Xalayaa: Hogganoota QBOtiif – Tokkummaan qabsaa’ota Oromoo yoomiyyuu caalaa amma barbaachisaa dha
Abdii Boruutiin | Amajjii 27, 2012
Duraan dursee, xalayaa kana yoon barreessu haala Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) isin caalaan beeka jechuuf otuu hin taane; yookaanis ammoo isin caalaa dandeettii qabaadhee isin gorsuuf ykn isin ajajuuf otuu hin taane, akka ilma Oromoo tokkootti dhaamsa Oromummaa fi Sabboonummaa isiniif erguufi. Xalayaan kiyya kun dubbisamee kan hirraanfatamullee yoo ta’e, yoo xinnaate yeroo isa dubbistan, eessaa kaanee eessa akka jirru; garamittis deemaa akka jirru akka yaadattanii fi haala keessa jirrus sirriitti akka hubattan isin gaafachuufi. Keessumaayuu warri mooyxannoo bara dheeraa qabsoo kanarraa argattani fi wareegama guddaa kaffaltanii as geessan, bu’aa ba’ii keessa dabartan hundaa yaadachuu dhaan; qabsoon keenya kun akkamitti daandii gaarii akka qabatu godhuuf yoomiyyuu caalaa dirqama keessan akka baatan abdiin qaba.
Akkuma beekamu Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) jaarmayaa jaalatamaa fi abdatamaa qofaa otuu hin taane, jaarmayoota siyaasaa Oromoo, kan walaba ta’anii ijaaraman keessaa isa hangafa dha. Jaarmayaa Jeneraal Waaqoo Guutuutiin ijaarame – Adda Tokkummaa Bilisummaa Uummata Oromoo (ATBUO) irraa kan hafan, jaarmayootni bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaatiif ijaaraman ykn uumaman hunduu, sababa adda addaatiin warra ABO keessaa bahaniin ykn ABOrraa fottoqaniin akka uumaman ni yaadatama. Waayee kana ammoo isin caalaa beekee otuu hin taane, dura dhimma kana kaasuun barbaachisaa waan ta’eefi. Jaarmayootni sababa fottoqinsaatiin ykn sababoota birootiin uumaman kun ammoo, garri caalaan isaanii erga ABOn mootummaa ce’umsaa Itoophiyaa keessaa bahe, bara 1992 boda, akka ta’an ni beekama.
ABO keessa ilaalchi siyaasaa adda addaa turuu fi ammallee jiraatus, hanga bara 1991tti tokkummaan qabsaa’ota Oromoo akka har’aa laafaa akka hin turin waan ragaa qabu dha. Ani yeroo sana biyya keessa turuu baadhullee, bara 1991 hanga ABOn mootummaa ce’umsaa keessaa bahutti, tokkummaan qabsaa’ota keenyaa akkam akka ture “Gullalleetu ragaa ta’uu danda’a” jedhanii warri dubbatan jiru. Haala sana ija kootiin arguu dadhabuun garaa na nyaata. Egaa, waayee kana yoon kaasu, seenaa isinitti himuufii miti; kana isintu na caalaa arge, na caalaa beektus. Wantin kana kaaseef, eessarraa kaanee eessa akka jirru hubachuufi. Tokkummaa yeroo sanaa fi sana duras turetu; wareegama qabsaa’ota keenyaatu; dhiiga fi lafee ilmaan Oromootu injifannoolee gurguddoo nuuf argamsiisan.
Seenaa saba Oromoo keessatti bara 1991 jijjiiramni hamma kana hin jedhamne argamuun tokkummaan qabsaa’ota keenyaa cimaa waan turee fi summiin gandummaa, naanummaa fi amantii dhaan walqoqqooduu kun, akka har’aa yeroo sana uummata keenya jidduutti waan hin faca’iniifi. Har’a mataa keenya ol qabannee waayee keenya dubbachuu bira dabarree; Afaan keenya bareedaa kanaan barreessuu danda’uun, injifannoolee tokkummaan qabsaa’ota Oromoo nuuf argamsiise sana keessaa isa tokko dha. Kaayyoo inni guddaan – bilisummaa Oromoo fi walabummaan Oromiyaa – galii hawwame otuu hin gahin turanillee, injifannooleen hanaga har’aatti argaman, akka alagaa fi diinni gadi xinneessanii dubbatanitti, kan akka laayyootti ilaalamanii miti. Kan caalu fi isa guddaa hawwinus argachuu kan dandeenyu, injifannoolee harka keenyatti galfanne kana tikfachaa qabsoo keenya yoo cimsinee dha.
Qabsoon bilisummaa keenyaa dhaabbachuu baatus; tattaaffiin qabsaa’ota keenyaa otuu walirraa hin citin itti fufus; bara 1992 booda haalli mooraa keenyaa bifa biraa agarsiisaa akka dhufe waan nama mamsiisuu miti. Bar-kurnee lamaan dabran kana keessatti waan nama gammachiisan caalaa waan nama gaddisiisantu mul’achaa turan; mul’achaas jiru. Bara 2000 yeroo jaarmayootni Oromoo walitti dhufanii tumsa “Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa, Afaan Ingliziitiin ULFO (United Liberation Forces of Oromia) jedhamee beekamu, ijaaran sana gammachuu guddaan mooraa QBO keessatti mul’atee ture. Haa ta’u malee, gammachuun sun yeroo dheeraaf hin turre. Otuu abdii guddaan tumsa kanarraa eegamaa jiruu, bara 2001 fottoqinsi mooraa ABO keessatti uumame. Ergasii kaasee hanga har’aatti mooraan QBO yeroo dhaa yerootti laafaa akka dufe dhara ta’uu hin danda’u. Egaa, asirratti maaliif mooraan keenya laafe? Maaliif diinni fi alagaan nu keessa seenanii gara gara nu hiruu yaalu? Maaliif gantuu fi ayyaanlaallattuun heddoomaa dhufan? jennee of gaafachuun barbaachisaa dha.
Mee waan tokkon jechuu barbaada, yoon akkana jedhu ammoo, tattaaffii qabsaa’otni keenya godhan dagachuu fi tuffachuuf otuu hin taane, dhugaa lafa jiru akka hubannuufi. Erga ABOn ijaarame, bar-kurnee afur gahuuf deemna. Waggoota afurtamman kana bakka lamatti baafnee yoo ilaallu, Inni tokko ijaarsa ABOtii kaasee hanga bara 1991 yoo ta’u; inni biraa bara 1991 kaasee hamma har’aatti kan jiru dha. Bu’aalee QBOn argamsiise yoo hubannu ammoo, qabsoo waggoota kudha-sagal (19) keessatti godhametu bu’aalee gurguddoo argamsiise. Bu’aalee bar-kurnee lamaan dabran kana keessatti argaman yoo xinxalle fi kan sana duraa wajjin walbira qabnee yoo ilaalle, maal akka ta’e hubachuun waan nama rakkisu natti hin fakkaatu. Kun maaliif ta’e? jennee of gaafachuu qabna. Deebiin gaafii kanaas ulfaataa miti. Ani gabaabumatti kanan jedhu, tokkummaan qabsaa’ota Oromoo laafuun ykn dhabamuun sababa isa guddaa dha. Jaarmayoota heddoomsuu fi humna gara gara facaasuutu laaffina kana fide jechuu dha.
Garaa garummaan ilaalchaa yeroo’uma fedhee ta’u adeemsa siyaasaa keessatti hin dhabamu. Haa ta’u malee, dhimma keenyarratti wanti irratti waliigaluu danda’an baa’yeetu jiru. Otuu garaagarummaa xixiqqoo isin jidduu jiraniif dursa kennuu dhiiftanii; waan waloo tokkorratti waliigaluu dandeessanii, mooraa QBO kana keessatti rakkooleen adda addaa heddoomaa hin dhufan turan. Yoon akkana jedhu ammoo komii otuu hin taane, haala har’a keessa jirrutu akkana nama jechisiisa. Yeroon ammaa garuu, yeroo taa’anii wal qeeqan ykn wal komatan; yeroo “…otuu akkas turee,…” jedhanii dubbatan otuu hin taane, yeroo haala keenya gamaaggamnee; rakkoolee dhalatan kana keessaa bahuuf, karaa kana keessaa nu baasu barbaadnu ta’uu qaba. Kan dabre hubannee; barumsas irraa argannee; kana booda maal godhuu qabna? jennee of gaafachuu qabna jechuu dha. Qabiyyee fi kaayyoon yookaanis dhaamsi xalayaa kiyyaas isuma kanatti xiyyeeffata.
Har’a haalli mooraa keenya keessatti uumame yoomiyyuu caalaa baay’ee kan nama yaaddessu dha. QBOrratti keessa fi alaan irratti duulamaa jira. Diina waloo cimaa Wayyaanee kuffisuuf tumsi alaa barbaachisaa ta’uu danda’a jedhamaa turre. Haa ta’u malee, warri tumsaaf yaadaman har’a kunoo diina guddaa sana dhiisanii; dura nu kuffisuuf nurratti duulaa jiru. Bu’aalee hamma har’aatti QBOn nuuf argamsiise fi harka keenyatti galfanneeyyuu diiguu fi balleessuuf; uummatoota olla Oromiyaallee nurratti kakaasuuf; ciminaan irratti hojjechaa jiru. Duraanuu dhuguma tumsa Oromoo barbaadanii otuu hin taane, kaayyoon isaanii Oromoota meeshaa isaaniif ta’an ofitti qabanii; kan hafan walirratti duulchisuu fi mooraa keenya laaffisuuf ture. Kaayyoon kun ammoo otuu hin dhokatin kunoo caalaatti ifa bahaa jira. Asirratti, waanuma adeemaa jiru akka hubannuuf malee, kaayyoon xalayaa kiyyaallee waan diinni fi alagaan nurratti dalagaa jiran himuuf miti. Kaayyoon xalayaa kanaa, akkamitti duula kana jalaa baanee; qabsoo keenya cimsinee; galii hawwamu ga’uu akka dandeenyu qabsaa’ota keenyaaf, addatti ammoo hogganoota QBOtiif dhaamsa dabarsuufi.
Gara qabiyyee xalayichaatti deebi’uu dhaaf, yoo daftanii dhibdeelee ykn garaagarummaa isin jidduu jiraniif walumaan furmaata hin barbaadne, humni mooraa keenyaa gara gara faca’ee laafuu qofaa otuu hin taane, Oromummaa fi Oromiyaan gaaga’ama guddaa keessa akka jiran; diinni karaa lamaan nurratti duulaa akka jiru; egereen keenya gaafii guddaa keessa galuuf deemaa akka jiru akka hubattaniifi. Hammuma fedhe garaagarummaan ilaalchaa jiraatullee, warri kaayyoo tokko qaban; ilmaan haadha fi abbaa tokkoo; maaliif waliigaltee akka dhaban naaf galuu dide. Tokkoomanii jaarmayaa tokko keessatti walitti baquun yoo hin danda’amne, tumsa ofii ijaaranii kaayyoo yeroo, kaayyoo hatattamaa tokko lafa kaawwatanii; dura isa kanarratti waliigaltee uumuun ni danda’ama jedheen yaada. Yeroo tokkoon yoo hin danda’amne, sadarkaa sadarkaa dhaan hojjetanii; gara tokkoomuutti dhufuun ni danda’ama jedheen amana. Kun akka milkaawu garuu, wal kabajuun, wal mararfachuun, waliif na’uun, wal obsuun, waliin haasa’uun, waliin mari’achuun tarkaanfii duraa ta’uu qaba.
Haalli yeroo ammaa mooraa QBO keessatti uumame kun, waa baay’ee akka hubannu nu taasisuu danda’a. Maaliif yoo jedhame, tokkoomuun hafee waliigaltee dhabuun keenya, diina fi alagaa dhaaf qaawwa uumee ykn karaa baasee; karaa kanaan nu keessa seenanii akka meeshaatti akka nutti fayyadaman waan ifa nuuf godheefi. Haa ta’u malee, diina fi alagaatti quba qabuun har’a homaa nuuf hin fidu. Har’a keessa ofii hubachuutu barbaachisaa dha. Waliigaltee fi tokkummaa dhabuun, akkuma argaa turre fi jirru, gantummaa fi ayyaanlaallattummaan akka dhalatani fi babal’atan godha. Karaa biraatiin garuu, haalli amma uumame kun, yoomiyyuu caalaa diina fi fira QBO addaan baafnee akka hubannu nu taasisa. Kana beekuu fi sirriitti hubachuun ammoo, adeemsa keenya akka sirreessinu nu godha jechuu dha.
Har’a biyya keessatti barattootni fi darggaggootni Oromoo diina hamma funyaaniitti hidhate kana otuu hin sodaatin; tokkummaa dhaan ka’anii falmii guddaa fi wareegama hamma kana hin jedhamne kaffalaa jiru. Falmii fi Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG) yookaanis Warraaqsi Uummataa (WU) kun sadarkaa guddaatti akka tarkaanfatu fi qabsoon bilisummaa keenyaa keessa fi alaan akka cimu, qabsaa’otni Oromoo hatattamaan, haal-duree tokko malee, tokkummaa keessan ijaartanii; dargaggoota keenyaaf (Qeerroo dhaaf) abdii ta’uu qabdu. Yoo tokkummaan keessan milkaawe fi humni abdachiisaan mooraa keenya keessatti uumame, hammuma fedhe humni diinaa fi alagaa cimus, qabsoon keenya galii hawwamu otuu hin gahin hin hafu. Kun shakkii ykn mamii takkalle hin qabu. Bilisummaa keenya argachuuf taankii fi xayyaara waraanaa qabaachuun dirqama miti. Yoo tokkummaan jiraate, karaaleen galii keenyatti nu geessuu danda’an baay’eetu jiru. Waaqayyo/Rabbi waliigaltee isiniif kennee; tokkummaan keessan akka milkaawu isin haa gargaaru. Injifannoon xumuraa kan uummata Oromoo akka ta’u shakkiin hin jiru.
Galatoomaa!
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com



Oromoon gaafa rakkoo, dubbii dhugaa ijoo ta’e,nama dubbatu jajjabeessuu yeroo fedhu,ilmi abaluu minciraan qabdi jedha.Kan akka Abdii Boruu kana jechuu kiyya.kanaafuu QBO cimee uummata Oromoo garbummaa keessaa baasuun yoo daa’inan,dubartoonni,dargaggoonni,ga’eessoonni fi manguddonni oromoo tokkomaan qofa.Yeroon isaas amma.Kana immoo kan goodhu eenyuu ?
Kan kana godhu warra dur ABO bu’ureessee itti dhadhabaa turee ar’aa shiraa fi olola diinaa fi bitamtootaatiin dhaaba isaanii irraa fageeffamani.Yoo isaanitti deebisne qofaa falli argamuu dandaya.
BURQAA
Tokko ta’aa rakkoo Uumame kana hiikaa!!!
Ergaan xalayaa kanaan darbe yoo qalbeefatanii ilaaltan hiikoo kan kennuu fi qorichadha. Xalayaa kana keessatti qabxiiwwan caqasaman keessaa kan akka “wal kabajuun, wal mararfachuun, waliif na’uun, wal obsuun, waliin haasa’uun, waliin mari’achuun tarkaanfii duraa ta’uu qaba”.
Jedhu mee haa hubatamu dabalataan hammas jechi ka’e “Tokkoomuun hafee waliigaltee dhabuun keenya, diina fi alagaa dhaaf qaawwa uumee ykn karaa baasee; karaa kanaan nu keessa seenanii akka meeshaatti akka nutti fayyadaman waan ifa nuuf godheefi.” Mee kana ilaalaa Waaqa qabsaa’ota oromoo maqaa kanaan darbanii fi “Lafee” isaanii isiniin jala dhaabatee akka tokkumaa oromootiif hojjatanii miidhaa jalaa ofis ta’ee saba kana baaftan gaaffiin dabalee isiniif dhiyeessa.
Abdii Boruu, dhiiga koo ulfaadhuu,horii,bulii!!
Misseensota ABO, deeggartoota ABO,fii ilmaan oromo maraafi immoo waantiin dhaamuu, ergaan ogganoottaaf darbee akkumma jiiruuttii ta`ee,
nuttiis mee maall goodhaan jiraa jannee offi
keenyaa off haa gaafannuu!!!!!!
Alaggaan sobaan adduunyaa ammansiissuufi caraana jirtii.Nutti Oromonni haaqa qabnuu himachuufi maaltuu nuu dhoowwaa???????
It is not bad to show to the backward, nostalgic and conservative Abyssiniansts, where their main mistake is: their stabborn rejection of the God-given and Man-made right of nations to self-determination! But yet both the imperative Tokkummaa among the Oromo freedom fighters and the important Tumsa with the other democratic forces are desperately needed in order to get rid of the fascist and racist regime in Finfinnee palace. The only one who benefits from the current G7 vs OLF conflict is the Gujile now tormenting us. Especially we, the Oromo nationalists, have to stop our present sensless fighiting against each other and start to target the enemy (the Gujile) in unison. We know that the Oromo liberation movement is already described as a Fighter-Jet shooting at enemy from its three parts: http://gadaa.com/oduu/11583/2011/11/12/oromia-ethiopia-the-oromo-liberation-movement-is-like-a-fighter-jet-shooting-from-its-three-parts/ . It is also a fact that the mission statement of the OLF says: “…The fundamental objective of the Oromo liberation movement is to exercise the Oromo peoples’ inalienable right to national self-determination to terminate a century of oppression and exploitation, and to form, where possible, a political union with other nations on the basis of equality, respect for mutual interests and the principle of voluntary associations…”
This mission statement implies that the future result of the Oromo self-determination can be a UNION if possible, or an INDEPENDENCE if the wished uinion can not be realized. Now it seems that both Daud’s faction and Kamal’s group did give up their hitherto double purpose and they explicitly chose one of the respective possible end-goals (either independence or integration). This new shift of position shows us that Kaayyoo-Oromoo is self-determination through REFERENDUM on independence VS integration (union); the only difference between Daud’s faction and Kamal’s group is thus based on what they will do during the future Oromo public verdict; Daud will advise the Oromo people to vote for an independence (according to Dr. Bayan Asooba), while Kamal will advise to vote for an integration (according to Dr. Nuro Daddafo).
According to these assertions, we do observe that both factions did leave their inclusive double positions, which they used to entertain up to now and started to take a respective single position as described below: Daud took the RF(Russian Federaion)-Model, which is the back-bone of the Oromo liberation movement, while Kamal moved to the left arm of the Oromo liberation movement accepting the UK(United Kingdom)-Model and at the same time seeking an alliance with those in the right arm of the movement, who are promoting the US(United States)-Model like what the G7 is doing.
Thus, the three types of walabummaa/sovereignty usually envisioned by the Oromo nationalists can better be named as the UK-type on the left side of the Oromo political spectrum, the RF-type in the middle and the US-type on the right side. The Oromo national liberation movement having one common cause of bilisummaa/freedom, can also persue these three different types of walabummaa, the different visions, which are the sourses of the still existing pseudo-conflict between the Oromo nationalists.
Ideally, all the Oromo freedom fighters can struggle by cooperating and coordinating our resources for our common agenda, i.e for bilisummaa Oromo and then allow the Oromo public to decide on the type of walabummaa Oromia we want to have (the UK-type ‘Union of Independent Nations’ with Afaan Oromo as the working language or mediating language of the union or the RF-type ‘Independent Republic of Oromia’ or the US-type ‘Union of Integrated Nations’ with Afaan Oromo as one of the working languages or melting languages of the union). Actually, the current conflict between the two OLF factions has nothing to do with the ideology regarding bilisummaa Oromo. They also need not have a discord now because of their respective position regarding the type of walabummaa they want to realize. We can have one of the three types of Walabummaa in the future, based on the Oromo public verdict.
Now, it seems that the left arm of the Oromo liberation movemnt is represented by the OFDM, OLF-K (Kamal’s faction), ONC, OPC and OPDO; the back bone or the middle body of the movemnt being the OLF-A (Amaano’s faction), OLF-D (Daud’s), OLF-I (Ibrahim’s), OLF-Dh (Dhugaasa’s) and ULFO; as well as the right arm is excercised by the position of the Anti-Gujile Oromo nationalists in the AEUP, EPPF, EPRP, G7 and UDJ. Interesting is that none of the results of these three positions is not beneficial for the Oromo people, as long as the future rule of the political game in the region called Ethiopia will be freedom, Afaan Oromo and democracy.
That is why, I do see that neither the move of Kamal’s group from the double position to the left arm nor the shift of Daud’s faction also from the double position to only the middle position of the back-bone is a betrayal of the OLF mission as currently told. Actually the recentt shift to respectively a clear one position of the two factions made the Oromo liberation movement to be the discussion topic of all the concerned stakeholders in the Horn region. The Oromo liberation movement seems to be more smart, offensive and dynamic. We have to look at the positive aspect of the current move, instead of simply accusing each other. Still the three parts of the Fighter-Jet can cooperate with each other and work together against the tormenting Gujile now ruling in Finfinne palace.
What matters most is not the position of their (OLF factions’) gut, but more the direction of their verbal gun. As I can see, their position, be it independent Oromia or integrated Oromia, is not different from the position of the other genuine Oromo nationalists using differnt strategy, even though they all always implicitly or explicitly do advocate the CORE-Kaayyoo of Oromo liberation movement being an independent Oromia. But the foes of the Oromo liberation movment, who are now trying to pour benzin on the pseudo-conflict, do differ from the genuine Oromo nationalists in the ‘direction of their gun’; they do direct their gun (verbal bullet) on Oromo nationalists, who do have different approachs to achieve both bilisummaa Oromo and walabummaa Oromia, whereas the genuine Oromo nationalists consequently and consiously try to direct their gun ONLY unto the current tormenting enemy, i.e unto the Gujile now ruling in Finfinne palace. Our foes do shoot continously the Oromo nationalists, who do have different approach, whereas genuine Oromo nationalists try to tolerate all Oromo political groups having different tactics and strategies to come to the same Kaayyoo-Oromo. So, let all Oromo nationalists check the direction of our gun; we do have no problem with the different positions of our gut; we can love independent Oromia or integrative Oromia as some of us do claim, but just let’s wake up and see how many Oromo nationalists we do sometimes mistakenily kill with our verbal bullet. May Waaqa/Rabbi help us!!
Barreeffamni akkasii kun baay’ee gaariidha. Oromoota gidduutti tokkummaan akka uumamu taasisa. Barreeffamni tokko bifa tokkummaa keenya caalatti diiguun dhiyaata. Akkana ta’uu hinqabu.Barreefamoonni baay’een hogganoota siyaasaa keenyaa kan akka obbo Dauud ibsaa hamilee caccabsa. Akkanas ta’uu hinqabu. Qabsaa’onni kun hamma beekaniifi dandaa’an hojjetaniiru. Nuti warri isaaniin balleessitan jennu hoo ofii maal hojjenneetu. kana yoon jedhu gantoota warra akka Kamaal Galchuutiinis usnee ilaalla jechuu kiyya miti. Isaan kun qabsaa’ota oromoo miti. Beekanis haata’u utuu hinbeekiin Amaaraaf hojjechaa jiru. Wallaalota akkasi gorsuu didan doomsuu qabna.