WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa | Hagayya 10, 2012

Yeroo ammaa kana qilleensa fi bubbee garagaraatu waayee impaayera Toopphiyaa irratti wanneen garagaraa hafarsaa jira. Kunis kan sababeeffate waayee dhukkubsannaa yookaan du’aatii muummicha ministeerotaa, Mallas Zeenaa ti. Inni fayyus, fayyuu baatus; dabrus, dabruu baatus impaayerittii akka kanaan duraatti bituun hin dandayamu. Impaayerittiin keessi ishii rirmaa fi bacoodhaan, daanawoo fi shilmiidhaan nyanyaatamteetoo akkaan bosobbose haala akkanaa kana jalaa miliquu gonkumaa hin dandeessu. Mootummoonni abbootii irree otoo shimala uummatootaa fi sabootatiin dhawamanii hin kufin dursanii raafamu. Raafamni isaanii kun jalqaba kufaatii isaaniiti.

Kana baargama ceenetoo fakkeenya wayii barbaaduu otoo hin taane, achumma impaayerittii keessaa arguun ni dandayama. Mootummaan Hayila-Sillaasee fi kan Dargii fakkeenya gaarii nuuf tahuu dandayu. Tole, kufaatiin warra Wayyaaneewoo dhiyaatee jiraa, innoo waan akka du’aa hin oollee, nuti Oromoonni haala fi qopphii akkamii keessa jirra? Gaafiin kiyya kun jaarmolee Oromoo hundaa fi dhalawwan Oromoo maraafi. Nama yookaan gurmee duraan of-qoppheessetu, haala akkanaa kanatti dhimma-bawuu dandaya. Kan of hin qoppheessine immoo warra duraan durseetoo of-qoppheessitu meeshaa godhachuun dhimma-ittiin baya. Kurfiiwwan kun immoo maal maal faa akka tahan ibsuun barbaachisaa dha. Garuu, otoo inni kun hin ibsamin, haalli Qabsoon Bilisummaa Oromiyaa amma keessatti argamuu hammi tokko armaan gaditti lafa kaayama.

HAALA QABSOO BILISUMMAA OROMIYAA: Hamma 1990-tti

Kunoo, biyyii fi biyyeen Oromoo, laftii fi lafeen Oromoo erga harqoota gabrummaa Habashaa jalatti kufanii barkurnee 14, jechuun waggaalee 140 taheeti jira. Bara dheera kana keessa ginni-bittee Habashaa uummata keenya irratti wanni hamaa fi cubbamaan inni hin goone hin jiru. Ee, ganamuma oggaa ginni-bittee Habashaa kan Minilikiin durfame, humna mootummoota Oroppaatti hirkachuun uummataa fi saba keenya dirree waraanaatti moyee qabate san irraa kaaseeti, kan garajabeessuummaa fi bineensummaan daangaa hin qabne uummata keenyaa fi uummatoota obbolaa keenyaa kan akka Walaayitaa, Kafichoo fi Dimmee faa irratti adeemsifame. Habashoonni bowwaa Aannoleetti harma-muraa fi harka-muraa uummata keenya irratti adeemsisan, isaan gooroo Calanqootti uummata keenya ciibsanii akka hoolotaatti gorra’an, isaan baddaa Darraa fi baddaa Gullalleetti uummata keenya lafarraa duguugan, isaan jala Sooddoo fi baddaa Walisootti kan biraa hafee qaama hormaata dhiiraa-llee cicciratan, isaan baddaa Guumaatti jagnoota keenya akka gaararraatti rarraasan sun hojii sheexanaa waan humni isaanii hayyameef godhaniiti jiru.

San boodammoo uummanni keenya gabbaarii fi gabra isaanii tahuun, qoteefii siree irra isaan cibsetoo sooruun: cooma murachiisaa, daadhii habbuuqqachiisaa, baqsaa afaani fi funyaan isaanitiin obaasaa bara hedduu dheeraa keessa hulluuqee as gaye. Haatahu malee, uummanni keenya gaaf tokkollee dagateetoo “ani Habashaa dha; ani nama Toopphiyaati” ofiin jedhetoo hin beeku. Dabaleesoo, akka yeroo fi humni isaa hayyameefitti fincilaa, qabsaawaa as gaye. Uummanni keenya akka naannoo isaatti, akka gosa isaatti, akka naannolee lamaa fi sadiitti, akka gosoolii lamaa fi sadii faatti fincilaa, nafxanyaa isa irratti goobe gombisaa bara dhibbaa fi shantamootaa kan bardhibbee 20-ffaa irra dhaqqabe. Ee, yeroon kun yeroo ijaarsi seena-qabeessichi, Waldaan Maccaa-Tuulamaa hundeeffame sani. Waldaan kun yeroo gabaabaa keessatti Oromiyaa guutuu waliin gawuun: Raayyaa-Asibuu irraa hamma Booranaatti, Muggii fi Beegii irraa hamma Baabbilee fi Jaarsootti uummata Oromoo guddicha walsimachiisee, Oromoo gammachuu fi abdii cimaa yoo gonfachiisu, warra Habashaa ammoo gaddaa fi sodaa cimaa keessa buuse. Waldaan Maccaa-Tuulamaa kun waggaa lama keessatti miseensota miliyoona lamaa ol horachuun, ijaaree of-duukaa buuse. Oromoo fi Oromiyaa bira kutuun uummatoota akkuma isaa cunqurfaman keessaa miseensota ofii taasisuun, seenaa keenya keessatti dubbii akka bakkalcha ganamaatti ifaa jiraatu nu badhaase.

Waldaan kun Oromoota mootummaa Habashaa kan Hayila-Sillaasee irratti finciluun bosona Oromiyaa manneen ofii taasifatan, wajjin qunnamtii jabaa uummachuun Oromoof abdii akkaan cimaa diinota isaatii garuu, ollannaa jabaa keessa galche. Bara gabaabaa keessatti leenconni Baalee kanneen jagnoota biyya gadaa kan akka: Jeneraal Waaqoo Guutuu, Haaji Adam Saaddoo, Haaji Adam Jiloo fayiin gaggeeffaman magaalaawwan akka: Gobbaa, Adaabbaa fi Dodolaa malee, godina Baalee guutuu bilisoomsuun of-harkatti galfatani. San biraa kutaniiyyuu godinoota: Booranaa, Gujii, Arsii fi Harargeetti cewuun qabsoo hidhannoo finiinsuutti ka’ani. Maal godhuree, Habashoonni miila ofiitiin dhaabatanii buluu hin dandeenye sun, akkuma amala isaanii baargama cewuun roopphilaa waraanaa, leenjiftuu fi gorsituu faa Israa’elii fi USA-a irraa argachuun yeroof qabsoo keenya kana laaffisani.

Haatahu malee, mootummaan Hayila-Sillaasee qeerransoota Maccaa-Tuulamaa kaan manneen hidhaatti fannisuun, kaan ifumatti galaafachuun, kaan summiin fixuun, kaan hidhaa umurii guutuu itti-mureetoo hidhuun, kaan immoo biyyaa hari’uun yeroof waan laaffise seyullee: akkuma goonni Oromoo Hayila-Maaram Gammadaa otoo isaaniin hin galaafatamin jedhe san: “dubbiin Oromoo bofa udduu lixe”, taatetoo waggaalee yartuu booda Addi Bilusummaa Oromoo dhalate. ABO yeroo duraatiif sagantaa fi kaayyoo qulqulluu qulqulleessee, Oromiyaa teenya bilisoomsuu fi walaboomsuuf lafa nuuf kaaye. Amma dubbiin biyya gadaa qulqullooftee waan karaa qabatteef, jaarmoleen Oromoo san booda of-ijaaran marti jechuun kan OPDO, OPC fi OFDM irraa hafe: Oromiyaa kottee gabroomfatoota Habashaa jalaa baasuun: biyya walaboome, saba bilisoome fi uummata birmadoomeef akka qabsaawan saganteeffatani. Amma jaarmoleen teenya laafuu fi jabaachuu, qabsoon hidhannoo cimuu fi laafuu, Oromoonni biyya guutuu irratti tokkummaa sabaa ijaarrachuu fi otoo hin ijaarratiin hafuu fayi malee, sagntaa walabummaa fi bilisummaa qulqullaawaa fi ifaa qabna jechuu dha. Karaa kanaan nuti qaata: “nagaatti yaa Biyya Habashaa, nagaan yaa Toopphiyaa!”, jenne jechaa dha! Oggaan kana jedhu immoo duris, harras namoonni keenya tokko tokko kanneen waayee Toopphiyaa abjootaa bulan hin turre jechuu kiyyaa miti. Keesumaa raasaa kana (jidduu kana) namoonni keenya kan dureewwan Oromoo turan “Toopphiyaa dimokiraatessuu” faa, jechuun sagantaa ganamaa san gegeeddaraa jiruu, inni gara dhumaatti baldhinaan itti-seenamee xiinxalama.

Qabsoon sabaa fi uummata keenyaa kun kufaa-ka’aa bara 1970-mootaa fi bara 1980-mootaa keessa qaxxaamuruun, bara 1990 irraa dhaqqabe. Barreeffamni kun kutaan inni lammaffaan, bara kana irraa ka’uun itti-fufamaa, mee ammasitti nagaa fi nageenyi qeyee keessan irraa hin dhabamini!
Itti-fufa —!
Tamene Bitima gurree@web.de