Seife Nebelbal Radio Program, Interviews with Elfinesh Qannoo, Part II
Apology: Elfinesh’s Interview was a repetition from previous week, but now corrected.
October 12, 2012
Apology: Elfinesh’s Interview was a repetition from previous week, but now corrected.
October 12, 2012
Categories: HOA News Tags:
“Mootittiin Warqituu diina morma kutte. Booditi Mayaa waraana meeqafi meeqa qopheessiteeti yeroo dheeraf diina Oromoo barbadeessaa turte.” jedha seenan.
(Dubaroonni Oromoos akka goota ta’an agarsiisa.)
Addee Ilifnesh, waaqayyo baga lubbuu dheertuu, fayyaa fi nagaa ijoollee keessan faana isiniif kenne! Qaaman isin beekuu baadhus, akka sabbontuu Oromoo taatan dhagayeera. Akkuma isin jettan, durumaa calqabee diinni diina caalee ilmaan Oromootti rakkoo fide ilmaanuma Oromoo, warra gantuu taate. Kunoo yeroo dheeraaf ‘uummata keenya rakkisaa jiru.
“Dhalli Oromoo maalin dhala biraatii gad taateti wal gurgurti?” jedhee nama hundumaa gaafadhee deebii isaa argachuu hin dandeenye. Akkuma beekamu, yeroo Xaaliyaanin biyya Toophiyaa qabatte sana Oromootatu fardaan gulufee muyate. Raayyaa Toophiyaa tayee kan hamma ammaatti biyya eegus ilmaanuma Oromooti. Gootota Toophiyaa jedhanii kan waamamaa turan, kan akka Damisee Bultoo hundinuu Oromootuma. Yoo akkana ta’e, rakkoon kamitu akkanatti wal nu jibbisiisee akka diina gargaarree isa keenyaa rakkifnu nu taasise?
Kun ajaa’ibaadha. Isin reebamtanis waan isinirraa lammiin keessan eegu kennitaniirtu. Dhaloonni hegeree isiniin boonti. Ammas taanan, akkuma kanaan duraa bilisummaa ilmaan Oromootti kan gufuu guddaa taye isa “wal qoodani”, keessayyuu warri ABO, abdii bilisummaa Oromoo, addadda bittimsuuf, yookaa warra Amaaraa aangotti deebisuuf tattaafatan (warra biyya alaa jiran), otoo hin nuffin, otoo hin ‘aarin, waan hundumaa obsaa akka isaan deebi’anii walii galan jaarsa ta’aatii, jaarsa itti baasatii nuu kadhadhaa. Hundumtii isaanituu Oromoo jibbu jechuu miti. Akka yeroon, akkaatan, hayyameefitti hamma danda’an hojjataniiru. Garuu hardha gargar ba’anii namoota isaan ordofan gargar baasun dadhabbii isaanii balleessanii kaayyoo dhaabataniif gatuudha. Warra diinaa badhaasudha. Kana waan ta’eefuu, hamma dandeessanitti akka jaroonni kun walii hobsanii, walii galanii wajjin hojjatan uummata Oromootif kadhadhaa! Jaroonni kun gargar bayanii uummata ofii addadda qoodhun, diina jala galanii lammii ofii, biyya ofii rakkisuun rakkoo maalii akka fidu eenyuyyuu caala beeku. Kan isaan lolaa, lolchiisaa turanis rakkina kana balleessuf ture. Hardha garuu basaastuu diinatiinis tayee gidee ofiitifis tayee waan yaada akkanaa isaan jidduutti fide hin beekamuu (ifatti) akka rakkinni kana balleessanii deebianii tokkummaan dhaabatan akka taasiftan abdiin qaba.
Kabaja wajjin!