YEROON ISAA AMMAA WAL BUKKEE DHAABADHU!
Kumsaa irraa | Adoolessa 20, 2012
Yaa Oromoo, ka’ii wal bukkee dhaabadhu,
gantuu, gunamtuu of keessaa balleessii
diina kee kuffisuuf harka wal-qabadhu!
Ilmaan kee keessaa ishiin kaan gowwoomtee,
diina sitti fiddee ijoollee kee harmaa fi harka irraa mursiiftee,
qabeenya kee hundaa heddu si saamsfitee,
‘aadaa kee, seera kee, GADAA kee balleesiftee,
kan diinatti akka bultu si dirqamsiiftee,
yeroo dheeraf si garboomsiftee,
yaa ilmaan Oromoo, dogoggora durii irraa
baradhuu,
ka’ii wal bukkee dhaabadhuu,
yeroon isaa gayee mirga kee falmadhu!
Lafa qaljii qabdaa, kan hundaa magarsuu,
albudaan kees danuu, inni gatii baasuu,
lagdi kees gugurdaa, inni bishaan qabuu,
mirga kee falmannaan namni hin bulu agabuu,
qabeenya kee itti fayyadamtaa,
abbaa mirgaa taateti ofiin of bulchitaa,
akka GADAA keetitti filattee filamtaa,
yaa Oromoo, ka’ii wal bukkee dhaabadhu,
yeroon isaa gayee mirga kee falmadhu!
Biyya kee bilisa baafadhu!
Yaa ilmaan Bareentuu, yaa ilmaan Booranaa,
isa ittiin si gowwoomsan, isa durii sana,
“sambatee”, jaala, abbaa kirstinnaa,
toftaa diinaa hundaa hirraanfadhuu,
akkuma dhala biraatti “dhiiga” kee jaaladhuu,
tokkummaan ka’iitii wal bukkee dhaabadhuu,
yeroon isaa gayee, waanjoo garbummaa ofirraa darbadhu!
Yaa ilmaan Oromoo,
otoo sirriitti xiinxaltee,
addadda qoodamtee diina gargaaruu dhiiftee,
akka atis namaa gad hin taane hubattee,
biyyi kee “jeennataa” otoo tokko taatee.
Yaa Oromoo,
otoo biyya qabduu ijoollen kee rakkattee,
namni gargar baanan waan gootu wallaltee,
ishiin kaan mana hidhaatti dararamtii,
balleessa malee “jilbeeffattii”,
ishiinn kaan qabeenya ishiiti saamamtii,
ishiin kaan biyyaa baqateeti=-
adaala keessatti dheebottee duutii,
ishiin kaan galaanatti nyaatamtii,
ishiin kaan daangaa irratti rukutamtii,
ishiin kaan mana hidhaatti dararamtii,
ishiin kaan bakka hundatti gudeedamtii,
“jaarraa 21 keessatti” gurguramtii,
garboomtee otoo bultuu gubattii,
“jeennata” keessaa hariyamteeti “jahaannama”
keessa jiraattii,
yaa ilmaan Oromoo, hundi keetuu ka’ii wal
bukkee dhaabadhuu,
dhiina kee kuffisii biyya kee bilisa baafadhuu,
akkuma dhala biraatti eenyummaa kee
kabajachiifadhu!
-Kumsaa drirsa@yahoo.com


Dhugaa keetii yeroon amma kan walbukkee dhaabbachuu.Kumaa koo galatoomi
Isa wa-bukkee jedhu kana osoo wal-cina kan jedhutti jijjiirtanii gaarii dha. Sababni isaa bakka tokko-tokkotti “Bukkee” jechuun hiikaa biroo qaba.
Galatoomaa!
Obbo Kumsaa,
Barruun kee bareedaa dha. Garuu, jechi tokko waan heddu balleessuu danda’a. Jechi “bukkee” jedhu kun naannoo Oromoo garii keessatti jecha nama qaanesu. Naannoo gara biroo keessatti ammoo hiikkaa gadhee miti. Bukkee jechuun naannawwan Oromoo garii keessatti homosexual, gay, ykn lesbian jechuu dha.
Jecha waloo ta’e ittiin fayadamuun ni barbaachisa. Fakkeenaaf, wal bukkee jechuu irra wal cinaa, wal bira, wal moggaa, wal madda,yoo jedhame hundinuu waan jedhame akka tokkotti hubatuu danda’u. Wanti barreeffamu tokko lammii hundaaf waan ta’eef, ergaa dabarfachuuf jecha namuu hubatuun barreessuun gaarii natti fakkaata.
Yaa obbaleeyyan koo,Afaan Oromoo sooreesa jechootaati, kunis hogbarruudhaaf hedduu mijjaa’aa isa taasisa, ta’ullee “iechi naannoo tokkof haalaa naannoo biraatiif saala” garuu ergaarratti waan hundaa’uuf Oromoon naannoo kamiyyuu kan walhubatuu natti fakkaata. Knaafuu oboo Kumsaa jabaadhu!
TOKKOO TANE HARKAA WAL QABAANEE …
gosaan yaaduu, kutaafii gandaan yaaduu, lakkisuutu barbaadama waan hundaa dura.
Obboo “Fayyaalleessaa?”,Amma- yoom, harka fuune!Yaada naa kennitaniif heddun isin galateeffadha. Walaloo kana kanan dhiyeesse amman Afaan Oromoo qajeelchee barreessu agarsiisuf otoo hin taane, ‘uummanni Oromoo yeroo kana jabaatee, tokkummaan ka’ee loluun akka irra jiru, akkuma warra kaanii yaada kiyya dhiyeessufi.
Ogeessa afaanii tawuu dandeessu.
Eega jettanii garuu waayee isin jettan kanarratti waannin jecdu tokko jira=-
1. Afaan meeshaa ittiin walii galani.
Afaan tokkoon hennaa dubbatan jechoota (words) addaddaatti fayyadamaniiti.
Jechi (word) tokko hiikoo daddaddaa qabaachuu danda’a. Hiikon jecha sanaa akkaataa hima (sentence) keessatti itti fayyadamanitti.
“Walbukkee” innin jedhee barreesse kun hiikoo biraati qaba jettani. Akkan asirraatti barreessetti annatti waan sirrii natti fakkatef, hubachuuf galmee Afaan Oromoo– Engilizii adda addaa ilaale. Akka isinis ilaaltan!!!
Isaan keessayis-
1.Oromoo-English dic. by Tilahun Gamtaa, fuula 94,
Bukkee=
A. beside (prep)=- wal bukkee taa’ani= They sat beside one another.
B. effeminate (adj). ‘aadaa Oromoo keessatti
dhiirri dhiira (dubartiin dubartii) hin
fuudhu/tu. Asi irraatti hiikon jecha kanaa akkamitti yaada akkanaati qaba jedhamee akka yaadamu ani hin beeku.
2.Galmee jechoota Afaan Oromoo- Amaaraa- Engilizii. Gumii qormaata Afaan Oromootin-
walbukkee= side by side jedha.
Kan birra immoo isinuu ilaaluu, ogeessa tokko tokko faanas( wajjinis) mariyachuu dandeessu.
Karaa biraatin immoo yoo ilaallu, akkuma lakkoofsi ‘uummanni Oromoo baay’atu jechoonni itti fayyadamanis akkuma naannoo nannotti baay’ata. Waan Afaan Oromootin akka hin barreessin dhoowwaa turaniifuu, jecha kanatti haa fayyadamnu kan jedhe seerri hin jiru.
wal bukkee= wal cinaa= wal faana= wal wajjin=—=tokkumman kan jedhu hiikoo qaba.
Akka Booranaan, yookaa Wallaggi, yookaa Maccaan, yookaa Harar dubatutti Arsiin yookaa Wallo haa dubbatu yoo jenne Afaan keenya guddachuu hin dandawu.
Kanaafuu, hamma seerri wayii bayee Afaan Oromoo keessatti jechoota akkanaatti fayyadamuu qabna jedhutti otoo (osoo) hundinuu yaada ofii akkuma itti tolutti/beekutti barreesse bu’aa buusuu danda’a jedheen amana.
Yaada keessaniif garuu heddun isin galateeffadha.
Yaani yeroo ammaa ka’aa jiru namagamachisa garu asirati wanti lalamu qabu seera afaanii(seer-luga) osohinta’in Erga yaani san dabarsu hubachu qabna natifakkata maliif? Yoojane hawaasni Oromoo naannoo adda addaati loqoda adda addaa dubata waanta’eef jechoota adda addaati fayadamuun rakkoo hinqabu natifakata jecha tokko hiika hoggaa iti keninu jechuma sanirrati xiyyeefatu osohinta’in hima(sentances) ini keessa jiruun wal-qabsiifne laaluuqabna kanafu nuti hundinuu yaada yeroo ammaa ka’a jiru kana irratti waligallee qabsoo finiinsuqabna arraas borus tanan furmaani Oromo qabso malee hinjiru ABO nu bilisomsa jannee taa’uu hin qabnu bakka jirtu mudhii kee jabeefadhu ka’i!! INJIFANOON UMMATA BAL’AA