WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Torbaffaa
Jaarmolee “bilisummaa Oromiyaa” kan jedhamu saganteeffatanii bayan keessaa, inni hangafni ABO. ABO hangafa jaarmolee bilisummaa Oromiyaa qofa otoo hin taane, jaarmaa guddaa fi kan gargaarsa cimaa uummata Oromoo irraa argate. Barreeffama kana keessatti waayeen ijaarsa kanaa baldhinaan ibsamee ture. Dandeettii fi daddhabbiin isaallee kaafamuun xiinxalamee jira. Amma san irra deebiyuun hin barbaachisu. Haatahu malee, jaarmaan bakkalchaa fi kallacha saba Oromoo tahe kun, harra bakka afur yookaan shaniitti nu jalaa qoqqoodamee jira. Akkuman kanaan dura jedhe, kanatti namni gammadu diina Oromoo callaa dha. Isa ifa jiru kana dhoksuufillee warreen tattaafatan hin dhabamne. Garuu, isa kana dhoksuuf aggaamuu irra haala jiru kana irraa ka’uun akka isaaan deebiyanii tokkooman, yoo daddhabamee immoo akka ijaarsota obbolaa tahaniitti waliin hojjatanii, tumsa waliif tahaniitoo diina biyyaa irratti xiyyeeffatan gochuutu irra karaa qajeelaa fi karaa bilisummaati. Haalli amma biyyi keenyaa fi naannoon biyya keenyaa keessa jiru waan yeroo namaa hin kennineef, dureewwan ABO isan gurmee (murna) kam keessayyuu jiran dubbii ganamaan manaa bayan saniif jecha, Oromoo fi Oromiyaaf jecha waldiddaa kana dhipphifachuun waliin hojjachuu qabu! Kun waamicha saba Oromoo fi waamicha qabsoo Oromiyaati!
Kanaa achi warri ABO jaarmolee Oromoo isaan sagantaa bilisummaa Oromiyaa qabatanii adeeman waliinis, hatattamaan tokkummaa qabsoo ijaarrachuu isaan barbaachisa. Jaaramoleen Oromoo kunis warra ABOs tahee, warreen biroo isaan bilisummaa biyyaatii dhaabatan wajjin tokkummaa Oromoo hundeeffachuu qabu. Warreen kana keessaa THBOs (ULFOs) warra ABO fi warreen biroo kanneen sagantaa bilisummaa Oromiyaa qabanii wajjiniin, tokkummaa sabaa ijaarrachuun waan borutti dabarfamuu miti. Jaarmoleen bilisummaa Oromiyaa kun tokkummaa uummata Oromoo fi saba Oromoo malee, bilisummaan biyya Gadaa abjuu akkaa tahe, ganamumaan beekuu qabu. Kana beekuun halakanii guyyaa irratti hojjachuutu isaan irraa eegama! Oromiyaan harmeen teenya: “ijoollee tiyya tokkoomatii harqoota gabrummaa Habashaa jalaa na baasaa-kaa!“, jetteeti nutti iyyachaa jirti! Jaarmoleen Oromoo iyya aayyoo teenyaa kana dhagawuu didaniitoo kophaa kophaa oli-gadi babattisan: beekaniis haa tahu, otoo hin beekin funyoo gabrummaa akka Oromiyaatti jabeessaa jiran beekuu qabu.
Dhugaa dha; warra duraan sagantaa bilisummaa Oromiyaa deeggaran keessaa namtokkeewwan tokko tokko duubatti deebiyuun: “Toopphiyaa dimokiraatessinaa fi maaloo maaloo” nuun jechaati jiru. Toopphiyaa tana, impaayerittii dullattii tana ofi irratti supphuun, dimokiraatessuu fi wanneen biroo kanneen kana fafakkatan hafarsuun ergama fi sagantaa keenya, kan dhalawwan Oromoo miti! Dirqamaa fi waamicha keenyas miti. Nuti abjuu impaayera dimokiraatessuu kana keessa hin gallu. Impaayera dimokiraateffamtes seenaa keessatti agarreetoo hin beeknu. Ammoo, impaayeroota qabsoo saboota koloneeffamaniitiin kufanii barbadayaan, tuulamanii waan jiraniif ni beekna!
Dubbiin impaayerittii wayyeessuu, waldhaanuu fi kobortaa haaraa baargama ceyaniitoo itti-bituu kun, waan namoota keenya garii biraa hafuu diddeef mee itti-hiiqnee baldhinaan haa xiinxallu! Amma nan yaadaddhaa, Kora Waldaa Qorannoo Oromoo (OSA) isa bara 1999 keessa magaalaa Atilaantaa, biyya USA keessatti adeemsifame irratti dubbii waayee kanaatii walmariin (“Panel Discussion“) kennameefii ture. Kana irratti namoonni sadii yaada kana deeggaranii fi namoonni sadiimmoo kan yaada kanaan morman, yaada ofii uummata kora san irratti argameef dhiyeessani. Maqaalee namoota kanaa ani amma as irratti kaasuu hin fedhu. Guddisa warra kiyyaa fi safuu Oromootu na dhoowwa. Isaan: “yoo waan gaaritiin ta’e malee, waan hamaatiin maqaa namaa hin kaasin“, jechaa waan na guddisaniif warreen oggas: “Toopphiyaa dimokiraatomte keessa sabni Oromoo akka jiraatuuf haa qabsoofnu!“, nuun jedhanii maqaalee isanii kaasuu hin barbaadu. Garuu, maqaa jagnicha Oromoo kan gaafas:”bilisummaa Oromiyaa irratti wadhiiwa (“compromise“) gochuu hin qabnu! karaa bilisummaa, isa Republika Oromiyaa ijaarutu nu baasa“, jechuun walmarii san irratti cimseetoo dubbatee, maqaa Sisaay Ibsaa, biyyeen isatti haa salphattuutii, yoon kaase badii wayiituu hin qabu.
San boodas akkuma kora san irraa deebineen, haasaan waayee kanaa mandhee Oromoo isa “onet” jedhamu keessatti baldhinaan adeemsifamee ture. Ani amma waraqaan haasaa saniif aduu garagaraa dhiyeesse of-harkaa hin qabu malee, yaada Oromoo Toopphiyoomsuu kana cimseen dura dhaabachaa ture. Ammas sammuu kiyyaa fi qalama kiyyaan akka maleen cimsee dura dhaabaddha! Kanas oggaan godhu, yaada amansiisaa fi ragaa qabatamaa irratti of-hundeessuuni. Mee obbolaa kiyya warra Toopphiyaa sammuu fi qalbii Oromootaa, eekaa sammuu fi qalbii miliyoonotaa keessaa haqamtee baate, deebisaniitoo itti-naqafuu warra aggaamaa jiraniifan kabajaa fi obbolummaadhaan gaafii tokkicha qofa isaanii dhiyeessa. Biyyi tokkoo fi biyyi tokko, uummanni tokkoo fi uummanni tokko waltahaniitoo biyya tokko ijaarrachuuf, lachanuu fayidaa (“advantage“) wayii argachuu qabu. Egaa amma, Oromiyaa fi Biyyi Habashaa yoo waltahuun biyya tokko ijaarratan, fayidaaleen Oromiyaan argattu maal maal fayi? Moo Habashootaaf jennee, namoomaaf jennee isaan waliin biyya tokko ijaarranna?
Nuti duris, harras, borus uummata ollaa keenyaa, jechuun uummata Habashaa gargaarsaan bira dhaabanneerra; bira dhaabachaas jirra; gara fuulduraattis bira dhaabanna. Garuu, ee garuu namoomaaf jecha (“just for the sake of humanity“) isaan waliin biyya tokko hin ijaarrannu! Namoomni akkanaa kun, kan namaaf jecha fayidaa ofii gatuun uummataa fi biyya isaa dabarseetoo kennu addunyaa tana irratti argamee hin beeku! Biyyi Habashaa fi warri Habashaa immoo fayidaaleen Oromiyaa irraa argatan, waan ifa jiruu fi waan lakkaawamee hin dhumne. Mee fayidaalee tana as irratti kaasuun haa ilaallu!
Akka dubbiin nuu gabaabbattuuf ilaamee waan tokko! Amma torban jaha dura Waldaan Dubartoota Oromoo Barliin agarsiisa dhangaa (nyaataa-dhugaatii) fi uffata aadaa Oromoo uummata Jarmanii fi Oromootaaf kurfeesse. Waayee Oromiyaa akkan ani barreessee, ijoolleen Oromoo uummata achitti argameef dubbiftu na gaafatani. Guddattuuwwan Oromoo kun asuma Barliin guddittiitti dhalatanii guddatani. Isaan Afaan Oromoo akkuma nama ganda Oromoo tokko keessatti dhalatee guddateetti kashakkashu. Barumsa manneen barsumsaa Biyya Jarmanii hedduu jabaataa sanis kashakkashuun, qabxii sonaan gaarii isa Faranjiin qabu saniin qormaata dabruun unbarsitii torban lamaan harraa seenu. Maqaaleen isaanii akka abbootii-saanii kan alagaa mitii: Hawwii fi Galaan jedhamu. Ijoolleen Waaqni sammuu fi amalaan qaree nu badhaase tun, isan ani Afaan Oromootiin qoppheesse san gara Afaan Jarmaniitti hiikuun lameeninuu uummataaf akka gaariitti dhiyeessite. Ani amma isa keessaan kan waayee dinagdee Oromiyaa ibsu duwwaa isiniif tuqee dabra.
“Waan Impaayerri Toopphiyaa gara biyyoota alaatti ergitee, gurgurattu (“Exportartikel – export items“) keessaa garri irra-caalu, jechuun dhibbantaan 70 kan Oromiyaa irraa argamu. Fakkeenyota: bunni waan ishiin alatti ergattu keessaa dhibbantaa 65 (“65%”). Kan kanatti aanummoo loon (“Rinder – cattle“), gogaa fi kaldhee (“Leder – leather“), dheedhii (“Hülsenfrüchte – pulses“), midhaan quyisaa (“Ölsaaten – oilseed“), jimaa (“Khat“), warqii (“Gold“) fi sibiilboora (“Platin – platinum“). Kanneen keessaa: warqiin, sibiilboorri fi jimaan akkuma jiranitti, jechuun dhibaa dhibbatti (“100%“) Oromiyaa irraayyi. Waanti ishiin industirii fi faabrikaa irraa hoomashattullee (horattullee) yoo xinnaate dhibbantaan 80 (“80%“) Oromiyaa irraayyi. Kunis: huccuu, (“Textil – textiles“), hoomisha gogaa (“Lederprodukte – leather product“), shukkaara, simintoo fi sijaaraa faayi.”
Kana irratti dabaleesoo, namni lafaa-marga mitii, mukaa-bineensa mitii nama waliin waliigaluun biyya waltummaa ijaarrata. Obbolaan kiyya kun namoota Habashaa, namoota Amaaraa wajjin Toopphiyaa san ijaarratu jechaa dha. Namoota jechaan immoo Manjee fi Gondor, Tigraayi fi Amaaraa-Saayinti keessa labanii namoota barbaaddatu jechaa miti. Habashoota, Amaartota ijaaraman, jaarmolee isaanii waliin walii-galuun ijaarratu jechaa dha. Ammaan tana daamotii (ibsaa) fi baatirii qabannee, jaarmolee Habashaa kanneen mirgaa fi haqa Oromoo beekan, beekaniis deeggaran barbaannee argachuun gonkumaa hin dandayamu. “Lafa loon hin oollerraa kaboota hin guurratan“, jedha Oromoon.
Ennaa biyyoonni Afrikaa kanneen koloneeffattoota Oroppaatiin qabamanii turan, bilisummaa ofiitii qabsaawaniiyyu, uummatoota Oroppaa fi jaarmolee Oroppaa kanneen akka gareewwan (paartiiwwan) sooshaal-dimokiraatotaa, sooshaalistootaa fi tarkaanfatootaatu: Lodon, Paaris, Liisbon, Biruseel faatti kumaa-kitilaan yaa’aniitoo bilisummaa Keeniyaa, Aljeeriyaa, Angoolaa fi Koongoo Kinshaasaa faa deeggaraa turani. Garagalchoo Waaqaa isaan “keenyaa“, Amaartonni yommuu ijoolleen Oromoo biyya ishii keessatti afaan ishiitiin haa barattu jedhame, dachee Gadaa irratti: Adaamaa, Bishooftuu, Asallaa fi Jimma faatti akka ijoolleen Oromoo Afaan Amaaratiin barattuuf hiriira bayaa turani. Oggaa alagaan, sunumtuu inni Afrikaa teenya irraa ala jiraatu, mootummaan Ameerikaa raadiyoo ofii keessatti akka Afaan Oromootiin oduun faa dabarfamuuf hayyame san, Habashoonni magaalaa Waashingitan Diisiitti hiriira bawuun dura dhaabatani.
Egaa, nuti amma Habashoota mirgaa fi haqa keenya guutuutti beekanii, hojii irra oolchuufis ka’an biyyoota alaa irraayyi akka ispaagetii fi konkolaataa fayitti olgalchuun waliin dhaabanna moo yaa jarana dubbiin maali? Waaqni gurraachi garaa gurraachaa fi ayyaanonni Oromoo sun waliigaluun obbolaa keenya kana cinaa dhaabatanii karaa qajeelaa, isa nama baasutti nuuf haa deebisani! Hooqubaa! Nuti obbolaa keenya kana amansiisuun karaatti deebisuu, daddhabamnaan baabsa-maleeyyii “(neutral“) isaan taasisuu malee, isaan gara diinaatti dhiibuun dubbii polotikaa isa bilchaataa hin tahu!
Mee amma xumura kutaa kanaa irrattin dubbiin kanaan dura barreeffata tokko kan mataduree: “OROMUMMAA FI TOOPPHIYUMMAAN DUGDAA FI GARAA DHA” jedhamu keessatti, dubbiftootaaf dhiyaatee ture keessaan waa isiniif tuqeetoo bula.
“Dabaleesoo, yeroo amma kana waayeen impaayera bosobboftee sun, waayeen Toopphiyaa dimokiraatessuu faa namoota Oromoo kanneen qubaan lakkaawamaniin ka’eeti jira. Yaanni Toopphiyummaa kun akkuma eegee re’eetti, namoota keenya tokko tokko biraa hafuu hin dandeenye. Namoota kana keessaa gariin isaanii ganama-ganama OROMUMMAA fi WALABUMMAA galgala-galgala immoo Toopphiyummaa nuuf leellisu. Garuu, ee garuu isaan jaalatanis, jibbanis: na, si, isa, ishii, eekaa nuu fi dabrees uummata Oromoo guddicha warra sammuu keenya keessatti “OROMIYAAN WALABOOMTE MAXXANFAMTEE MULDHATTUUF”, bakki Toopphiyummaaf hin argamu. Oromummaa fi Toopphiyummaan wal-cinaa onnee fi sammuu keenya keessa jiraachuu hin dandayani. Kunis waan Toopphiyummaan: dandayee, dhiisee, obsee Oromummaaf of-cinaatti iddoo amma dugda indaanqoo wayillee hin kennineefi. Ganamumaa qabee, ee gaafa Habashoonni qawwee fi fannoon daangaa keenya, daangaa Oromiyaa cabsanii seenanii asii kaaseeti, Toopphiyummaan kan abbaa mancaasaa Oromummaa tahe.”
Abbaa mancaas kana wajjin jiraachuu namni fedhu hin jiru natti fakkaataa, mee amma kutaa kana asuma irratti dhaabnee, kutaa saddeettaffaa irratti walitti haa deebinu!
Itti-fufa —!
– Taammanaa Bitimaa gurree@web.de
Kutaa darban:
6. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Jahaffaa
5. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Shanaffaa
4. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Afraffaa
3. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Sadaffaa
2. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Lammaffaa
1. WAAMICHA SABA OROMOO: Kutaa Tokkoffaa

