Xalayaa banaa obboo Leencoo Lataaf
Onkoloolessa 21, 2012
Kabajamaa obboo Leencoo Lataa, duraan dursee nageenyi isin haa gawu!
Akkan sabaa himaalee addaddaatin dhagawuu fi akkan isa barreeffame argu yoo taye, Onkololeessa 22/2012 “Waltajjii Marii Oromoo” maqaa jedhuun walgayii akka OSLOO/ Nooriweetti qopheessitani.
Qabiyeen wal gayii kanaa maal akka taye duraan dursee dhagawuu baadhus, toftaa kamiin akka taye beekuu baadhus, akka rakkina ilmaan Oromoo hiikuf tane nan abdadha.
Karaa biraatin yoon ilaalu garuu, namoonni addaddaa yaada keessan kana akka mormii (Opposition of) ABO-tti dhiyeessaa jiru.
Fakk.(Oromo Dialogue Forum: 15/09/2012 ON Ayyaantuu, 19/09/2012 on Ethiomedia. ete.)
Dhugaa dubbachuuf yoo taye, rakkina ilmaan Oromoorra qaqqabe, rakkina ilmaan Oromoorra jiru, bara 1991 akkamitti akka TPLF biyya qabatte, Shaabiyaan maalin akka gargaare, warri lixaa (Amerikaa fi Engiliziin) maalif Oromoo, ‘uummata lakkoofsi isaa hammana baay’atu tuffatanii akka Tigroonni biyya qabatan hayyamaniif, maalif akka waraanni ABO akka harka kennatu, akka bakka jirutti qabamu, kan dide ajjeeffamu, maalif eenyu akka ajaja kenne, ilmaan Oromoo yeroo sana gammaddee.
“Ijoollen keenya nuu dhufte. “LEENCI keenya (Leencon keenya) nuu dhufe jedhee akkasitti gammade maalif akka deebi’ee waanjoo rakkinaa keessatti gale, namni isin (Leecoo Lataa) caala ni beeka jedhee hin amanu. Waggaa heddu booda maalif akka “WMO/ODF” dhaabunis maalif akka barbaachises kan isin caala beeku hin jiru. Anis, akkuma ilmaan Oromoo biraattan bu’aa isaa eegaa jira.
Tawus, yeroo kana akkuma isinuu argitan/ beektan, akkuma barame ilmaan Oromoo waluma tuffachaa, waluma qoodaa, waluma arrabsaati, lubbuu diinaa dheeressaa, rakkina ilmaan Oromoo dhalootan dabarsaa jirti. ABO abdii bilisummaa Oromoo akka taye mamii hin qabu. Hardha garuu, tokko ta’anii mirga dhala Oromootif dhaabachuu didanii maalif wal qoqqoodanii akka maqaa kanaan of wawwaamanis kan Leencoo Lataa “Leenci keenya nuu dhufe.” jedhee sabni Oromoo abaabon simateeyyu sana caala namni beeku hin jiru.
Kana waan tayeefuu, wal gayiin kun,/WMO akka rakkina ilmaan Oromoo hiiku, akka awaasa Oromoo, warra basaastuu diinatiinis tayee beekatuma walii galtee dhabee maqaa ABO-tin daldalee warra diinaa gargaaruf addadda wal qoode deebisee, arrabaan otoo hin taane, diina fuulduratti wal yakkuun otoo hin taane, akka dhugaatti waliin mariyatee, wal amansiisee,tokko taasisee, akka bilisummaa ilmaan Oromootif dhaabatu akka taasiftan kabaja wajjinan isin gaafadha.
Obboloonni keenyas, warri rakkina kanaan dura ture ilaaltanii “WMO” kana hin amanne, maqaa wal balleessuu dura mee murtee isaan dabarsan ilaalaa! Sana booda yaada keessan irratti kennuu wayya natti fakkaate.
Akka “WMO’ kun waltajjii ilmaan Oromoo irratti waliin mariyatanii, rakkina jidduu isaanii jiru hiikanii, warra diinatiif otoo hin taane ‘uummata Oromootif bu’aa buusan tawu nan hawwa.
–Kumsaa Diriirsaa drirsa@yahoo.com
Kabaja wajjin.



Olkaaaftee Obbo Leencoo. Obbo leencoon hanaga amma ati ol kaafte kana hin hojjenne. Tarii yoon dogoggoree na sirreessi. Qabsaa’onni iddoo qabu
Itoophiyaan dimookraatawuu otoo dandeessee maaliif Professor Mararaa fi Obbo Bulchaan hin dimookraatessine? Jara lachuu beekkumsi fi muuxxannoon siyaasaa itti hin hir’anne. Yaada isaanii fi yaalii isaan godhan irraa ani rakkina hin qabu. Rakkinni koo warra maqaa bilisummaatiin socho’aa yeroo itti siqxee hubattu garuu yaada adda ta’e hin qabne.
Warra otoo waan hojjatan ummata hin dhoksinee fi consistent kan ta’e yaada qabaniif kabajan qaba. Warra na mooksuu yaalu immoo nan tuffadha. Abbaan warraa harree haadha warraa isaa irraa waraabessa dhorkuu/dhoowwuu hin danda’u jedhama mitiiree? Amma barri isaa bara 1991 miti. Obbo Leencoon QBO keessatti qooda guddaa akka qabaachaa turan beekamaa dha. Isaan malee qabsoon Oromoo galii isaa hin gawu taanaan rakkinni kan ummata Oromoo ti jedheen amana. Ani gama kootiin institution Oromoon ijaarrachaa jiru irrattin abdii qaba. Namtokkeen qooda xabataniif seenaan isaan haa yaadatu.
Hunda dura galatni koo abbaa xalayaa kana jaallee leencoo lataaf erge galatni koo haa gahu,itti aansuun akkan yaada laadhu.kan na taasisan nama maqaa isaanii armaan olitti jabaa jedhan ilaalchisee waa jechuun barbaada, yaadni ati laattee yaada dhadhabaa qabsoo oromoo guffachiisuu dha malee kan jajjabeessu miti;yaada ykn ebaluu ebeluu.jechuun wal komachuun ykn gadheesuun kan habashootaa diinummaa dha malee baalattii waan hin baaneedha; nuti afaan tokko dubbana karaa waitti himuu kan hafe wal hadheessuun akkuman jedhe kan diina irrraa darbatamuudha waan haaraas miti; asirraati kan ati jechuu yaalte gaheen namni kun qabsoo oromoo keessatti godhe itti baayyiste jetta;ati osoo dhuguma ergamaa diinaa tahuu baatee akkas hin jeetu turte; nama kanaaf seenaatu dhugaa bahaaff biris ni yaadata sabni oromoos ni beeka; ati kan akkas jettu kun yoona nama guyyaa tokko waahee dhimma oromoorratii hirmaattee hin beekne akka taate sirraa beeksisa; yeroo ati garaa kee bulfachuuf jettee isttora namaa keessa ijaajjaa ooltu innimmoo dhabus argatus dhimma kee fi koo akkasumas kan saba oromoof jedhee sammuu dhukkuba; qabsoon bar dirqama miti bari; sumunii tokko ati kaffalteefii miti bar; tahus namni kun osoo akka kee jiraachuu bafbaadee ni jiraata ture bar; akka kee inni cashierii stooraa miti bar; nama barnoota gosa addaaddaa baratee osoo ittiin hojjechuu dandahuu oliif gadi joora bat;filoosoofii,law,even enjinering kkf ati mataam kee istoora namaa keessaa dutuu dhiisiittii mana barnootaa seenii seenaa baradhu; osoo seenaa beektee afaaniin hin haddu turte;ofumaa hin iyyin namuma baratetu siyassas geggeesa.
Waanti ati naaf beekuu.qabdu garuu karaa usaan filatan kun sirriidha nan deegeraa jechuu koo miti;an ODF kan jedhan kana hin fudhadhu akka nama tokkottti jechuu kooti;garuu nama akka keetii kan soba adii seenaarrati galmaayee jiru sobdutti waan xinnoo itti himuuf jedheeni.
Yoo yaada qabaatte an barataadha teessoo koo siifan kennaa na haassofsiisuu dandeesaa
Anallee ka na kaase namoonni wallaaloon gandummaan guutaman namoota addunyaanuu amanteef waan hin beekneen yakkuudha.J/Kufan malee QBO warroota beekamoo jiran keessaa,Jaallan Leencoo,Diimaa,Galaasaa,Daawud Dhukaasaa Taaddasaa fiXaahaa arrabsuun,Oromoo tokko irraa hin malu.Jaroonni kuni sadoo mataa isaanii dagaggummaa maatii oromoof jecha lagatanii ummata isaanii dukksnaa fi awwaala keessaa baasuuf jireenna isaanii laataniifii haa kabajnuu.
Barreessaa barruu kana baay’ee galatoomi. Ati dhugumaan sabboonaa Oromoo bilisummaa Oromootiif baay’ee yaaddu ta’uu barreeffamni kee kun wabii dha.
Akkuma atuu jette maqaa walxureeysuun bu’aa hinqabu. Haata’u malee fira fakkaatanii nutti dhihaachuun diina keenya cinaa kan dhaabbatan jiraachuu waan malaniif jarreen akkanaa kana maqaa xureeysuu qofa utuu hintaane tarkaanfii irratti fudhachuunuu barbaachisaa ta’uu mala. Waan hundumaafuu dura qulqulleeffachuun barbaachisaa dha.
Namni kun hamma yoomi, oromo gowmsu barbaada. Erga bara 1991 nyaapa wayyane duratti uumata oromo gadi naqee deeme, harra,a uumata oromo kamiif yaadu barbaada. Osoo gaafa sun oromoof je,e finfinne kessatti hidhame ykn ajjeefame harra,a seenan isa yaadata ture. Hammaatulle ergamtu wayyaane tan taate opdon harka meeqa abo caalte argamti.
Yaadni karaa ODF ka’e waan gaarii fi haala yeroo walii kan deemu waan ta’eef karaa koo natti tolee jira. J/Leencoo waanan danda’uun gargaaruufis kutadheen jira. Yaadni isaa ka’anifis waan na amansiiseef oromof akka bu’aa qabu nan amana. Kana nama milkeessu garuu waaqayyo yoo nama gargaare dha.
ViVA ODF
Baarentu fayyaa ta’i abalutu sirriidha abalutu sirrii mitii jechuuf osoo hintaanee, “isa Taa’ee ilaaluuf daakuun boqqolloo dimbilaalaa” jedha oromoon yoo mammaaku, mana taa’anii harraba dhaanuun nama hin dhibu mee geerarsa eebbisaa seenaan hayaadatu osoo dhaggeeffatanii gaariidhan jedha, rakkoo qabsoo gaafas arguuf teessuuti. Ammoo hamtuu hojjetteefis gaarii gootefis guyyaa dhihootti wal taajjabuuf teenya. Yoo rabbiin jedhe, guyyaa galmeen seenaa itti dubbifamu fagoo miti nagaatti
Barreessaan xalayaa kanaa baaye’ee baaye’ee galatoomi. Ummatni Oromoo Namoota akka kee dheebotee jira. Waaqayyo si haa eebisu.
Buddeena nama quubsu eelee irratti beeku jedha oromoon
nagaatti
g3
Ani karaa koo qabsoon ABo gaggeefama jiru kun gaga’ama dhala oromo fiduun ala bu’a qubeen barachuun dha.waggoota 40 ti dhaaba 40m waraanan qabachuu him daandeenye ,akkaaumas obboo leencoon yeroo charter sana loluu dhiise baqate mogaati bawee oromoof bowwaa ta’e dhaaba kana anatu dhaabe yoon ani keessa hin jirane haa baduu kan jedhuun.namootni amma addaaaan abo ciratan illee isa irraa dhaalan waan ummata dhiiaytani maqaa ummatan jirtan.oromo maqaa isaa osoo dhugaa isaa barbaada.Jarsoolii are you morone?
G3, mammaakun bayeessa. Hiikos qaba. Akkuma namni barruu kana barreesse jedhe, mee murtee isaan bdabarsan, waan isaan gara fuulduraatti ni hojjanna jedha haa ilaallu/ dhageenyu.
Mee waanan dubbise tooko irraa waanan qalbeeffadhe tokkon isinii qooda. “Barataa tokkotu otoodhuma baratuu qormaata irratti qabxiin dhufuufii dide. Otoo muka jala /gaaddisa taa’ee yaaduu goondan tokko dhuftee muka yaabbachuuf/ koruuf jettuu kufte. Deebiteeti yaalte. Hammas ni kufte. Deebiteeti yaalte. Tayeetif ol baate. barataan sun goondattii sana argeeti, abdii duraan kute dhiisee mana baruumsatti deebi’ee sirriitti qu’atee qabxii gaarii argatee booda bakka gaarii qaqqabe.” jedhama. “NAMNI SIRRIITTI BEEKU NAMA DOGOGGORA ISAARRAA BARATE.” jedhu. Mee wajjumaan bu’aa isaa haa eegnu.
” Biddeena nama quubsu ‘eelee irratti beeku.” jennus, waanni tokko hin jijjiiramu jennee fudhachuun nurra hin jiru.
Bakka horiin hin oolin dhoqee(Kosii) hin barbaadinaa. Leencon waan murteefatte qaba…kunis ABO diiguu fi yoo dandaye balleesuu, sanirra namni isa dhaabuu dandayu ammaaf kan jiraatu nati hin fakkaatu
Duraan dursee Kumsaa Diriirsaa baayyee galateeffachuun barbaada yaada gaarii barreessite Jiraadhu. Itti aansuun namoota yaada keessan as irratti kennitan hunduu galatoomaa yoo dubbatan waliigalan, yoo waliigalan ammoo alaa galan jedhama. Yaadni nuti kenninu hangam takkallee walii keenya biratti yoo fudhatama hin arganneyu waliin dubbachuuf karra bana waan ta’eef, yaada kenninuuf yaada irratti kennuudha malee wal arrabsuu wal qeequun aadaa keenya ta’uu hin qabu. Anis hammuma beekumsa kootiin yaada kenna, yaadan ani kenne sana irratti yaada naa kennamu irraa ammo nan baradha. Akkasitti wal ijaaruu qabna.
Kan biraan Gootota Oromoo, Oromoof jedhanii kufanii ka’anirratti akka barbaanne otuu quba qabuu baannee wal kabajuun aadaa keenya miti?. Hangam yoo fiige ilmi abbaa hin dursu. Hangafa kabajuun aadaa keenya.Nama akka J/Leencoo Lataa irratti waan nutti fakkaate ol kaane dubbachuun diina Oromoo nutaasisa taasisa. Dura seenaa namoota kanaa osuu beekne akkas hin jarjarru.
Oromoo tahee kan bilisummaa Oromoo hin jaallanne hin jiru. Dhaabni bilisummaa Oromootiif dhaabbate ammoo ABO dha, Ummanni Oromoo ammoo hoggantoota ABO kabajuu qaba.OBSa yaa qabaannu. Hoggantooni keenyas kan bilisummaa Oromootiif dhaabbatan namoonni mana tokko ijaaran citaa wal hin saaman jedhama miti.tasgabbiin waliin dubbachuu bilisummaa booda “multi parti” qabaachuun waan danda’amuuf amma achi gahanitii walii galanii ummata dararamaa jiru kanaaf dhaqabuutu isaan irraa eegama.
Galatooma Jimaa Galatuu galatujima@yahoo.com
Obbo Kumsaa,
Wa’ee Obbo Leenco “cable” Weakileaks gadi baasee kana keessa jiru akkamitti ilaalta?
Viewing cable 06ADDISABABA100, ETHIOPIA: MELES ON INTERNAL SITUATION
If you are new to these pages, please read an introduction on the structure of a cable as well as how to discuss them with others. See also the FAQs
Reference ID Created Released Classification Origin
06ADDISABABA100
2006-01-11 13:29
2011-08-30 01:44
CONFIDENTIAL
Embassy Addis Ababa
VZCZCXRO8402
OO RUEHROV
DE RUEHDS #0100/01 0111329
ZNY CCCCC ZZH
O 111329Z JAN 06
FM AMEMBASSY ADDIS ABABA
TO RUEHC/SECSTATE WASHDC IMMEDIATE 8611
INFO RUCNIAD/IGAD COLLECTIVE PRIORITY
RUEAIIA/CIA WASHINGTON DC PRIORITY
RHMFISS/CJTF HOA PRIORITY
RUEKDIA/DIA WASHINGTON DC PRIORITY
RHEHNSC/NSC WASHDC PRIORITY
C O N F I D E N T I A L SECTION 01 OF 02 ADDIS ABABA 000100
SIPDIS
SIPDIS
FOR A/S FRAZER AND DAS YAMAMOTO FROM VICKI HUDDLESTON
E.O. 12958: DECL: 01/11/2015 (2005?)
TAGS: PGOV PREL PHUM PINR
SUBJECT: ETHIOPIA: MELES ON INTERNAL SITUATION
Classified By: Charg d’Affaires Vicki Huddleston for reasons 1.4 (b,d).
¶1. (C) Summary: In a discussion with Prime Minister Meles on January 9, principally on ways to deal with border demarcation and Dr. Frazer’s visit, Meles made the following points regarding the internal situation:
– The bulk of the youth charged with violent acts will be released rather than stand trial. Currently there are 2,200 in custody: 800 were freed over the holidays.
– The U.S. and international community is more concerned with the outcome of the trial of the CUD and civil society leaders than with the process, but despite international criticism, the process must go forward because Hailu Shawel and others cannot be seen to be above the law.
– More time will be provided for the opposition to take over City Hall; the number of opposition MPs in Parliament is now over 150.
– Differences with the OLF are not irreconcilable and Meles remains open to re-enter a discussion; the PM thought that he had reached an agreement in Bonn , but talks were subsequently broken off by the OLF.
¶2. (C) Toward the end of our conversation on border issues, I pointed out our concerns that the trial of CUD leaders and others is increasingly divisive, and about continuing unrest in Oromiya. Prime Minister Meles replied that the recent U.S. statement reflected our – an international concern – with the trial’s outcome, not due process. The international community wanted a certain outcome (freedom for the detainees), while Ethiopia wanted a process to convince the hard core imprisoned CUD leaders that they are not above the rule of law. While the trial might be divisive internationally, the PM maintained that it was beneficial locally. Meles explained that the lawyers had been turned away once, but they could now meet with their clients. Some
had done so. The CUD leaders’ strategy, however, was now to reject the process, including the use of lawyers. I
suggested separating those with lesser charges from the CUD leadership charged with additional crimes so that the former could chose to use lawyers and participate in the process. Meles complained that CUD leader Berhanu had been disrespectful in claiming the court had no jurisdiction and in attempting to read a political commentary. The “spineless” judge should never have allowed this.
¶3. (C) Meles said that over the holidays, 800 of the youths detained after the unrest had been released. Furthermore, the bulk of the remaining 2,200 would be released soon. But for those not released, they would be subject to the entire legal process.
¶4. (C) I told Meles we were hopeful that the opposition would take reins of City government now that UEDP-Medhin leader Lidetu and his rival, ex-UEDP president Admassu, were separately organizing elected city council members to take over Addis Ababa . The PM said “we are dying for them to take over, but we can’t make them to do it.” He said that given the press of events, AU Summit, and important visits (Dr.Frazer), he could legitimately extend the deadline for the opposition to organize a majority of elected council members so that the opposition could manage the city. (Comment: Kemal Bedri, the head of the National Electoral Board, said that the two rival UEDF-Medhin groups would have to register and determine which one had the mandate to organize the Addis executive branch. End Comment)
¶5. (C) In regard to the dialogue with the Parliamentary opposition, Meles confirmed that the next meeting would be Thursday. I said that OFDM and UEDF were extremely concerned about ongoing violence in Oromiya. Meles said that Dr. Bulcha’s OFDM, like Sinn Fein, is the political front of the Oromo Liberation Front (OLF). He had talked to Bulcha about this directly. Dr. Merera’s Oromo National Congress (ONC)
was more complex, but both parties were closely associated with the illegal OLF.
6, (C) Meles lamented that he thought he had struck a deal with OLF leader Lencho in Bonn in which the OLF would respect the constitution, give up violence and become a peaceful political competitor of the EPRDF. However, when violence erupted and the EPRDF looked weak, the OLF had gone back on the agreement and called for insurrection. Nevertheless, differences between the government and OLF were not irreconcilable. Meles confirmed that he remained open to renewing the discussion. All Lencho had to do was contact
him — and “he knows how to do that.”
HUDDLESTON
Galgaloo Geendaa tiif
1.Ragaan wikilik baase kun waliigaltee gama lamaanii ta’uu maaliin beekta?
2. seerri ittiin bulmaataa ABO namuma tokkoon diigamamoo miseensota hundatu irratti waliigale?
3.Ciminni isaa otuu akka kana ta’e waggaa 40 dhiisii ji’a lamayyuu hin ga’u ture.
4.Isa darbe moo isadhufutu nama yaachisa?
5.Dhalachuu ABO kabajaa itti fufiinsa isaatiif qabsaa’uu qabna
Anis yaada asiin olitti ka’e kana irraattan waa darbbadha.
Yaa dhiiro, nuto diina achi dhiifne waluma keessa deebne natti fakaata. Mariin barbachisa miti jechu koo miti, garu nama beeka rafu attamin damqsun danda’ama laata?
Obbo Leenco akka nama tokkoitti yaada ofii kan itti fakaate qabate ka’u ni danda’a, haa ta’u malee tarsiimon Obbo Leenco ittiin adeemu yaalu ifaa miti. yaadi mirga Ummata Oromo karaa naga ni kabachifna jedhu kun yeero bayye ABO tiins , Obbo Marara, fi Dhaba isa kan Obbo Bulcha faanis yaalame fashale jira.
Worra habashotaf mirga Oromo kabajun samicha isanitti xumura waan godhuf kara danda’an hundan dura dhabatu malee kara naga mirga keenya nu kabaju jenne abdachuun gowwummadha. Yoon dogogore, na of kalcha, karaan nu qabnu tokkichi qabso keenya fiininisudha, isa irraatti haa xiyyeeffanu…..
OLF is for oromo & oromo is for OLF. OROMO=OLF
leencoo waan hin fakaatna haasawa jira .Kaleesa yeroo waraan 18,000 ol qabu fi yeroo dardarummaa isaa waan bay’ee dalgaa danda’tti waraana haga kana gahu dhiisee doolarii Amerika kishaa isaati naqatee nabaase namni jedhe irrattisi horii harka lafa jalaan mootumma America fi Malasii irraa argataa tureen oromoo gurgure
Ilmaan Oromoo dhugumaan bilisummaa Oromiyaa barbaadan yaada asitti ka kennaa jiran hunduu Oromoo dha jedhanii amanuu hinqabdan. Namoonni tokko tokko habashoota afaan Oromoo beekan waan ta’aniif nu gidduu lixuudhaan akka nuti walii hingalleef yaada tokkummaa keenya booressu kennuu malu. Fknf: Namoonni lagaa fi amantii irratti hundaa’anii nu gidduutti olola oofan gonkumaa Oromoota ta’uu hindandaa’an.Kanaafuu
1. Yaadni kenninu hamilee dhaabilee siyaasaa fi qabsaa’ota keenyaa akka hintuqne utuu eegganne
2. Yaada nu diigu utuu hintaane yaada nu ijaaru utuu kennine.
3. Siyaasaa irratti ilaalcha adda addummaa qabaannus tokkummaa Oromotaa yaada ol kaasu utuu katabnee.
Obbo kiyya naguma nama diinatti Qabsoo oromoo galchuuf wixxifataa jiruu fi qabsoo oromoo badii meeqaan gahe bassaasa Meles waaqa kana geesifte.
Kan biroo dhiisii oromoon akkuma gaafa Charter sana “Lencoo, Leenca oromoo” jatte gaafa Ibsaa Guutama baasa jedhee dhaqe “lencoo, Hattuu, Ibsaa lenca oromoo” jachaa turtees himuutu sirra ture. Amma wanni inni maqaa mariin gochaa jiruus “hanna” sanirraa gadii miti.
Kanaaf, obaleessoo kun namtichi dantaa mataa isaaf deema malee oromoof akka hin taanee hubadhu.
Yeroo hedduu waan namatti gakaatu dubachuuf barreessuun waanuma jiruudha. Haata’uti waa barreessuuf dubachuu qofaatu gahaa otto hin taane, hangamii yaada barreefamee sana galmaan gahaa jedhamee yoo yaadamee hedduu bu’aa qaba.
Ammaa namni hedduun, waaye Leencoosi ta’ee waayee ABO waan dhagahee fi olola deema turee irraa dhaabattee waan meeqa haasawuu oddeessuusi. Waan oddeefamu kunif olollii mana ta’aani offi rakkoo jalaa bahani uumata mirgaa dhabee har’aasi rakkachaa jiruurati waan fedhaniif waan barbaadani haasawuun hedduu nama qaanifachiisa. Yaadni WMO/ODF haawasa keenya birattii hedduu kan fudhatameef hedduu kan namani itti gamadee dha. Akkasumasi namoota qabsoo irraa karaa adda addaa abdii kutatanii gara manaati deebi’anii balbalaa cufattanii hundallee kan sochoosee waan ta’eefi namoota keenyaa hedduu birattii fudhatama argatee jiraa. Namootni waan kuni gaarii isinittii fakaattee hin argamnee afaanif harka keessani qabattanii ottoo teessan waan ta’aa jiruu kana ilaaltani waan hubachuu dandeessuu. Kanaaf ani akka nama yaada WMO/ODF deegaru tokkooti, warreen yaada kana qabattanii deema jirtanii fulduurattii jabaadhaan ! jedha
Kumsaa Diriirsaa,
atis eenyu akka taate kan si beekan caala barruun kee hima.Galatoomi gorsa keef,haa ta’uu immoo qabsoo sabaa fi qabsaa’ota sabaan qoosuun hafu qaba.kana dura jara Oromoo ta’insaaf qabspoo sakaalaan fi wal shakkii 2001 fi irraa kaasanii ni gidduu uumuun yereo KG dhufu micciirama tayuun as bahanii dhaabaan adda nu foo’an sobaan.Jarri kaayyoo alagaa fiixa baasuuf adeeman kan Oromoo abbaa biyyaa taasisu hanqisuuf hojjachaa turan amma yaa tufaman.Leencoo fi Diimaa naga’oo fi murni isaa gantoota qabsoo fi sabaa tahuu mul’isaniiru,atis akkasuma gantuudha si beekna,kan dogoggorsitan barbaadadha,nuti kaayyoo Hailu Rasggaasaa,Taaddee Birruu fi Abboomsaa sana hin lagannu alagaa of jaalachiisuu.
Kana booda micciiramu fi kaayoo dhableen wal shakkisiisa waan fidaa duursinee rukutuun hawaasa keessaa baasuun dirqama Oromummaa fi qabsoo sabaatijara ABO jechuun faashina gaafas sanaa jedhee kaayyoo dhablee tayuu mul’iseeru,kan dhiiga hayyootaa fi qabsaa’otaa deegartoota ABO ulfina dhabeef waliin tasa haawsa’uun wareegamtoota qabsoo sabaatti yakkuudhaa fi Oromummaa balleesuudha.Kanaafu OPDo TPLF fi basaastuun isaanii baga nu irraa achi bahan
Gaaf micciiramaa ji’a 3 keessatti finfinnee galla nuun jechuun ani illeen isinuma waliin micciirame.Amma suni dhara tahuu fi micciiramani farra Oromummaa fi Oromiyaa tayuu erga ibse,toobadhee hara moonaa qabsoo ABO deebi’e.Gariin keessan soduudha,dhugaan isinitti hadhoofti,kaayyoo hin qabdan,silaa kaayyoo qabaattanii bakkuma jallinaa tan gaaf micciiramaa dhaabattanii ABO Sh-GS hogganu tan hujiin caalaa taate as baate dura hin dhaabattan.
Duraan Sh.GS galuuf jettanii ololuun nu micciirtan,amma kayyoo jijjiirre Ethiopia dha Oromiyaa jechuun yekka jettan.
Sh.GS kaayyoo hin jijjiirre WBO hin facaasne hin galchines akka Hassan Husseini fi Leencoo Baati fi kamaal galchuu tti.
amma immoo Marii qabsoo bilisummaa jettanii as baatanii?eenyuu isiniif gurra laataa?
Leencoo Lataa heera dhaabaa fi seeraas beekta,balleesse jechuun gamnummaa dha maanguddoo ergadhuu ykns toobachuu kee lallabi sabni Oromoo fi WBO garaa hin jabaatan,baga gara dhugaa deebite jedhani i isin simatu,hundi keessan toobadha gara qabsoo deebi’a.
Dhiphoo dha ati!amma jaarraa 21 keessa Jirram dammaqi!
Bareetu,afaanuma kee kan habashaa barreesii maqaa kee kan habashaan koottu,fakkaachuu hin dandeessu,jaarraa 21 keessa jirra qarayyoo Oromummaa fi softe ware/Fuguga dhimma bahuun yaa si beeke nafxantaa tayuu kee.
+
Yaa jarana, nafxanyaa hin dhaggeeffannu. Yaada kennuu in danda’u. Yaadumaa isaanii isa baran sana jechuu dha.
Qabsoon Oromoo garuu hanga Walabummaa Oromiyaa fi Biliisummaa Oromo agarsiisutti itti fufa. Kana ammoo Oromoon eenyuuniyyuu mari’atee godha miti, Waliin mari’ata malee. Kanaaf ammoo kallachi qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn ni jira. Walabummaan Oromoo harka nama tokkoo osoo hin taane, Oromoo harka jira. Kanaaf:
1. Kallacha qabsoo keenyaa deggeruu
2. Warra diigaa turanii fi diiguuf deeman itti dammaqanii of irraa balleessuu.
3. Warreegama inni gaafatuufis cichoominaan of kennuu
4. Lola diinni/Habashaan makamee geggeessu dammaqinaan ofirraa deebisuu.
Abdulkarm, dubbii irra deddeebite kaa. Ati sabboonaa Oromoo tawuu (akkuma nama biraa shakkitu shakkamaa tawuus) dandeessa. Yaada kee dhiyeessunis mirga keeti. Mirga nama hundaati. Namni hundinuu waanuma ati yaaddu, akkuma ati yaaddutti yaaduu hin dandawu. Waan si quubsu qofa dubbachuus hin dandawu. Nama feete (dhaaba barbaadde) jibbuun, jaalachuun mirga keeti. Mirga nama biraatis.
Akka natti fakkaatutti, akkan “xalayaa” kana dubbisee naa gale yoo taye, dogoggora (balleessa) darbe irraa barannee, wal qoqqooduu dhiifnee, tokkummaan kaanee ‘uummata Oromoo bilisa haa baafnuu dha. Namni akka keetti immoo “Tokko tawuun nurra hin jiru. Walii galtee hin barbaachisu. Leencoo (garee isaa wajjin), OPDO, kkk wajjin dubbachuu hin barbaachisu.” jettanii barreessitanis jirtu.
Mee saba addadda wal qoodee bilisa of baase yoo waan beektu taye dubbiftootaf barreessi, isaan irraa barumsa fudhannaa! Akkuma abbaan xalayicha jedhe, qabiyee wal gayii kana hin dhageenye. Warri immoo “Amaara gargaaranii deebisanii biyya Toophiyaa keessatti aangoo qabachiisuf.” jedhanis jiru/tu.
Dhugaa dubbachuuf yoo taye immoo, sabni Oromoo kan garee (team) Leencoo deeggaru, kan OPDO deeggaru guute. Kan Mararaa Guddinaa, kan Bulchaa Damaksaa, kkf deeggarus baay’edha. ABO-s addadda qoqqoodanii hundinuu waanan ani jedhe malee jedha. (Mee ati namni akkanatti dallantaa/ aartaa, hooggantoota ABO ofiin jedhan keessaa eenyu ordofneeti bilisa bawuu dandeenya? Warri hafan woo ilmaan Oromoo mitii?)
Rakkina jidduu keenya ture/ jiru kana balleessinee, tokkummaan kaanee diinarratti duulu wayya. Sana tawuu baannan rakkinni keenya jaalannus jibbinus ittuma fufa. Akka naaf gale yoo taye, qabiyyeen xalayichaas kanuma. (Ati illee nama xalayaa kana barreessen “Atis gantuudhaa, si beekna” jette nama yaada isaa kunnu arrabsitus).
Bareetu: jedhe inni maqaa ofii mogassee kun Habshaa dha. habashummaa isaa immoo arraba isaattu him dhalioromoo tatee akkasii jette dhigaa ishii hin arbistuu. atti wa’ee jara 21 dhisii ganaa fagoo jirta nannoo jara bara abbotti kee abbaa bayiree(15ffa)sanaa keessaa jirta kanafii afaan oromoo beekteef caalstee hin faginni isaa akkasii dhali oromoo sirtii hubateraa karaa biraa yalli. anni barata dha jeta baratta akkasii duubatuu argessi dhagessi hin beekuu habashaa akka kee irraan kan hafe. mee akka dhali nama isheen bartee itti hasoftuu caqasiitti mana barumsa dhaqii qorchuu yalii.
Ani mariin keessan heddu natti tolee jira galatoomaa Kessumaawuu yaanni:
1.Gundo Boore:-mirga Ummata Oromo karaa naga ni kabachifna jedhu yoomiyyuu hin milkaa’u.
2.Futtaasaa:-OROMO=OLF
3.anonymous fi Q :- Qabsoo irratti qoosaa jirtu yaada keessan sirreeffadhaa yoo Oromoo taatan.
4.Araarsaa:-Yaada nu diigu utuu hintaane yaada nu ijaaru utuu kennine.
5.ABDULKARIM:- Quuqamni atti qabdu gaariidha “feeling” at qabdu namatti tola. Garu Bitaanis koran mirgaanis koran walgeenyi kooraadha.Hundi keenyayyuu kan barbaadhu BILISUMMAA dha garaminis yaa dhufu garaminis. WBOn haga Oromiyaan bilisoomtutti kan dhaabbatu mit.sochiin dhaabbileen siyaasaa Oromoo taasisaa jiran hundu galteen isaani Bilisummaadha.ABO qabannee dhaabilee siyaasaa Bilisummaaf tumsan kana otuu dura dhaabbachuu baanne. Bilisummaan adeemsa suuta suutaan kanuma gonfannu jedheen amana.ani gama kootiin Dhiigini otuu hin dhangala’in bilisummaan kan dhufu natti hin fakkaatu. Garuu dhaabbileen siyaasaa Oromoo ummata bilisummaa isaatiif kakaasuu, mirgoota isaa fi Seenaa isaa akka beeku gochuu irratti gahee guddaa qabu. Kanaaf akkuma habashootaa otuu isaaniin balaaleffachuu baanne wal tumsuu dandeenya. Deeggaruu dhiisuun mirag garuu fuuldura dhaabbachu yakka maalifii TPLF kan ummata dararaa jiru dhiisnee walii keenya gufachiisuu hin qabnu.
Dhuma irratti Otuu walii keenya kabajuu aadaa keenya godhannee yaada keenya irratti xiyyeeffannee natti tola.
Bilisummaa Ummata Oromootiif!
Galatoomaa
Nagaatti
Gals and Guys,
let us not be bogged down (be stuck) by using political jargon, such as “Ethiopian Democratization.” Let us break it down and ask “What’s IN IT for the Oromo nation?” Mind you, my job is to find out what the Oromo nation gains from any power arrangement – along the lines of autonomy, sovereignty, and perhaps Union.
Therefore, let us ask ourselves – what’s in the political concept termed as the “Ethiopian Democratization” for the Oromo nation?
1) Does “Ethiopian Democratization” entail going back to the Xeqilaygizat colonial arrangement for the Oromo nation? – Then, NO, the Oromo nation will not be served by “Ethiopian Democratization.”
2) Does “Ethiopian Democratization” entail keeping the status quo of political slavery (colonization) for the Oromo nation? – Then, NO, the Oromo nation will not be served by “Ethiopian Democratization.”
3) Does “Ethiopian Democratization” entail moving Oromia into an autonomous status? – Then, YES – despite the struggle being the total liberation of the Oromo nation and Oromia, getting to an intermediary step of “autonomy” should not be opposed just like the 1975 land reform was not opposed by Oromo nationalists, and just like the 1991 realization of Oromia, Qubee and Afaan Oromo as the official language of Oromia is taken as a step in the right direction.
So, let’s not scare ourselves by “Ethiopian Democratization” unless it means the first two options I listed above. And, keep in mind about the Oromo liberation movement is capable of doing stepwise struggle (going from status quo to autonomy to sovereignty, then perhaps Union), and at the same time, driving the home run to sovereignty. The ‘paradigm shift’ I want to see is the Oromo liberation movement waging the struggle at the stepwise level as well as the ‘home run’ level. Actually, both of them MUST work hand in glove for the Oromo nation to be free.
The ‘paradigm shift’ I want to see is for us to stop confusing ourselves and others by using political jargon like “Ethiopian Democratization” — never, never look at the situation from nowhere, but Oromo’s perspective. Otherwise, it will confuse all of us.
I’m not saying let’s stop challenging those advocating the stepwise approach – actually, they need to be challenged since, the stepwise advocates are gradualists – they take some excruciating time to get to the next level on the way to the mountain top – so, the “big bang” group needs to constantly keep a check on the gradualists. So, again, the ‘paradigm shift’ I’m looking for is for the Oromo nationalists to work hand in glove, in a ’squeeze and grab’ fashion. That means, as we squeeze the enemy, someone should be able to grab the achievement right there and then.
Why?
The Oromo liberation movement, as we and everyone know it, is not militarily strong. Had it been a militarily strong movement, then it will launch a military campaign to seize a town in Oromia, then once it seizes that town, it slowly, but surely, advances to the next town, then again to the next town, and so on. Military campaigns are not launched to overrun the enemy overnight – they are done step by step, town by town. Unfortunately, over the last 20 years, no town is liberated from the enemy.
What can be done, then? Just like the military campaign, which the Oromo liberation movement is not particularly excellent at (by design or unforeseen circumstances), we need to think the “political campaigns” the Oromo liberation movement launches as stepwise – inch by inch – from status quo to autonomy to sovereignty, etc. If the “political campaign” can overrun the enemy overnight (”big bang” – revolution kind) to get us to the ’sovereignty’ step, then fine! – But, just like a military campaign is about seizing a town (not the entire Oromia overnight), we also need to launch the “political campaign” to get to the mountain top stepwise. This is a more realistic approach. Over the last 20 years, students rose up in uproar to change the status quo, but no “political town” was seized from those campaigns since, last I checked, OPDO slaves are still in charge in Oromia.
Aboma that is nice I agree with you
We all must reach up on one consensus so let us discuss in detail. Bring your ideas and comments
Warri WBO kuma hedduu, Taankii, Z-23, BM fi deggertoota hedduu osoo qabanii qabsoo walabummaa Oromiyaa dhiisee baqatee biyyaa bahe amma waan qabsoo Oromoo yeroo nutti haasawu xiqqoo isii illee qaanyii dhabuun Ummata Oromoo tuffatuu dha. Warri kun silaa kan fuula namaa duraa ifi dhossee taa’uu malee dha. WBO fi deggertoota wareebessa duratti dhiisanii, WBO fi deggertoota mana hidhaa keessatti dhiisanii, WBO fi deggertoota rasaasa diinaa duratti dhiisanii ifii lubbuu warri baafate sodaattuun kun, yeroo amma nama dura dhaabbattee haasoftu nama gaddisiisa. Ummati Oromoo sodaattuu fi gantuu ni adaba malee hin badhaasu. Hawaasi Oromoo, hawaasa gootummaa faarsuu fi leellisu, gootummaatti amanu fi hoogganas gootummaa isaatiin filatu ture. Warri safuu kana cabsitanii, sodattuu fi gantuu kanaa barcuma kennitanii ifi dura keessanii irraa waa caqastan safuu ummata Oromoo kan cabsitan waan ta’eef guddoo nama gaddisiiftu.
waa tokko waanti naaf hin galle, Qabsoo bilisumma kan balleesse Leencoo Lataati kon jennee boonyu guyya hundumaa qabsoon bilisumma nam-tokkee leencoo irratti hijaramee? yoo kun ta’uu baate yeroo Leencoon yakka kana hojjatu hoggantooni kaan eessa turan?
“I decided to write this letter, which is directed to you, our leaders, after following the effort of different Oromo nationalists to help you come together and forge unity for more than one decade, and after exhausting my own attempts in trying to help Oromo liberation forces come together to build a stronger united force in order to defend and liberate the Oromo people. I know you are also doing your best to fulfill this demand of the Oromo people according to your ability and possibility. I just would like to say thank you for your hitherto efforts. But our current situation is making almost all Oromo in every walk of life more restless. We, as a nation, seem to be in a more desperate situation now. That is why I wanted to write to you this open letter. I hope you get this message and give few minutes from your precious time to read it…” Google: “I decided to write this letter, which is directed to you, our leaders, after following the effort of different Oromo nationalists to help you come together and forge unity for more than one decade, and after exhausting my own attempts in trying to help Oromo liberation forces come together to build a stronger united force in order to defend and liberate the Oromo people. I know you are also doing your best to fulfill this demand of the Oromo people according to your ability and possibility. I just would like to say thank you for your hitherto efforts. But our current situation is making almost all Oromo in every walk of life more restless. We, as a nation, seem to be in a more desperate situation now. That is why I wanted to write to you this open letter. I hope you get this message and give few minutes from your precious time to read it…” Google: fayyis-oromia-open-letter-to-the-leaders-of-the-oromo-liberation-movement
Blise,
there is only one OLF fighting for freedom in pasts as well as to day only the OLF led by SH GS is fighting even if its on small scales.Where are other Liberation forces you people ask to unite with OLF.Are you saying the surrender group with no a single unit or the OPDO under TPLF comand.Stop such malicius propoganda and come forward.No a single liberation forces except OLFothers are just tools of TPLF living abroad and naming themslves liberation forces,why they never try to form a unit to attack TPLF?tnhey will never do coz the TPLF bopught them for such job to confuse the Oromians.
Hanga har’aa wal sobni adeemaa ture,keessattu yeroo dhaaboota akkanaa fi akkasii jira jedhan cubbuu guyyaa tokko dhugaa hin taaneedha.Duris waa lakkaawaa turan,mee dhaaba kami kan qabsoo bilisummaaf hidhatee hidha chiise?har’aas ABO malee kan hidhachiisaaru hin jiru.Kan fottoqe jedhuus ganee achi buuteen dhabamuu qofaa argameera waan hojiin mul’iseeru hin qabu.Wal sobuu dhiisaa,nun siobinaa gantoota bitamtan bitamaa nu gurguradhaa ifa bahaadha.Amma haalli jiru ifa isin baaseeera,gaafa ji’a sadii qofa keessatti isin bilisoomsina jettanii nu micciirtan nu nwarra dhugaa bilisummaaf loluudha jarri Sh GS galuu hedu jettan kan galee s galches kaayyoo jijjiirre jedhes isin taheera.SH GS kaayyoo ABO fi WBO jabeeseera baay’iseera.Dhugaa argineerra tobanneerraas lamuu marii jedhee murni Diimaa naga’o fi Ginbot 7 kun dhufus TPLF waliin wal taanee jettanis isinummaan kan Airportiin baatan waltahaan nuti akkuma Nadhii Gammadaa fi Guutuu Abbayyaa kan lakkistanii xayyuuraa yaabbattan sdana wareegamuuf qophiirra.
Oromiyaan biyya wareegamtoota baay’eedha sabboontoota qaroo baay’eedha qabsoo dagaageeru of duuba deebisuu hin dandeessan.Akkuma Nafxanyaa tokkummaa jechuun lallabuu amala taasifattan,balleesinee dhiifama nuuf laadhaa Oromoota duugda nuuf bal’adhaa jechuu aadaa Oromiyaa tahe hin beektan moo ni lagattu?Seera dhaabaa cabsuun nus of duukaa widdeelachuun dhaaba keenyaan adda nu baastan,deebitanii alagaa gammachiisuuf kaayyoo fi ABO Sh Gs WBO maqaa balleessuu fi oloa dharaa irratti adeemsiftan,
si magan teessan tuni isumuma irratti haa ooltu,toobadhaa gara qabsoo deebi’a salphataniirtu jiruun,Waaqni isin salphiseera,irbuu klaleessaa yaadadhaa,jaallan waliin nyaattan kan wareegaman yaadadhaa.
safuu dha koottaa wal dubbifnee fixannaa numaa walii wayyaa Tigree duukaa deemuu lakkisa,kan har’a nyaattan boru boolla awwaalchaa isin waliin hin galu ,maqaa keessan xurii irraa miicaa seenaa boonsaa qabaadha salphina of irraa mulqaa,
nutii oromonni namotaa warra akka leenchoo fi deemaa takka agarerra warra waggaa tokkoo keessaa uttu gurii keenyaa dhaga’u ijii keenyaa ilaluu wa’aa meqaa nu sobanni-har’aa immoo kotta ni mariyanna jedhu namni marii jibuu jira nati hin fakkatuu duubii biliummaa irratti dinanuu mariachuun jira kun immoo seeraa fi hiraa ABO kateratti hunda’ee ta’u qaba. haata’u male jarii kun enyuu wajjin marachuu barbadanni laata dhabanni ABO ykn hogannotnii garee adda addaa irraa walitti hin fidnee ykn wamichaa hin gonee. akkumma kanan duraa uluqanni lixani ABO bitimsann harassi itti qajelanni malee. yoo marii dhugaa ta’ee hogonotta ABO hundaa irratti hirmachisaa yeroo sana nutti akkaa oromottii isin dhagefanaa.
Namoota dhuunfaa irratti hagas mara oduu baay’isuu fi olola oofuun QBO fuulduratti tarkaanfachiisuu hindanda’u. Warri ebelu akkana balleesse, kana godhe , sana godhe,…jettanii namootatti quba qabdan quba keessan ofitti deebisaatii ani hoo QBO Oromootiif maalan gumaachee jira jedhaa of gaafadhaa? Jarreen nuti komii irratti dhiheessinu kun hamma tokko tolus badus Oromotiif qabsaa’uuf biyya lakkisanii akka jiran hubachuu qabna. Walkomachuun dadhabbina QBO tiif furmaata hinta’u. Waan darbe irratti xiyyeeffachuu dhiisaa;har’a maal haa hojjennu isa jedhu irratti haa marii’annu.
What matters is not the weakness of leaders because, leaders learn from the struggle and in the course of the struggle. The battle field is the only learning field for revolutionary leaders. Those who think that Oromo doctor can make an Oromo revolutionary leader are those who do not know the characteristics of revolutionary war. The battle field competence and experience are the only competence and experience that we need. Is as far as leaders are ideologically, and strategically united, knowledge and experience can be got from the battle field. If the ideological line of leaders of revolutionary organization clear, every weakness can be corrected from the failure in revolutionary works. Therefore, the only panacea is to have clear ideological line and the unity of those Oromo nationalist with objective of establishing an independent Oromiyaa.This is the most fundamental prerequisite for Oromo national liberation war.
@Hawwinee:
the comment U ahve given above is wonderful. Keep on reminding us now and then.
Namatti toltu jara keenya ani yaada tokkon qaba maal seetan:
1.Seera ittiin bulmaataa ABO isa jalqabaa kan diige ABO miti yaa jennuun. Irratti waliigallaa? kana booda abbaan barbaade abbaa barbaade deeggaruu danda’a. ABOn bakka meeqatti caccabe jechuu hin qabnu. Seera ABO isa dhaabbateef kan hin fudhanne dhaaba siyaasaa gara biraadha malee ABO tahu hin danda’u.
Hoggantoonni ABO adda of yaa baasan. ABO duuka bu’u moo dhaaba siyaasaa gara biraa uumu akka barbaadan ifatti ummata beeksisuu qabu.
Galatoomaa
Wal hirekaa qaamnikoo
walqoodee wal yakke
lafeen, lafee hin tumsu
GARAAtu isa dhorke
foonii, foon qircee
lafeetu, lafee quuqa
dhiigni eelaa aree
hidda keessa figaa
foonirra foqoqa
gogaa jala hulluqa
silaa qaamni wal utuba
waliin wal ta’ee
dachaa waliin bu’ee
gaara waliin ba’ee
waliif jiraatee,
du’a wal oolfata
kiyya garaan maaf-
garaacha cuffata?
Kana dhukkubnikoo
kan daawwaan irraa
dhabame
waraansa aaduun
naaf game
dhibee fala dhabe sammutti kuufadhee
ba’aa ulfaataa
lapheetti baattadhee
madaan, madaan osoo-
jiruu
onneen malaa kuufatee
qoreen fiixee summii
keessa gad na tumate
onneetu dhiiga bo’ee
sammuutti ol cirriinfate
gaabbiin daangaa darbee
arrabni hidhii alanfate.
Yoomii laata? Guyyaan
qaamnikoo gamtoomu?
Tokkummaan uumamee yeroo abjuunkoo dhugomu
hawwiin ofumaa soofee na nyaataa?
Moo abjuunkoo
ni milkooma laata?
Yoomii laata?
Yeroon itti
cabakoo dhidhibbadhu?
BA’AA LAPHEE koo
salphifadhee
guyyaan itti
qaamakoo gamtteffadhu?
Yoomi? Yoomi?
Milkoomi?????
Uummanni keenya (Oromoo), Goobanaa irraa calqabee rakkinuma ilmaan isaa (ishiin gantuun) itti fiddeen hamma hardhaatti jiruun inni jiraatu jiruu miti. Ni saamani. Otoo qabuu beelessani. Ni ajjeesani. Ni dararani. Ijollee isaa jalaa qabaniiti akka meeshaatti gurgurani. Akka hin guddanne dhoowwani.
Wal gurguruufi wal qooduu irraa kan hafe, nuyi (ilmaan Oromoo) maalin namaa gadi taane? Akka ilmoon namaa jiraattutti jiraachuu nu barbaachisa. Kanaafuu,-
KA’AA, LAMMATA DHALANNAA!
Waan hin taanen gowwoomanii,
diina nutti dhufe gargaaranii,
dhiiga lammii keenyaa dhangalaasanii,
harkaafi harma irraa muranii, mursiisanii,
waanjoo garbummaa jalatti nu galchanii,
lammii keenya akka oolotaatti gurgursiisanii,
danooma keenya gababsanii.
Hardhas, kunoo furii nutti darbanii,
‘uummata keenya addadda qoqqoodanii,
akka hin bilisoomne nu dhoowwanii.
Yaa ilmaan Oromoo, maalif akkana taanee?
duudhaafi gadaa keenya dhiifnee,
seera diinaa jala wal bulchinee,
mee sirriitti ilaalaa,
kuni du’a mitii du’a lama duunee!
Otoo aadaa qabnuu kan diinaa filannee,
ofii hojjannee agabuu bullee diinaf lannee,
otoo isaan baratanuu nu dukkanatti hafnee,
mee sirriitti ilaalaa, kuni du’a mitii du’a lama duunee!
diinagdee keenya hin guddifannuu nurraa fudhatanii,
magaalaa keenya keessa hin jiraannuu nu baasanii,
qotee bulaa lafa isaa wajjin gurguranii,
isa duudhaa ofiitif boo’e harka irraa muranii.
Kan kana hundaa nutti fide namuma keenyaa,
yaa dhaloota hardhaa, ka’aa wal dhageenyaa!
Isa darbe irraa barannaa,hundi keenyaa,
wal barsiifnaa,
garbummaa jalaa saba keenya baafnaa!
Qe’uma keenyatti wal salphifinnee,
harka diinaa keessa wal galchinee,
otoo afaan qabnuu dubbii wal dhoowwinee,
otoo ija qabnuu arguu wal dhoowwinee,
otoo halkaniifi guyyaa dafqinuu agabuu wal bulchinee,
mee sirriitti ilaalaa, kuni
du’a mitii du’a lama duunee!
Otoo lafa qabnuu hojjii wal dhoowwinee,
otoo bishaan qabnuu wal dheebessinee,
otoo bosona qabnuu beelod keenya biyyaa baqachiifnee,
otoo marga qabnuu saawwan horsiifachuu wal dhoowwinee,
otoo kanniisa kabnuu damma keenya diina fudhachiifnee.
otoo albudaa qabnuu warqee keenya diina badhaafnee,
mee sirriitti yaadaa, biyya keenyaafi
biyya biraa wal bukkeetti ilaalaa!
Kuni du’a mitii du’a lama duunee.
Ilmi dhiiraa gadaa ofii ni kabajataa,
hegeree ofiitti dabarfataa,
ilmaan Oromoo gargar baaneti namaa gad wal bulchinaa,
sammuu kee waan hin taanetti gurgurannaa.
Durumaanis diina nutti fidan harkumaanii,
beekkuma itti fakaatee wallaalummaanii.
Isa darbe qoranneeti barannaa,
isa dhufu sirriitti itti yaannaa,
wajjin kaaneti tokko taanaa,
eenyummaa keenyatti ni amannaa,
isa dogoggore ni qajeelchinaa,
namaa gad hin bulluu bilisa baanaa,
inni darbe dhaloota mitii
ka’aa, lammata dhalannaa!
Ka’aa, lammata dhalannaa!”
yuhaannis lataa badii tee dhugaa hubatte,
Maal siiwayya sibbariite sibariiteeeeee
Ummanni oromoo dur dagamee duree sigodhate
Ilma nafxanyaa tahuu kee yoom sihubate,
lakkuma bubbultuun killeen miila baafattee,
Arra oromoon waan ati taate sihubatte,
Nafxanyaa tee waliin nugabroomsuuf jaalatte,
Nu qabsaawaa bilisummaa waliin nudhooytee,
Jaamaa ammallee sammuun saa cufamte qabattee,
ABO abo… …jattee afaaniin sobdee,
jaamaa dhamaaftee ifjala ooftee,
Amma ifbarree,ifgarree shira hojjatte,
shira lakkisii dulloomtee dhumtee,
dachittiin galtaa yoo dhiisuu baatte,
akka mallasitti of nyaachaa duutaa,
manguddoo shiraa keessatti qoramtaa,
awwaala dhabuun kabajaa dhabdaa,
Oromoo oromiyaatuu sibalaaleeffataa,
waaqa tokkichoomsi ni’islaamooytaa,
yoo khana diddee ibiddaa seentaa.