Waamicha Tokkumaa Barattoota Oromoo Jarmanii (TBOJ)
Adoolessa 27, 2012
Sabni Oromoo saba gaanfa Afrikaa irraa saba guddaa ta’uun isaa eenyuufi iyyuu ifaadha. Sabni kun hanga yeroo humni koloneefataa fi garboomfataa mootumaa habashaa aadaa fi sirna inni ittiin bulaa ture harkatti rukutee bituu eegaleetti saba sirnai diimokiraata’aa ta’ee sirna gadaan bulu, aadaa fi safuu ittiin jiraatu kan qabu, akkasumas mirga wal-qixxummaattin kan jiraatu ture. Haa ta’uu malee bittaa mootumoota habashaatiin waggoota 100 oliif hanga harr’aatti haccuuccaa fi dararrii guddaa jala jiraachaa jira. Haccuuccaa kana jalaa of baasuufis yeroo garaa garaatti qabsoo gurguddaa gochaa ture; ammas itti jira. Kun ta’uus, qabsoon kun galma ga’ee sabni Oromoos furmaata argatee yerooni itti bu’aa qabsoo isaatii argachuu danda’u amma iyyuu abjuu ta’ee mulaata raawwii dhabe jira. Yeroo ammaa kanatti immoo caalaatti kan saba guddaa kanaaf salphina guddaa ta’aa dhufe diina isaa alaan dararamuu irra darbee wal-dhabdee, tokkummaa dhabuu fi diina walitti ta’uu qabsaa’oota Oromoo bakka hundumaatti socha’an keessatti uumamee furmaata dhabeedha. Kanaafu akka Tokkummaa Baratoota Oromoo Jarmaniitti (TBOJ) qaamolee dhimmi isaa ilaalatu maraaf haalli salphina nuti fidee uumata addunyaa biratti boquu keenya lafa ilaalchisee bittaa diinaa isaa baroota dheeraaf jalatti bitamaa ture jala ammas darbinee akka jiraannu nu godhe kana of irraa cabsinee rakkoo nu giduutti dhalatee mo’icha nu dhabsiise kana cabsinee furmaata argamsiisuuf waamicha dabarsina.
1. Ummata Oromoo maraaf:
Ummanni Oromoo biyyaa keessas ta’ee biyyaa alaas kan jiraatu Gabrummaa waggaa dhibbaa ol irratti fe’ame jalaa ba’uuf aarsaa inni baasaa tureef itti jiru hundumaafj kabajja guddaa qaba. Kana irra kan ka’es mirgoota hanga ammaatti argaman tikfachaa kanneen hafaniif ammoo harka tokkoon walqabatee bakka jirutti tokkummaa isaa cimsuudhan akka falmatu dhaamsa keenya dabarsina. Qabsoon kan qabsaa’ota qofa otuu hin ta’in kan sabichaa guutumaa ta’uu isaatti amanee ciminaan itti fufuu akka qabus daballee waamicha goona.
2. Humnoota (dhabbilee) siyaasa Oromoof
Dhaabileen syiyaasaa bifa garaagaraatiin ummata Oromoof mirga sarbame deebisuuf baroota dheeraatii jalqabdanii qabsaa’aa turtan; ammas kan jirtan hundi seenaa Oromoo keessatti galata fi kabaja guddaa qabdu. Qabsoo godhaman kanaanis mirgooleen uumatichaa hangi tokko gonfatamaniiru. Haa ta’uu malee galmi qabsoowan kanaa inni guddaan amma iyyuu karaatti hafee jira. Kanaafis sababa kan ta’an keessaa inni guddaan wal-dhabdee xixiqqaa gidduu keessaniiti yeroo garaa-garaatti uumamaniidha. Yeroon ammaa kun yeroo kanaan dura turan caalaatti yeroo qabsoo Oromootiif balballi banamaa adeemaa jiruudha. Yeroo kana garaagarumaa nu gidduu jiru hanbifnee tokkummaa yoo godhanne kaayoon qabsoo yeroo gabaabaa keessatti galma ga’uu danda’a. “Nami mana tokko ijaaru ciitaa wal hinsaamuu”jedha mitii ree Oromoon. Kanaafu wal-dhabdee isin giduu jiru kana dhaabdanii carraa jirutti gargaaramuudhaan balaa bifa isaa isa dur ture deebisee haaresuutiin ummata keenyarratti aggaamatee jiru jalaa saba Oromoo baasuuf\baraaruf\ haaladure tokko malee akka dhuftanii waliin tessanii furmaata fiduuf marri’atan kabajaan gaafanna. Yoo walitti dhufnee tokkummaa uumne warri kanaan dura waggaa 100f ummata keenya cunqursaa turan ammas caraa gabrummaa isaani ummata keenyaratti deebisanii fe’uuf halkanii fi guyyaa hirriba dhabanii hojjechaa jiran kana dura dhaabachuu fi karaa dhowachuu dandeenya. Mootummaan abbaa irree wayyaanees inni guyyaa awwaalcha isaa lakkaawataa jiru kun debi’ee irree gabroomsaa isaa ummata keenya irratti akka hin cimsineef cufaatti dhabamsiisuu dandeenya. Kanaafu salphina nutti dhufaa jiru kana xinxalttanii akka sirna gadaa keenyaatti ilaaf ilaame, safuus waan qabnuuf akka tokkummaadhaan dhabattanii bilisummaa ummata keenyaa deebistan kabajaan gaafanna. Kun ta’uu hafee carraan amma jiru nu baanaan gaaf tokko seenaa salphina keenyaa qaaniidhaan yaadachaa hafuu nutti fida.
3. Jaarsolii, Beektota fi Aartistoota Oromoof
Salphina qabsoo Oromoo mudatee jiru hambisuuf yeroo garaagaraatti yaalii araaraa isin gochaa turtan martinuu beekamaadha. Gochi kun galma ga’uudhaa baatus seenaa Oromoo keessatti yaalii gootan hundaaf kabajjaa fi galata guddaa qabdu. Haa ta’uu malee ammas taanaan otuu abdii hin kutatin, hamileenis isin hin bu’in humnoota Oromoo fafaca’anii jiran kana walitti fiduudhaaf dhiibbaa jijjiirama fiduu danda’u gochuudhaan rakkina xixiqaa gidduu isaani jiru akka isaan hatattamaan hikkatanii waliin hojjetan goochuu irratti akka hojjetan kabajja guddaadhaan isin gaafanna.
4. Mootummoota Addunyaaf
Bifa garaagaraan mootumoota yeroo adda addaatti haa xinaatu iyyuu malee qabsoo Oromootiif gargaarsa godhaa turan nii galateefanna. Haa ta’uu malee gargaarsi humna mootumaa wayaanee isaa mirga sabaa sarbee dhiitee bulchaa jiru kanaaf godhamaa jiru kun nu gaddisiisa. Gargaarsi kun mootummaa abba irree ta’ee aangoo irra tursuuf sababii ta’ee. Gargaarsi godhamaa jiru kun biyyaa Ityoophiyaa keessatti nagaaf dimokirasii buusuu waan dadhabeef irra deebitanii gadi fageenyaan ilaaluudhaan isaa dhugaatti dimokiraasii sirrii ta’ee fiduu danda’un qabsoo cunqurfamtootaa bira dhaabbattanii biyyaa sana keessatti nagaa fi dimokiraasiin akka bu’u irratti hojjettan waamicha keenya haaromsina.
Tokkummaan uumina!!
Bilissumaan Saba cunqursaa jala jiru maraaf!!
KHG -TBOJ
Tokkummaa Baratoota Oromoo Biyyaa Jarmanii (TBOJ)
Munich-Germany
25.07.2012



Chameleon group, asii fi achii hin fakkaatna tokkoof dhugaati amanaa
Diini oromoo kan kaleessa har’aa sanumma.
Nama afaan isaa liphisikii sobaa dibatee dhufee isin gowoomsuu gowwoomsa isin laata jiru bara!
Akkam jirtan Barattoota Oromoo Jerman,yaamichi keessan haalaan gaariidha yeroon ummatni Oromoo yaamicha Oromiyaati fi yaamichaa barattootan Oromoo jalaa owwaatu dirqama amma tahuu qabaa.Carraa akkaan bareedaa kan amma biyyatti keessa jiurutti ammarraa yoo dhimman bahin sirni Nafxanyaa(Menelik)akka bakka isatti deebiu ummanni Oromoo marti hubatuu qabaa jabaadhaa wal jajjabeessa wal sossoosaa bakka jirtanitti.
Galatoomaa
Yaa barattoota Oromoo Germany. bakka durii bulu malee akka duriitti hin bulan jedha oromoon. Isin amma ergaan akka TBOA durii if fakkeessuu keessanii? nama lama taatanii PC gubbaatti waraqaa facaaftanii darbachuun homaa isin hin dhibu.ergaa waraqaa kana irraa ammoo sinuu miti kan barreesse warri maxxansitan ifiifuu… kanaaf osoo maqaa TBOJ n daldaluu dhiiftanii gaarii dha. Namni isin dhagahus hin jiru. Hamma hojii dhabdanii waan akkaii sarartan deemaa Oromoof hiriira bahaa adduunyaatti dhimma keenya hima.
Nagaan
Warruma maraammartoo tu(“Oromo Dialogue Forum”) lipistiki TBOJ dibatee kana maxxanse. Ajaayiba dubbii, rakkanne jarana. Waraabessi biyya isa hin beeyne dhaqee “ittillee naa hafaa” jedhe jedhu miti? This is not genuine.
Tokkummaa
Baratoota
OO
JAAMA!
Isin qaroo miti
Osoo qaroo taatanii jaarsoolee mataa furii ka akka leencoo diima,fi ka biroo waliin waan argitan hin munadan ture.
Maal isin keessa deebitan haasoftu waamich gootu.
beekan ni barata isin garuu barachuun keessan ittiin jaarsota waliin oromoo hamachuu itii fuftan
ABO akn abalauu fi maqaa namaa baratee taatan nama yakkutti bobaatan.
isin ammaa illee jarman moo jaama jirtan?
Yaa TBOJ bakka jirtanitti nagaan isin ha qaqqabdu. Yaada waamichaa gootan kanaaf baayee galatoomaa. Yeroon kanaan dura dhaabota Oromoo giduutti wal-loluu fi maqaa wal ballessun darban utuu waliin mariyachuun ta’eera ta’ee haga kana rakkinni hin hamaatu. Ammas yeroon jira, jabaadhaa, harka wal qabatanii waliigaltee uumuun beekumsa fi qaroomina sammuutii.
Oromoon safuu qaba ilaaf ilaamedhaan waldhaga’a rakoosa waliin ta’e mari’ata.Dhabilee siyaasa oromoo rakkoo keessa kan buuses ilaaf ilaame dhabuudha rakkoo xixiqqaa uumame waliin ta’ani mari’achuun furmaata argamsiisu dadhabuudha isa kana hubattanii rakkon uumame faca’insa fide kana hiikuf akka ta’anii mari’atan waamicha gochuun dirqama lammummaa ba’aa jirtaniif galata guddaa qabdu itti fufaa.
AYAANTUU, dhaamsa kanatti aanu kana, TBOJ tiin nuu gahaa. Galatoomaa.
…………………….
Tokkumaa Barattoota Oromoo Jarmaniif (TBOJ)
Nagaan isiniif haa tahu.
Dhaamsan isiniif qaba:
Mucayyoon maqaan isii Serawit Bekele jedhamtu tan Bayreuth, Germany jiraattu jirti…PhD ishee hojjechaa jirti. Kan hojjettus akka an beekuutti Secularization irratti tahee IRREECHA irratti xiyyeeffatti. Haala kanaan akka qorannoon kun fiixa bahuuf gargaarsa gochaafii jirra, akka dhuunfaatti. Kan an ishee beeku, Salale, naannoo an itti PhD koo hojjechaa jirurraa waan taateefi…MA isheellee aadaa Qaalluu fi Amantaa Ortodoksi naannoo isheerratti.
Dhaamsi koo, Ayyaana “ADDIS ABABA” kan waggaa 125/6 kabajuuf, akka isheen jettetti, Miilana eenyuun filannee yoo yaadanne wayya?? kan jedhu FB ishee maqaa isheetiin (SERAWIT BEKELE ilaalaa, deebii koo waliin. Sirreessi jennaan, deebii armaan gadii naa laatte. Kanaaf haala isheen dhimma Irreechaa ilaalchisee fi dhimma Oromo waliin wal qabatee kan isinitti dhiyaattu tahe, haala ishee kana akka hubattaniifi, akka hordoftaniif, dhaamsa kana dhaame.
Hub. ergaa FB ishee ilaalaa:
so u want me to fix the post? u think i have not thought about wht i have posted? I have thought about it and i know it is IMPORTANT too. and there is nothing i can fix about it for i dont believe it is wrong.
Abba Ebba
Indiana University