa dha. Teeknolojiin addunyaan amma irra geessee, ganda biyya-lafaa isa kam keessattuu wanni tahe, ennasuma ardiiwwan mara keessatti dhagayama.

Kanatti dabalee, namoonni, gurmeewwanii fi ijaarsonni Oromoo tokko tokko ammas Afaan Amaaraa jala kaachuu dhiisuu qabu. Qabeenyi, humni, beekumsii fi muuxannoon isaan afaan kanaaf dhagalaa jiran, gara Afaan Oromoo guddisuutti garagalfamuu qaba! Firqiriqa (“luxury“) akkanaa gochuuf, Oromoo fi Oromiyaaf yeroon isaa amma miti.

Jaalatamoo fi kabajamoo dubbiftoota barreeffama kanaa, dubbiin nutti dheeratte. Tahus wanneen ciccimoo fi barbaachisoo gara irra-caalan walumaan “ofirraa obbaafannee” jirra. Kanneen hafan immoo walumaan kutaa saglaffaa keessatti ilaalla. Hammasitti nagaa fi nageenyi isin biraa hin dhabamin-kaa!

Itti-fufa —!