WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Shanaffaa

Taammanaa Bitimaa irraa  | Fulbaana 15, 2012

Dubbiftoota mandhee tanaa jaalatamoo fi kabajamoo, durseen nagaa fi nageenya isiniif hawwa! Barreeffama kana kutaa isa afraffaa keessatti kunoo akkana jedhamee ture: “Ammammoo daddhabbii karaa ijaarsa sabaa kanaatiin, ABO-tiin muldhatantu kanaa gaditti tarreeffamanii xiinxalamu. Kutaan inni kun dheeratee akka yeroo keessan hin dhuunfanneef, achumaanillee akka isin hin nuffisiifneef jecha: “haa bultu dubbiin” jedhamaatii nagaa fi nageenyaan mee naaf bubbulaa!”

Erga nagaa fi nageenyaan naaf bubbultanii, ilaa amma akkuma jedhame sanitti itti-fufama. Garuu, otoon daddhabbiiwwan jedhaman san hin dhiyeessinan waan barreeffama kana kutaa lammaffaa keessatti jedhamen isin yaadachiisuu fedha. Ilaamee innis kunooti: “Daddhabbiiwwan oggaa san turanii fi gariin kan hamma harraattillee jiran xiinxaluun, namoota keenya tokko tokko mufachiisuu dandaya. Garuu, erga qabsoo irra jiraannee, wanneen akkanaa dhiyeessuun abaluu faa gammachiisuuf yookaan mufachiisuuf otoo hin taane, waan qobsaawotaa fi sabboontota Oromoo irraa eegamu.

 Kunoo, amma armaan gaditti daddhabbiiwwan jedhaman sun tokko tokkoon tarreeffamanii xiinxalamu.

1) Dogoggorri karaa ABO-tiin dursee muldhate, waayee waraana warra Wayyaanee akka waraana Toopphiyaatti fudhachuu dha ture. Dubbiin tun dubbii akka laayyootti ilaalamtuu miti. Akkamitti waraana adda bilisummaa tokko yookaan garee (paartii) tokko akka waraana biyya tokkootti, saba tokkootti fudhatamuu dandaya? Kana ABO akkuma isaaf dhiyaatetti battalumatti “tole” jedheetoo fudhate jechuu kiyyaa miti. Inni mormii wayii gochuun isaa hin oolle. Haatahu malee, kana irratti mormii sonaan cimaa agarsiisuun dura goruutu irra ture. Inni kun booda, ee gara baatiiwwan 11 turee ABO mataa isaa, dabrees uummataa fi saba Oromoo irratti akka hojjate, waayee mooraatti naqamuu WBO keessaa garii yaadachuun ni gaya.

2) ABO caasaa ijaarsa ofii biyya guutuu keessatti sirriitti diriirfachuu hojii isaa keessaa isa duraasaa (hangafaa) godhachuutu irra ture. Dhugaa, kun caasaa wayiituu hin qabu jechaa miti. Mootummaa Cewumsaa san duras, yeroo Mootummaa Cewumsaa sanis, Mootummaa Cewumsa san boodas, kunoo harrallee namoota Oromoo akka ABO irra caala cimeetoo sochowu fedhantu daddhabbii ijaarsi kun karaa kanaan qabu kaasu. “Waa malee, manni hin aaru” jedha mammaaksi Oromoo tokko. Oromoonni waayee kanaa kaasan falfaltuu wayii tahaniitii miti. Yookaan ABO hamachuuf dharraa qabataniitii miti. ABO keenya akka sibiilaatti cimee bawuun, diina akka ollachiisu warra fedhii guddaa qabani. Mee kana irratti wanneen lama kanan achuma biyya Gadaatti deeggartoota ABO irraa dhagayeen as irratti tuqeetoo dabra.

Namni kun waajjira mootummaa Toopphiyaa tokko keessa kan bara dheeraa hojjate. Jireenyi isaas, hojiin isaas Shaggar keessa. Inni dhalootaan nama godina Arsii irraa dhufee, barumsa isaa itti-fuufuun booda hojii qabate ture. Naannoo Arsiittis nama beekamaa waan taheef, erga ABO Mootummaa Cewumsaa keessatti qooda-fudhachuu eegalee (jalqabee), uummanni Oromoo inni godina Arsii manguddoota filachuun akka inni warra ABO wajjin wal-qunnamsiisuuf ergatani. Inni dureewwan ABO keessa kan waayee kanaatti itti-gaafatamaa turee fi kan bakka hundaattuu akka hogganaa cimaa kan ABO, dabrees kan Oromootti laalamuuyyu wajjin wal-qunnamsiise. Manguddoonni Oromoo Arsii kan jedhaniiyyu: “nuti godina Arsii mara keessatti gandeen irraa kaafnee hanga godinaatti caasaa buusuun of-ijaarree jirra. Isinimmoo caasaa akka barbaadameetti hin qabdani. Maaloo caasaa nuti diriirfanne kanatti dhimma-bayaatii nu hogganaa! Kana caala akka jabaannuuf, gorsaa fi qajeelfama nuu keennaa!” Namnin ani amma maqaa isaa asi irratti kaasuu hin barbaanne, jechuun hoggantoota ABO hedduu beekamoo keessaa tokko kan ture, erga dhaamsa biyyaa kana dhagayee booda: “eenyutu nuti caasaa hin qabnu isiniin jedhe? Caasaa buusuun hojii keessani moo hojii keenya?“, faa jechuun manguddoota kabajamoo san rifachiise. San booda nama ABO wajjin isaan wal-qunnamsiise sanitti gaddaan himatani.

Dubbiin inni lammaffaan immoo namni magaalaa guguddoo naannoo Shaggaritti argaman keessaa takka keessa kan jiraatu tokko, kan natti hime. Inni barateessa (“educated“) yoo tahu, nama bara bineensummaa Dargii Oromoota hedduu ibidda jalaa baasuu dandeeye. Kanaaf magaalaa sanii fi naannoo ishiitti daran jaalatamaa dha. Inni Oromoota lama kanuma akka isaa baratan wajjinii fi manguddoota Oromoo magaalaa sanii fi naannoo ishiitti, sonaan beekaman sadii wajjin karaa lafa jalaatiin hojjachuun: hidhaa, waxalama, garafamaa fi ajjeechaa mootummaa Habashaa, isa maqaa Dargii ofii-baase san jalaa oolchuu nama dandaye. Silaa Dargiin nama-nyaataan sun baqatee, kaan qabamee, ABO Shaggar guddichatti galee, namni kun silaa karaa manguddoota sanii “biyya harkatti galfate” jechuutu dandayamaa, jaalleewwan isaa waliin walgayii sonaan guddaa magaalaa sanitti kurfeessuun, akka san irratti ABO nama ofii ergatuuf Shaggar bayee dureewwan ABO-tti hime.

Isaanis gammachuun yaada isaa simachuun dureewwan ABO keessaa nama hedduu cimaa, kan haasaan isaa fira gammachiisu, diina immoo mataa gadi-qabachiisu ergani. Ergamaan ABO sun haasaa daran bareeda gochuun uummata achitti argame mara mirqaanse. Innis qofaa isaa hin turre, dureewwan ABO lama isa waliin turaniiyyu. San booda isaan Shaggaritti deebiyani. “Nuti mee caasaa buufne sanitti dhimma-bayanii, nutis akka isaaniif hojjannu nu taasisu jennee eeggachaa turree! Karaa kanaan daddhabbii jabaa nutti agarsiisani“, naan jedhe namni jaalatamaan sun, inni ammallee mararfannoo fi kabaja guddaa ABO-f qabu!  Kanaaf, dubbiin caasaa diddiriirfachuu tun waan akka laafaatti ilaalamtuu miti. Inni dabre silaawoo dabree, warri ABO isa harraatti yaaduu qabun jedha.

3) ABO maal akka yaadeyyu Waaqni haa beekuu, warra Shaabiyaa fi warra Ameerikaa faa amanuun warra Wayyaanee wajjin loltuuwwan ofii mooraatti galchuuf waliif mallatteesse. Dhugaa dha; warri Wayyaanees loltuuwwan isaanii mooraatti galchuuf mallatteessanii turani. Garuu, isaan collummaa fi haxxummaan, gantummaa fi sobaan waan guutamaniif, otoo loltuuwwan ofii dallaatti hin naqin, isaan kan keenyaa marsaniitoo waraana itti-banani. ABO warra USA fi Shaabiyaatti iyyatullee, kan isa dhagaye hin turre. Kan nama dhibu, oggaa san Oromoota naannoon ani jiru keessaa “akkamitti loltuun keenya mooraatti naqama?” warra jidhaniif deebiin kennamuuyyu: “nuti biyya keenya keessa jirraa waanti dhalatu hin jiru. Isaan kan isaanii yoo mooraatti naqan nuuf gaarii dha.“, faa jedhamaayyu.

Harra loltuuwwan keenya kutatoon meeqaa meeqa sababa kanaan Wayyaanotaan akka nu jalaa galaafataman ni beekna. Kana immoo kan godhe dureewwan ABO keessaa nama tokko jechuunis ni jira. Amma biyyatttis, alattis maqaa nama kanaa kaasuun kanneen nuuf ibsaan danuu dha. Garuu, ee garuu akkamitti inni otoo dureewwan ABO warra kaaniin hin mariyatin kana gochuu dandaya? Waan akkanaa kana mee dureewwan lama, sadii yookaan afur otoo hin taane, Koree Shanee Gumii yoo mijaawuu baate immoo Koree Hojii Gaggeessituutu dandaya. Moo abbaa irrummaatu ABO keenya keessatti yommuu san dhalate?

4) Dogoggorri inni tokko immoo isa kanaa olitti tarree sadaffaa irratti ka’een yoo walgituu baatellee, xiqqaa fakkatullee dogoggoruma. Paarlamaa Toopphiyaa oggaa sanii keessatti waayeen Oromoota Walloo ka’eeti ture. Warri ABO: “Wallo biyya Oromoo fi uummata Oromoo keessaa tokko waan taheef, Oromiyaa jalatti ramadamuu qabu jedhuuyyu.” Kun hedduu sirrii dha. Maayii marii fi atakaroo warra Habashaa beekamaa san booda, sagalee irratti kennuun jalqabame. Dogoggorri warra ABO sagalee kennuu kana irratti. Mirkana isaanii fi Oromoonni miseensota mana sanii tahan: “Walla Oromoo dha” jechuun harka baasanii jiru. Kana irratti, dubbii akkanaa irratti sagaleen muruutu dogoggora. Jaalleewwan ABO: “kana irratti sagaleen kennamee waan muteeffamuu miti. Uummata Oromoo isa Wallootu muteeffachuu qaba“, jechuutu isaan irraa eegamaayyu. Akkamitti yaa’iin kamiyyuu, caffeen kamiyyuu eenyummaa uummata tokkoo irratti sagalee kennuun murteessaafi? Kana paarlamaa impaayera Toopphiyaa dhiisitii Caffeen Oromiyaayyuu, uummanni Oromoo inni naannoo biraayyuu sagalee ofii kennuun eenyummaa isaa, Oromoota Wallootiif murteessuu gonkumaa hin dandayu. Harras, borus kana irratti kan murteeffachuu dandayu uummata Oromoo Wallooti.

Ani bara 1998 keessa aadaa, seenaa fi Afaan Oromoo irratti qorannoo gochuufan karaa unibarsitiin Jarmanii, isan Afaan Oromoo keessatti barsiisaa tureetiin ergamee, Wallo keenya seene. Turban afurin achi ture. Kunis gara irra caalu naannoo OROMIYAA jedhamee, akka godina tokkootti Biyya Amaaraa jalatti ramadamuun Baardaar (“Baahir Daar“) jala jiru kan aanolee sadiitti qoodamu: a) Dawwaa fi Caffaa (magaalmataan isaa Kamisee b) Arxummaa fi Jillee (magaalmataan isaa Sambatee) c) Baatii (magaalmataan isaa Baatii) ture. Kana malee, naannoolee Dasee, Warra Qaalluu (magaalmataan isaa Kombolcha) fi Boorana Walloon tureeyyu.* Waayee kanaa olitti ka’e irratti Oromoonni Walloo kanneen ani waayee kanaa gaggaafaddhe yaadumaan ani kanaa olitti kaase deegaru. “Dhugaa dha“; jedha gamni naannoo Kamisee tokko: “Warri keenya (“warra ABO jechuu isaati”) yoo nuti haa murteeffannu jedhame isaan Oromiyaa hin fedhan jechuun sodaa qabu taha. Ammoo, nuti Oromoodha malee, yoom Amaara yookaa Tirgee taane?“, jechuun Oromummaan warra Walloo bara Teediroos irraa kaasuun hamma harraatti akka jiru naaf addeesse.

Warri naannoo “Oromiyaa” jedhamuun Gondor jala galan kun, Afaan Oromoo callaa dubbatu. Magaalaawwan irraa baanan naannoo kanatti namni Afaan Amaaraa beeku hin jiru. Dammaqiinsi sabaa inni warri naannoo “Oromiyaa Walloo” qabu, naannolee: Leeqaa fi Buunoo Baddallee, Limmuu fi  Geeraa, Amboo fi Bacho, Walisoo fi Salaale, Gadabii fi Roobe Baalee, Hara Maayaa fi Carcar, Yaballoo fi Dirree Liiban faatii gadii miti. Ani uummata Oromoo sirna nafxanyaa akka maleetti jibbus akkanatti argee hin beeku jechuun dandaya. “Tigreen obbolaa keenya irraa addaan nu baafte“, jechuun gubatanii imimmaan dhoowwachaa natti himani.

Afaan Oromoo naannoo Warra Qaalluu fi naannoo Boorana Walloottis akkuma jirutti hin bannee, hammi tokko numa dubbatama. Oromoonni Wallo keenyaa isaan afaan ofii irraanfachuun harra Afaan Amaaratiin dhimma bayanis matumaa “nuti Amaara” ofiin hin jedhani. Ati isaanin: “isin Amaara” jechuun akka waan isaan ajjeeftetti ilaalu. Akkuma naannoo Barentuutti (“Harargee“-tti) Wallotti “Amaara” jechuun “Kiristaana” jechuu dha. Isaan Muslimoota waan tahaniif isa sabaa, jechuun Oromummaa irratti dabalamuun “Amaara” jechuunin sonaan isaan rifachiisa. “Nuti afaan keenya, Afaan Oromoo irraanfannee Afaan Amaaraa dubbachuun gonkumaa Amaara nu hin taasisu“, naan jedhe barateessaan dhalootaan nama naannoo Boorana Walloo tahe tokko. Akkan naannoo Daseetti dhagayetti naannoo Yajjuu keessaa warri naannoo magaalaa Urgeessaa faas akkanuma. “Uummatoonni Irlaandaa, Iskootlandaa fi Weelsii faa harra afaan ofii irraanfachuun waan Afaan Ingilizii dubbataniif namoota Ingilizii hin taane. Waan hunda caala kan nu feesisu bilisummaa Oromiyaati; san booda ijoolleen teenya daftee Afaan sanyii ishii, Afaan Oromoo baratti“, naan jedhe, barateessi fi beekaan Oromoo Walloo kan naannoo Warra Iluu, kan waan tokkollee afaan keenya hin beekne tokko.

Kanaaf, eenyummaa ofii kan muratu uummata keenya, Oromoo Wallooti. Uummanni kamiyyuu birmada (“sovereign“). Kan Oromoo keenyaa isa Walloos akkanuma. Waaqaa gaditti lafaa olitti eenyumtuu, eenyummaa isaanii kan bakka isaanii bu’uun isaaniif murteessu abdan hin jiru!

5) Dogoggorri ABO inni tokko immoo waayee siidaa Minilk isa Handhurra Finfinnee-Shaggar, Birbirsa (Goorgisii Araadaa) fuuldura dhaabatuu sanii irratti. Warri OPDO paarlamaa Toopphiyaa keessatti akka kaafamuuf, yaada dhiyeessan tokko miseensonni ABO hin deegarre. Yaa Oromoo maaliif? Yaanni gaariin haa dhiyaatu malee, OPDO dhiisitii sheexana irraallee yoo tahe ni deegarama. Otoo kun tahee Minilik: harma-muraa fi harka-muraan, ija-buqqisaa fi funyaan-kutaan, qaama hormaata dhiiraa cirsiisaa fi Walaayitaatti ajjeechisee dhiiga namaa xuuxxachisaan — nurraa ka’ee, hamma tokko qalbiin uummata Oromoo, uummata Walaayitaa fi uummata Kafichoo faa haara baafatti jechaa dha. Minilik mataan isaatuu akka gaaf tokko qeyee Tufaa Munaa irraa ka’uun Manjee isaa, ganda irraa nutti dhufe san, Ankoobaritti deebiyuu ni beeka. Kanaaf, fardi isaa inni Oromoo Jiddaa fi Oromoo Abbichuu faa irraa korrojuun, maxaabirii-dhaan feesifatee irra taa’e sun, kan gara biyya Manjeetti garagalee dhaabatu. Otoo kun taheeyyuu borumtaa isaa siidaan abbaa Hayila-Sillaasee, Raas Mokonnin inni abbootii duulaa Minilik keessaa tokko tahuun Calanqootti duulee duulchise sunis, wiirtuu magaalaa Harar keessaa buqqifamuun nurraa kaa’ayyu!

6) Dogoggori ABO kan biraa waayee tokkummaa Oromoo irratti. Akkuma beeknu ABO jaarmaa guddicha. ABO waan hedduu, hedduu mishaa tahe kan Oromoo fi Oromiyaaf bu’aa-buuse keessaa inni hangafni, sagantaa isaa kan kallachumatti biyya Gadaa kottee koloneeffattota Habashaa jalaa baasee, Republika Oromiyaa hundeessuuf lafa nuuf kaaye sani. Sagantaan seena-qabeessichi kun akka harra jaarmoleen Oromoo tokko tokko, sagantaa kana olii fi gadi bacancaruun duubatti deebisuu barbaadanii otoo hin taane, kan Oromiyaa teenyaaf muldhantaa (“vision“) akka bakkalcha ganamaatti muldhatu of-keessaa qabu. San booda ijaarsonni bilisummaa Oromoo hundeeffaman marti sagantaa ifaa fi nama-baasaa kana irratti bu’ureeffamuun, Oromiyaa walaboomtee fi uummata Oromoo bilisoomeef saganteeffachuun ka’ani. ABO isaan akkanaa kanneen tumsaa fi obbolaa godachuun sochowuutu irraa eegamaayyu. Kun harrallee cimseetoo isa irraa eegama. ABO garuu, ennaa isaan kun jala-deemanii “tokkummaa Oromoo haa ijaarrannu” jedhan, akka masaanuutti isaan ilaaluu hojii isaa isa karaa kanaanii godhate.

Haatahu malee, bara 2000 keessa jaarmooleen bilisummaa Oromiyaa jaha Asmaraatti walgawuun, ijaarsa ijaarsotaa ULFO hundeeffatani. ABO isaan kanneen keessaa tokko tahee miseensa ULFO tahuun kan seena isaa keessatti isas, Oromoota bilisummaa saba ofii hawwanis boonsisu. Uummanni Oromoo manaa-alaa erga bara 1991-1992 asii akkanatti gammadee, akkanatti mirqaane hin beeku. Maal godhuree, otoo waggaa sadiillee hin gayin ABO ULFO keessaa of-baase. Ergasiiyyis ijaarsonni miseensota ULFO tahan keessaa gariin numa isa kadhatu. Innimmoo numa didaa kunoo, amma innuu bakka sadii-afurtii nu jalaa qoqqoodamee jira. Kan kanatti gammadu diina Oromoo fi sheexana callaa dha! Ana kan na dhibe, ijaarsa xiqqaatu ijaarsi inni guddaan “na liqimsa” jedheetoo irraa qollifata malee, akkamitti ijaarsi guddaan isa irraa qollifata?

Ammas uummannii fi sabni Oromoo ABO maqaa addaddaatiin of-waamu, isa sagantaa ABO achi darbachuun sagantaa Impaayerittii fannifate irraa kan hafe, dabalees isa bilisummaa fi walabummaa biyyaa achi ha’uun Toopphiyaa dimokiraatessuuf abjootu irraa kan hafe, minjaala (xarabbeeshaa) tokko irra taa’uun walitti haasawuu qabani. Tokkummaa Oromoo fi Oromiyaa malee, bilisummaan abjuu akka taate, ganamumaan beekuun sirrii dha! Haatahu malee, warra Toopphiyaa “nuu” dimokiraatessuuf abjootu, kanas gara diinaatti achi dheebuu hin barbaachisu. Dandayamnaan gara ofiitti isaan harkisuutu, dadhabamnaan immoo akka baabasa-maleeyyii (“neutral“) tahan gochuutu gumnummaa fi hojii malbultii (polotikaa) qabsooti!

7) Dogoggorri ABO inni kaleessaas, inni harraas ijaarsi sabaa kun dabbaleewwan ofii sirriitti qaree qarsiisuu daddhabuu dha. Dabballeewwan lubbuu adda bilisummaa tokkooti. ABO dabballeewwan isaatii barumsa taliigaa (siyaasaa) sirriitti kennuutu irraa eegama. Barumsa taliigaa oggaan jedhu, inni dabballeewwan ofii gara unibarsitii wayiitti erguun Damee Saayinsii Taliigaa (“Faculty of Political Science“) keessatti haa barsiifatu jechuu kootii miti. Inni dabballeewwan ofiitii barumsa walbarsiisuu, seminaara fi martii barnootaa irratti: akkamitti dabballeen tokko uummata keessa seenee akka itti-hojjatu, akkamitti uummata irraa barateetoo deebisee akka barsiisu, akkamitti bakka diinni jiruu fi kan biraa keessatti caayaa akkatti diriirsuu dandyu, akkamitti olola diinaa fi kan firaa dura akkatti dhaabatu, akkamitti mararfannoo fi kabaja uummataa akkatti ijaarsa isaatiif horachuu dandayu faa walbarsiisaan qaruun, hojii adda bilisummaa tokkoo keessaa isa duraasaati. Dabaleesoo, dabballeewwan ABOs haa tahanii jaarmolee Oromoo isaan bilisummaaf sochowanii kanneen biroo: aadaa, afaan, seenaa, safuu fi safeeffata Oromoo sirriitti beekuu qabu. Sirriitti dhimma-ittiin bayus qabu. Dabballeen yoo baalli shokokse “jaarmaa kiyyatu tuqame” jedhee namatti dutu, bu’aa wayiituu jaarmaa saniif hin fiddu. Silaa kan kalleessaa kaleessumaa, isa harraa fi isa boruutii ABOs tahee, jaarmolee bilisummaa Oromiyaa kanneen biroo cisanii bulanii, buna dhuganii haara-baafachuun guyyuu itti-yuuduu qabu!

Dubbiftoota barreeffama kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, innin kanaa olitti daddhabbiiwwan ijaarsa Oromoo, ee bakkalcha Oromiyaa kan tahe, ABO irratti dhiyeesse kun: hawwii, fedhii fi kabajan ijaarsa kana irraa qabu irratti bu’ureeffameeti. Innin ABO irratti dhiyeesse kun jaarmolee bilisummaa Oromiyaa maraaf, tahuu kan dandayu. ABO nuuf cimuun uummanni Oromoo guddichi kun nuuf cimuu dha. Kanaaf, ee kanaaf dureewwan ABO kanneen walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa uummata Oromootiif dhaabatan, harraa-boru otoo hin jedhin waliin haasawuu qabu. Haasawanii ofii tokkoomuu, daddhabnaan akka diinaatti wal-ilaaluu dhiisuu; dabranis jaarmolee bilisummaa Oromiyaa kanneen akka ULFO faa waliin tokkummaa ijaarrachuun waan beellamni kennamuu fi miti! Yoo akkana tahe qofa, kan harfixoo fi obomboleettii, jaanjessoo fi tamsaasa amma diina fi “firaan” nutti aggaamamaa jiru jalaa of-baasuun, abdii jagnicha keenyaa kan Roobaa Bultum fiixaan-baasuu kan dandeenyu!

Haatahuutii, amma kutaan kun nutti dheeratee jira. Kanaaf, isa hafeef kutaa jahaffaa irratti walitti dachaana. Isa keessatti haalli ammaan tana biyyii fi uummanni keenya keessatti argamu, maal maal faa fakkaata? Haala kana keessaa daran of-cimsineetoo bawuuf, maal maal faa gochuu qabna. Maal maal faatu ergama dhalawwan Oromooti. Maal maal faatummoo ergama isaanii miti. Eenyu eenyu faa waliin uummanni fi sabni Oromoo tumsa qabsoo ijaarrachuu qaba, kanneen jedhaman tokko tokkoon tarreeffamanii xiinxalamu. Egaa, WAAQNI fi Ayyaanni Oromoo mee achiin nu haa gawu!

==============    Habachiisa Miiljalee    ==============

* Kana irratti dabalamee Kamiseen magaalmataa godina “Oromiyaa” jedhamuutisi. Mee yoo feetan: Tamene Bitima – “LOOGA OROMOO WALLOO (WALLO OROMO DIALECT), “The Journal of Oromo Studies“, Vol. 13, Nrs. 1 and 2, July 2006, fuuleewwan 147 – 163 ilaaalaa!

— Taammanaa Bitimaa gurree@web.de

Kutaa darban:

4. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Afraffaa
3. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Sadaffaa
2. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Lammaffaa
1. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Tokkoffaa