WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Saglaffaa

Taammanaa Bitimaa irraa | Onkoloolessa 18, 2012

Dubbiftoota mandhee tanaa jaalatamoo fi kabajamoo, durseen dhaamsa nagaa isiniif dabarsuun kutaan kun isa xumuraa tahuu isaa isiniif ibsa !

Kutaa dabre keessatti waayeen barbaachisummaa ijaarsaa, sirriitti lafa kaayameeti ture. Qabsoo uummata tokko akka galma isaa gawuuf, wanneen akkaan ciccimoo kanneen bira dabruun hin dandayamnetu jiru. Ganamumaan isaan qalbeeffachuu fi irratti hojjachuun qabsichaaf murteessaa dha. Saba akka Oromoo dirree qabsoo irratti argamuuf: dammaqiinsi sabaa, ijaaramuun uummataa, tokkummaan ijaarsotaa fi sabaa sonaan akka barbaachisoo tahan waan wal nama gaafachiisuu miti. Isaan kana sadeen kutaalee dabran keessatti akka gaariitti ilaallee jira. Garuu, isaanuma kanneen qofaa kan amma uummata, sabaa fi biyya Oromootii sonaan barbaachisoo tahan? Uummata keenya isa dammaqe, isa ijaaramee fi isa tokkoome kanaaf kana irratti kan daran isa barbaachisu hidhannoo dha.

Dubbiin hindhannoo tun garii keenyaaf dubbii ifa jirtu fakkaachuun ni mala. Ammoo, “addunyaa harraa tana keessatti kun barbaachisaa hin tahu” kanneen jedhan mataa olqaqqabachaa jiru. Sababni obbolaan keenya kun kennanis: “yoo kana goone warri Lixaa qabsoo keenya hin deeggarani. Shororkeessitoota jalatti nu ramadu”, kan jedhamu fayi. Kun sirrii fi dhugaa miti. Warri Lixaa jaarmolee bilisa-baaftotaa fi jaarmolee shororkeessitootaa addaan-baasanii beeku. Isaan (warri Lixaa) durasnii kan irratti hundaawuun nama gargaaran fedhii mataa isaanii irraa ka’uudhaani. Isaan fedhii isaanii waliin deemanaan, shororkeessitoota dhiisii sheexanootayyuu ni deeggaru. Baannan immoo jaarmaa bilsa-baaftuus: “ati shororkeessituu dha” jechuun dura dhaabatu. Kanaaf, isaanitti qabatamee dubbiin hidhannoo kun bubbusheeffamuu hin qabu.

Duris gabroomfattoonni keenya humna meeshaa waraanatiin, biyya keenya dirree waraanatti cabsanii qabatani. Kunoo, waggaalee 140 qawwee boraafatanii, uummata keenya humna qawweetiin jilbeeffachiisanii bitaa jiru. Harra immoo warra qawwee hidhateetoo caakkaa irraa dhufuun, Masaraa Tulluu Daalattii isa Shaggar keessaa seenetu qawween nu bitaa jira. Qawwee fi mootummaan Wayyaanee lakkuu dha. Mootummaa Habashaa isa qawwee bakka amantii ofii buufate kana hidhannoo malee, dura dhaabachuun bilisummaaf lolla jechaan, uummata keenya harka warra abbootii qawweetti hambisuu dha taha. Kanaafuu, uummannii Oromoo inni dammaqe, inni ijaaramee fi inni tokkoome, akka barbaachisaa tahetti hidhatee karaa addaddaatiin oljechuu qaba!

Kana gochoof immoo uummataa fi saba keenya hayyamni wayii eenyuma irraayyuu isa hin feesisu. Wanni guddaan nuti qabsoo bilisummaa keenyaa karaa hundumaa cimsachaa, karaa hundumaa dilbeeffachaa mirgaa fi haqa sabni keenya qabu otoo hin nuffin, otoo addaan hin kutin warra Lixaas tahee warreen birootti ibsachuu dha! As irratti nuti dhalawwan Oromoo warri biyyoota alaa jirru, halkanii-guyyaa kana irratti hojjachuu qabnu. Mata mataan keenya lamii (ambaasaaddara) Oromiyaa akka taane, dagachuu hin qabnu. Bakki barumsa keenyaa, bakki hojii keenyaa fi bakki jireenya keenyaa marti mana-lamii (embasii) Oromiyaa akka tahe, sonaan qalbeeffachuun sirrii dha.

Kanatti dabalamee waan jala harriqamee ibsamuu qabu tokkotu jira. Qabsoon bilisummaa saba Oromoo karaa hundaan cimee akka itti-fufuuf, qabsoon keenya karaa maraan gargaarsa fi qabeenya uummata Oromoo baldhaa san irratti of-hundeessuu qaba. Kana jechuun gargaarsi alaa nu hin barbaachisu jechaa miti. Dursinee miila keenya lamaaniin dhaabachuu qabnaadha dubbiin. Akka kanaa olitti ibsameetti, erga uummannii fi sabni keenya karaa maraan of-kurfeessuun oljedhee, dursee wanneen daran baay’een achuma Oromiyaa keessa ciisaa jiru. Qabeenyi kaanii fi horoon (maallaqni), beekumsii fi muuxannoon, humni namaa fi meeshaan waraanaa faa achuma jiru. Ani amma as irratti kana kana faa jedheetoo kaasuu hin barbaadu. Garuu, beekatuman bira kute malee, shantamii-shan isiniif tarreessuu nan dandaya. “Haa-baltu dubbiin” inni Oromoon kiyya jedhu sun, as irratti waan barbaachisaa taheefi.

Kanaa achi gargaarsi alaa akka nu barbaachisu, waan gaafii keessa galuyyuu miti. Kutaa torbaffaa keessatti shoorri nuti warri alaa qabsoo keessatti qabnu, sirriitti addeeffamee jiraa as irratti itti hin deebiyamu. Akkuman “nuti marti of-jijjiiruu qabna” jedhe san, yoo amma jijjiiramneetoo wanneen jedhaman san fiixaan-baasuu baanne, akkanumaan teenyee kompuutaraan walitti wacuun qofti gatii hin qabu. Of-geeddaruu keessaa inni tokko waan dubbanne, waan saganteeffanne faa hojiin agarsiisuutu nu mara irraa eegama! Hojii, hojii, ammas hojii jedha waamichi saba Oromoo! –

Erga kun jala buufameetoo ibsamee, mee amma gara dubbii isa: “Oromoonni bilisummaaf dhaabatan biyyattis, alattis eenyu, eenyu faa waliin tumsa qabsoo ijaarratu?”, jechuun bulaffannee kanaatti haa dabrinu!

Waan hunda durseetoo kan Oromoota hundumaa biratti sirriitti beekamuu qabu: waayee uummatoota akkuma Oromootti harqoota gabrummaa Habashaa jala jiraniiti. Uummatoonni kun garri sonaan irra caalan akkuma Oromootti dirree waraanaatti moyamuun kanneen impaayarittii jala galani. Isaan keessaa garii isaanii irratti, gochi suukkaneessaan inni Oromoo irratti bowwaa Aannolee fi gooroo Calanqoo faa irratti godhame sun, isaan irratti adeemsifamee ture. Seenaan uummata Walaayitaa, Kafichoo, Dimmee fi uummatoota Abbayyoolee kan Habashootaan maqaa arrabsoo fi tuffiitiin “Shaanqilloota” jedhamanii, gocha Aannolee irraa addaan-baafamee kan ilaalamuu miti. Waraanni Habashaa kan Minilik mataa isaatiin durfame, kan phaaphasiin taabota baachisee mooticha cinaa deemu, uummata Walaayitaa kan torban sadii dura-dhaabate san erga humna meeshaa Oroppaatiin cabsee mooticha isaanii, Xoonaa booji’atee, miseensonni waraana Habashaa kun akkamitti gadi-ciisanii dhiiga namaa akka dhugaa turan waan galmeeffamee argamu. Habashoonni uummata Kafichoo dhibbantaa 70 (%7o), uummata Diimmee immoo dhibbantaa 75 akka lafarraa duguuganillee kan kitaabbiin muldhatu. Bara daran dheeraa uummatoota Abbayyooleetti duulanii akka bineensaatti adamsanii, akka hoolotaatti gabaa biyya keessaa fi biyya alaa dhaabanii gurgurachaa jiraatan waan ifa jiru.

Uummatoonni kun erga moyamaniis akkuma Oromootti lafti isaanii irraa mulaqamee, gabbaarii fi ciisii tahaa jiraatani. Gariin immoo san irratti dabalamee gabroota tahani. Kanaaf, uummanni fi sabni Oromoo duris, harras qofaa isaa waanjota gabrummaa Habashaa jala hin jiru jechaa dha. Inni uummata kanneen waliin mana dhidhaa kan warra Habashaa, Karcallee keessa jira jechaa dha. Qofaa isaa otoo hin taane, isaan wajjin Karcallee caccabsee keessaa baya jechaa dhasi! Kanaaf, nuti isaan kana waliin tumsa qabsoo ijaarranna. Nuti erga Oromiyaan teenya walabummaa ofii gonfattee, dabrineetuu isaan kana waliin fedhii keenyaa fi durseeyyuu fidhii isaanii irratti kan hundaaye, Kuushiyaa: birmadummaa, bilisummaa, walabummaa, walqixxummaa fi obbolummaa irratti bu’ureeffamte fedhii waliitiin ijaarranna jechaa dha. Kana fayi kan muldhantaa (“vision”) Oromoo tahuu qabu malee, impaayera namaa supphuu fi waldhaanuun muldhantaa Oromoo fi Oromiyaa miti. Muldhataan Goobana Daccee faa muldhantaa gabrummaati malee, muldhantaa bilisummaa miti!

Kanaaf, akkuma kanaan dura jaarmolee bilisummaa Oromoo keessaa warri ABO faa jaarmolee uummata Ogaadeen, Sidaamaa fi Gambeellaa faa wajjin walii-tumsuu jalqaban san, kun itti-fufuun cimee kanneen biroos itti-dabalamanii sonaan cimaa adeemuu qaba! Biyyoota alaa kanattis: ijaarsonni Oromoo kan dubartii fi dargaggoo-shamarrannii, kan artistootaa fi barreessitootaa, hawaasonnii fi nam-tokkeewwan warra: Agawoo, Afaar, Somaalee, Sidaamaa, Hadiyyaa, Kambaataa, Gede’oo, Walaayitaa, Kafichoo, Koolloo-Kontaa, Anyuwaak, Nuweer, Bertaa fi Koonsoo faa wajjin walqunnamtii jalqabuun bu’ura obbolummaa jajjabeessuu qabu.

Harra Oromoonni bineensummaa fi gara-jabeessummaa gita-bittee Habashaa kan durii fi kan harraa baqachuun, akka urjiitti garaa waaqaa jala faffacayanii argamu. Ilaamee, Oromoota mootummoota Habashaa sadii: kan Hayila-Sillaasee, kan Dargii fi kan Wayyaanee baqatanii bayantu nu jidduutti argamu. Ammaan tana, Oromoonni keenya biyya Utubaa Boroo cinaa jirtu, Noorwee irraa hamma Republika Afrikaa Kibbaatti, Niwuzilaandii fi Awustiraaliyaa irraa hamma Kanadaa fi Meeksikootti jiru. Nuti yoo bakka jirru kana maratti cimne, qabsoo uummata keenyaa akka gaariitti beeksisuu dandeenya. Oggaa harra addunyaan tun mirgoota bineeyyii fi shimbirroollee beekte kana, uummanni keenyaa fi uummatoonni Kuushiyaa qeyee isaanii irraa buqqifaman, harawwanii fi laggeen isaanii summeeffaman, oggaa uummatoonni laga Omoo qarqaraa kanneen dur qabamanii gurgurama Habashootaa jalaa bayan, harra lafa ofiirraa qawween buqqifaman faa uummatoota keessa jirru biratti beeksifachuu dandeenya. Beeksifachuun immoo firoottan horachuu dha. Firoottaan horachuun gargaarsas horachuu taha!

Kanatti kan dabalamuu qabu: saboota fi uummatoota danuutu akkuma keenya harqoota koloneeffattootaa jala ture. Afrikaanonni, Araboonni, Iraanota, Tayilaandota fi Jaappaanota irraa kan hafe uummatoonni Asiyaa marti, Ameerikaanonni Laatinii, Giriikonni, Bulgariyoonni, Albaaniyoonni, Poolishoonni, cheekonni, Ukiriyaanonni, Irlaandonnii fi warreen hafan hedduun akkuma keenya waanjota gabrummaa jala turani. Isaan kanatti hiiqnee, dabrineeyyuu mootummoota isaanitti yoo hiiqne aango-qabeeyyii wara Lixaa nuti jennu san caala nu mararfatu. “Yoo funyaan dhawan ijji boochi”, jedha Oromoon keenya.

XUMURA-DUBBII

Dubbiftoota barreeffama kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, kunoo dubbiin ka’eef san kutaalee sagalitti qooduun hanga humna kiyyaa isiniif dhiyeesseen jira. Isin immoo obsaan na duukaa-buutanii dubbisuu keessaniif mee kabajamaa, mee eebbifamaan isiniin jedha! Kana irratti dabaluun, dhuma irratti waan tokko tokkon jabeessee isinitti iyyaaddha!

Ani akkuma keessanin uummata Oromoo keessatti dhaladdhee guddaddhe. Ani Biyya Oromoo isin qabdan kana Wambaraa Goojjam keessaa fi Raayyaa-Asiibuu Tigraay keessaa malee, kan miilli kiyya qaqallayyoon kun irra hin ijjatin hin argamu. Oromiyaa malees, Keeniyaa keessallee deddeemeen jira. Kanaafan aadaa fi seera, safuu fi safeeffata uummata raajeffamaa abbaa raajii kana argaa-dhageettiin hamma tokko beeka. Dhugaa jaalachuu fi dhugaaf du’uu, gamnummaa fi jagnummaa, wal -mararfannoo fi wal-gargaarsa, wal-dhaggeeffannoo fi wal-kabaja, keessummaa fi ilmoo namaa kabajuu, margaa-muka, bineensaa-simbirroo sababa malee tuquu irraa of-qabuu, arjummaa fi “goraa bulaa manni kan Waaqatii” jechuu, “koottaa buna-dhugaa” jedhanii afeeruu fi “bunaa fi nagaa hin dhabinaa”-n galateeffachuu, ganama ka’ee otoo bultee hin dhamdhamatin, guyyaa otoo dhiyaana hin nyaatin, waarii otoo hin rafin, ennaa malkaa cewu, ennaa roggee qaariwu faa Waaqni: akka isaa fi maatii isaatii, ollaa fi lammii (qomoo) isaatii, gosa fi Oromoo isaatiif nagaa kennu kadhachuu isaa faan sirriitti arguu fi dhagawuun beeka. Uummanni koo inni akkanaa kun, funyoo sibiilatiin hidhamee harqoota gabrummaa jala ciisuu isaatu, adaba naaf kennuu dideetoo na gugguba. Isinis akkuma kiyya akka mana mana keessanitti gubachaa jirtan nan beeka. Yaa Oromoo koo gayeen gayee dhaa, amma waltanee ol haa jennu! Oljennee cimnee wal haa cimsinu! Akkuman kanaan dura deddeebisee, barreeffamoota kiyya keessatti jedhe san: arrabnii fi qalamna keenya, shimallii fi eeboon keenya wal irraattii mitii, gara diinaatti haa xiyyeeffamu!

Waaqeffatoonni fi Muslimoonni, Kiristaanonnii fi sooshalistoonni, ee eenyu fi eenyu marti harka-walqabannee bilisummaa fi walabummaa keenyaaf haa sochoonu! Sochoonee harqoota gabrummaa Habashaa kana sochoofnee ofirraa haa darbannu! Erga ofirraa darbannee booda Republika abbootii fi haadholii Oromoo san, kan Gadaa Oromiyaa haa ijaarrannu!

*** Amma erga kana raawwanneen, sirba onnee fi qalbii namaa qabbaneessu, sirba Hacaaluu Hundeessaa kan: “Oromiyaa Tiyya”, jedhamu isa walaloo, yeedalloo, dhaamsaa fi sagalee bareedaan gonfame san isin afeeraa, garaan keessan inni aarii fi xiiqii-dhaan gubate kun mee naaf haa qabbanaawu!

*** Hacaaluu Hundeessa – GadaaTube.com, gadaa.com ***

– Taammanaa Bitimaa gurree@web.de

Kutaa darban:

8. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Saddeettaffaa
7. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Torbaffaa
6. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Jahaffaa
5. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Shanaffaa
4. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Afraffaa
3. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Sadaffaa
2. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Lammaffaa
1. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Tokkoffaa